Akeeka Waaqayyoo Eenyu Iyyuu Hin Dhaabu/No One Can Stop God's Plan
“Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akkeka Kees karaatti kan hambisu hin jiru.” jedha Iyoob erga waan jireenya isaa irratti raawwatame hundumaa argee booda. Dubbii beekumsa ykn hubannaa malee dubbatamuun, qiliilee dhimmanii qotuudhaan yaada ykn akeeka Waaqayyoo nama irratti qabu karaatti hambisuu yaaluun gowwummaa dha. Gowwummaa gara du’aatti ykn gara dheekkamsaatti nama geessuu dha malee akeeka Gooftaa dhowwuun hin danda’amu.Akeekni Gooftaa karaatti hafuu akka hin dandeeny hubachuuf, mee waa’ee nama tokkoo haa hubannu.
Mee jireenya Yoseef, ilma Yaaqoob isa “Israa’el” jedhamee moggaafamee, haa ilaallu. “Obboloonni isaa garuu akka abbaan isaanii obboloota isaa hundumaa caalaatti isa jaallate yommuu argan isa in jibban, nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.” (Uumama 37:4) Namni nama jaallatu tokkoof akka inni waan gaarii godhuuf beekna. Jaalalli abbaa isaatii Yoseefiif caaluun isaa kennaa, badhaasa ykn gochaa isaaniif ta’u irra kan Yoseef akka caalu hubataniiru obbolootni isaa. Kun immoo hinaaffaan isaan keessatti akka biqilu taasise. Hinaaffaanis jibba dhale.
Waaqayyo ittuma dabalee Yoseefiif mul’ata (abjuutiin) kenneef. Abjuu abju’ate kana yeroo inni dhaqee obboloota isaa kanatti himu immoo hiikaa abjuuchaa yaadanii ykn hubatanii ittumaa isa jibban. Kanas sagalee kana keessatti in arganna! “Yoseef abjuu abju’atee, obboloota isaatti yommuu hime, ittumaa caalchisanii isa in jibban.” (Uumama 37:5) Boqonnaa dhuma kana hanga lakkobsa 11tti yoo ilaallee abjuu isaa fi hiikaa isaa (akkaataa isaan yaadanii fi akkaataa abbaan isaa itti hike) in argina.
Akkuma ani gararraatti tuqe, abjuun ykn mul’atni kun hinaaffaa fide; hinaaffaanis jibba, jibbi immoo karaa itti isa (Yoseefiin) balleessan yaada isaaniitti galche. Hiikaan abjuu sanaa akka isaan irratti hin raawwatamneef hiikama yaaddoo isaanii (solution) jedhanii kan isaan yaadan isa ajjeesuu ture. Erga isa ajjeesuudhaaf murteeffatanii booda, isaanuma keessaa immoo tokko boolla gad-fagoo ykn qiliileetti darbachuu wayya jedhee isaan amansiise. Obboloota isaa keessaa kan kana godhe, Ruuben. Kanas sagalee kanatti aanu keessatti arganna. (Uumama 37:21-22 --- “Ruuben garuu yommuu kana dhaga’e, “Kottaa lubbuu isaa hin balleessinuu!” jechuudhaan harka isaanii isa oolche. Yommus Ruuben, “Dhiiga hin dhangalaasinaa, boolla lafa onaa kana keessa isa buusaa malee, harka keessan itti hin buusinaa!” isaaniin jedhe; inni harka isaanii isa olchee, abbaa isaatiif isa deebisuudhaaf ture.”). Yaadni isaanii in geddarame. Kunis, kan Waaqayyoo biraa tahee dha; walii galtee dinootaa irraa ykn maree jal’ootaa irraa kan dhufu ijoolle Waaqayyoo ykn nama Waaqayyo akeeka irraa qabu irratti raawwatamuu akka hin dandeenye argisiisuuf Waaqayyo yaada isaanii nama kana ajjesssuu irraa gara boollatti isa darbachuutti geddare. Achiis yaada isaanii gara biraatti kara nama kan biraa geddare; innis boolla sanaa deebisanii baassu, achiis gurguruu. Kanas sagalee kanatti aanu yoo dubbifattan in argittu. (Uumama 37:26-28 --- “Kana booddee Yihudaan obboloota isaatiin, “Nuyi obboleessa keenya ajjeefnee dhiiga isaa dhoksuun bu’aa maalii qabaa? Kottaa, nuyi warra Ishmaa’el kanatti isa in gurgurraa! Inni obboleessa keenya, foon keenyas waan ta’eef, harka keenyaan waan hamaa isa irrattti hin hojjennuu!” jedhe; obboloonni isaas isaaf in dhaga’an. Warri Ishmaa’el naggaadonni Midiyaan dhufanii in darbu turan; obboloonni isaa Yoseefiin ol harkisanii boollicha keessaa baasanii, meetii ija digdamaan warra Ishmaa’elitti gurguran; isaan immoo Yoseefiin biyya Gibxiitti in geessan.”)
Harka Ormaatti dabarfamee yoo kenname illee Waaqayyo achittis Yoseefii wajjin ture. Mana namicha isa bitatee (gooftaa isaa) yeroo tajaajilaa ture Waaqayyo isaa wajjin waan tureef wanti inni hojjetu wal qixxaataaf ture (Uumama 39:2-3 --- “Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin waan tureef, wanti inni hojjetu wal qixxaateef; inni mana gooftaa isaa nama Gibxii sana keessa ture...”) Kana irraa kan ka’e nama ormaa sana, gooftaa isaa kan ture ykn kan isa bitate sana, duratti faara tolaadhaan ilaalame. Haa ta’u iyyuu malee seexanni yeroo sanattis hin ciifneef. Dura kara obboloota isaa kan irratti ka’ee ture amma garuu kara dubartii ormaa, haadha manaa nama isa bitatee, irratti ka’e. Hawwii ykn kajeellaa foonii ishee keessa kaa’uudhaan fedha Yoseefii wajjin ciisuu laphee ishee irra kaa’e. Isheenis ija ishee isa irra kaa’atte; anaa wajjin ciisi jettees gaafatte (Uumama 39:7 ---“Takka turtee haati manaa gooftaa isaa ija ishee Yoseef irra buufattee, “Anaa wajjin ciisi!” ittiin jette.”).
Kana keessattis Waaqayyo isaa wajjin jiraachuu Isaa hin dhiifne. Fedhiin sun laphee isaa keessa hin bulle; innis hin kufneef. Diinni keenya seexanni garuu yammuu nuti isa jalaa didnu, yeroo nuti isaa wajjin walii galuu didnu, yeroo nuti tokkummaa isaa wajjin godhachuu didnu karaa ittiin ijaa ykn dudda nu ba’u barbaachaaf hin ciisu. Yoseefiinis kanumaaf jecha haati manaa namichaa sobaan akka isa hadheessitu irratti kaase. Dubartiin kun diinummaa isaaaf hin qabdu turte, in jaallatti turte, garuu seexanni ishee gargaaramee Yoseefiin hadheessuutu irra ture. Isheenis abban manaa ishee karaa deeme yemmuu deebie, akkumaa inni mana ga’een Yoseefiin itti hadheessuu jalqabde (Uumama 39:17 --- “…Garbichi Ibirichi inni ati nutti fidde, anatti taphachuudhaaf anatti ol gale;…”). Iddoo kana yoo dubbiftan, akkaataa isheen himata ishee itti jalqabde yemmuu ilaalu dhugaa dubbachuudhaan eegalte ykn jalqabde. Dhuguma garbicha bitatanii dha, dhuguma nama Ibiruu ti. Garuu wanti sana booda jiru hundi soba, maqaa Yoseef faaluudhaaf kan dhiheeffamee dha. Nutis har’a kan nuti hubachuun nu irra jiru, diinni ijoollee Waaqayyoo (seexanni) maqaa isannii balleessuu ykn xuressuu yemmuu jalqabu wanta dhugaa fakkaatu dura kaa’uudhaan akka ta’ee dha. Hubachuun gaarii dha. Hubachuu dhabuun eebba nama jalaa hambisiisa. Abban manaa dubartii sanaa, manni isaa Yoseef irraa kan ka’e akka garmalee eebbifame beeka ture. Yeroo haaati manaa isaa dubbii dhara ykn soba itti himte, murtii mana hidhaatti Yoseefiin darbachuutti jarjaruu isaa dura Yoseef irra dhaga’uutu irra ture . Kun immoo hubannaa dhabuu isaa irraa kan ka’ee dha; kun immoo eebbaa isaa sana isa dhabsiisuu danda’a.
Yoseef garuu (akkuma gaafa obboloota isaatiin bollatti yemmuu darbatame Waaqayyoo isaa wajjin ture) mana hidhaattis Waaqayyo isaa wajjin ture. (uumama 39:21 ---“Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin ture, gaarummaas isatti argisiise; namichi mana hidhaa eegus faara akka inni itti tolu in godheef.”) Namicha mana hidhaa eegu sana durattis akka inni faara tolaadhaan ilaalamu godhe Waaqayyo. Achittis wanti inni hojjetu wal qixxaataaf ture (uumama 39:23 ---“Waaqayyo Yoseefii wajjin ture, waanuma inni hojjetu waan isaaf wal qixxeessuuf, namichi mana hidhaa eegu sun waan eegumsa Yoseef jala galche hundumaa isatti dhiise, isa harkattis hin lakkofne.”) Waaqayyo akeeka si irraa qabaannaan, boolla dukkanaa keessattis ta’e biyya ormaa keessatti akkasumas mana hidhaa ati firdii ykn murtii jal’inaan keessatti darbatamtu keessatti yeroo hundummaa Inni si wajjin in ta’a. Ati garuu bakka hundaatti wanta Waaqayyo duratti qajeelaa ta’e hojjechuu hin dhiisin, foon kee si hin mo’in.
Yoseef mana namicha garbichummaatti bitatee keessatti amanamummaadhaan hojjete, Waaqayyos isaa wajjin ture, manichis in eebbifame. Mana hidhaa keessattis gargaarsa Waaqayyootiin abjuu namoota hike (Uumama 40:8-13). Abjuu kana mana hidhaa kana keessatti hiikuun isaa immoo mana mootii keessattis abjuu mootiichaa, mootii Gibxii, hiikuuf akka waamamu ce’umsa isaaf ta’e. Gargaarsa Waaqayyootiin waan qajeelaa fi waan gaarii har’a hojjechuun kee gara isa fooyya’eetti akka ceetuuf si gargaara. Yoseef mana mootichaatti waamame (Uumama 41:14 ---“Kana irratti mootiin Gibxii ergee Yoseefiin in waamsise; isaan boolla mana hidhaa sana keessaa ariifachiisanii isa fidan; inni haaddatee, uffata isaas erga diddiirratee, gara mootii Gibxiitti in dhihaate.”). Waamamuu duwwaas miti, abjuu mootichaas in hiike. Abjuun kun hiikamuu isaa duwwaas miti, mootichis kennaa kana Yoseef Waaqayyoo biraa akka argate dhugaa ba’e, isa jajes. (Uumama 41:39 ---“Mootiin Gibxii yemmus Yoseefiin, “Erga Waaqayyo kana hundumaa akka ati beektu godhee, namni hubataanii fi ogeessi akka keetii hin jiru…”). Kana irra darbee immoo mootichi ta’itaa ykn aangoo isaa Yoseef jala galche (Uumama 41:40-41 ---“…ati mana koo irratti gooftummaa in fudhatta, sabni hundinuu akka ati ajajjutti in abboomamu, ani immoo teessoo mootummaa koo duwwaadhaanan si gararraa jira” jedhe. Mootiin Gibxii ammas Yoseefiin, “Kunoo, ani guutummaa biyya Gibxii irratii aboo siif kenneera” jedhe.)
Kana boddee dha egaa baroota dura abjuu Yoseef abjootee ture kan mirkanaa’e. Abjuu namootaa erga hiikee booda kan isaas dhugoome (Uumama 42:6 ---“Biyya Gibxii hundumaa inni bulchu, namoota biyya hundumaattis inni midhaan gurguru Yoseef ture; obboloonni Yoseefis dhufanii isa duratti dhihaatanii, hamma mataan isaanii lafa ga’utti in qoomma’aniif.”) Dinni wanta Macaafa Qulqulluu keessatti Uumama 42:6 irratti ta’uuf jiru kana abjuu Yoseef keessaa obboloota isaatti argisiisuudhaan hanga isa balleessanitti akka isaan yaadan taasisee ture. Waaqayyo garuu akeeka kana caalu Yoseef irraa qaba ture. Innis, Yoseef namootaaf eebba ta’uu, namootaa fi mootiif abjuu hiikuu, saba Gibxii fi saba naannoo sanaa, obboloota isaa, abbaa isaa, firoota isaa fi lammii isaa dabalatee beela irraa akka oolan taasisuu dha. Yoseefis ogummaa Waaqayyo kenneef gargaaaramee in raawwate. Akeekni Waaqayyoos bakka ga’e. Akeekni Waaqayyo namaaf qabu utuu karaatti hafuu in danda’a ta’ee, gaafa Yoseefiin ajjeesuu yaadan obbolootni isa karaatti in hambisu turan. Garuu hin taane. Iyob kana qulleessee lafa kaa’eera . …” Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akeeka kees kan karaatti hambisu hin jiru.” (Iyob 42:2)
Qajeelummaa, abboomamuu fi amanamummaan yeroo hundaa seera ittiin deddeebi’uu keenyaa ykn 'Principles’ keenya taanaan, danqaan, gufuun, ykn haxxummaan diinaa (seexanaa) nu hin danda’u. Inni Yoseefiin hin dandeenye; har’a immoo caalaatti iyyuu nu hin danda’u, Kiristoos waan nu wajjin ta’eef. |