Home

About Us

Media

Prayer

Articles

Favorite Links

Comments
KKM - Jesus Is Lord! Yesus Gooftaa Dha!
Jesus Christ is the same yesterday and today and forever. Heb 13:8
Jesus For You
Jesus Will Return
Jesus For You
Bible Quizes
Bible Resources
Daandii Jireenyaa TV
Testimonials

Yesus Si Barbaachisa

Namni Ilma Waaqayyoo (Yesusiin) qabaatu jireenyicha qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu."  1Yoh 5:12

Karaa lamatu jireenya keenya dura kaa'amee jira. Karaa inni tokko bal'aa ykn boochoo dha; inni kaan immoo rakkoo ykn dhiphaa dha (Maatewos 7:13) Karaa inni bal'aan sun gara badisaatti, gara du'aatti, gara du'a bara baraatti geessa; inni dhiphaan immoo gara jireenyaatti, gara jireenya bara baraatti geessa. (Maatewos 7:14) Namootni kara isa dhiphaa sana argatan muraasa, kan inni argamus kara tokkicha. Namni Yesus Kiristosiin jireenya isaa irratti hin moosifanne, Yesusiin akka fayyisaa lubbuu isaatitti hin qabaanne, Yesusiin akka Gooftaa isaatiitti hin qabaanne karaa dhippaa sana argachuu hin danda'u.Yesus Kiristosin akka fayyisaa lubbuu keetiitti amante hin qabdu taanaan kara badiisaa irra jirta jechuu dha. Du'a bara baraa isa gara si'olitti si geessu irratti fincili. Jireenya bara baraa isa mootummaa Waaqayyoo keessa si jiraachisu fo'adhu. Maaddii mootummaa Waaqayyoo irraa warra hirmaatanii wajjin atis hirmaadhu. Innis karaa Ilma Waaqayyoo Gooftaa keenya Yesus Kiristoos argama.["Namni Ilma Waaqayyoo (Yesusiin) qabaatu jireenyicha qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu." 1Yoh 5:12]

Lubbuu haaraa kanaan dura Goftaa Yesusiin kan hin argatin carraan kee amma. Waaqayyo lubbuu fi jireenya keef karoora waan qabuuf iddo kana si fideera. Kunis baroota dura kan siif karooramee dha. Sagaleen Waaqayyoo akka dhugaa nuuf ba'utti, dur-dur utuu nuti garaa haadha keenyaa keessatti hin uumamin Inni nu beeka. Namni foonii dadhabaa akka ta'es waan beekuuf, cubbamoota ta'uu keenyas waan hubatuuf, akkasumas immoo du'a bara baraatti dabarfamnee kennamuun (si'olitti galuun) keenya waan Isa hin gammachiifneef, Waaqayyo ilma Isaa isa tokkicha Gooftaa keenya Yesus Kiristosiin dabarsee nuuf kenne. Nutis du'a isaatiin jiraatoo taane. "Waaqayyo, akkasitti tokkicha Ilma Isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo Isatti kan amanu
hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti." (Yoh 3:16) Iddoo biraatti immoo karaan gara Waaqayyo abbaatti nama geessuu danda'u Gooftaa Yesus qofa akka ta'e in argina. "... Karichi, dhugaan, jireenyis Ana; Anaan yoo ta'e malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu." (Yoh 14:6)

Namni kami illee yoo afuura irraa dhalachuu baate mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u. Kanas Yesus dhugaa nuuf ba'eera. Akkana jedha... "Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluutti yoo dhalachuudhaa baate, mootummaa Waaqayootti galuu hin danda'u." (Yoh 3: 5,6) Yesus Ilma Waaqayyoo ta'uu Isaa, durba dhirri bira hin ga'in irraa dhalachuudhaan nuuf jedhee gara biyya lafaa kana dhufuu Isaa, nuuf jedhee dhiphachuu Isaa, nuuf jedhee fannoo gubbaatti du'uu Isaa, du'a keessaa kaafamuu Isaa, gara Waaqayyoo Abbaatti ol ba'uu Isaa, mirga Waaqayyo Abbaa taa'ee jiraachuu Isaa fi debi'ee akka Inni dufuuf jiru, dhufees murtii kennuuf akka Inni jiru Macaafni Qulqulluu nuuf ibsa. Akka kanatti yoo amante, jireenya lammaffaa dhalachuu in dandeessa.

Egaa yaa obboleesso/obboleettii, du'a bara baraa irraa gara jireenya bara baratti akka ceetuuf (hirmaattuu mootummaa Waaqayyoo akka taatuuf) waamicha siif goona. Yoo Gooftaa keenya Yesus Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu keetiitti fudhachuuf murteessite, kadhannaa kanaa gadii amantiidhaan kadhadhuutii Yesusiin jireenya keetti afeeri. Innis boqonnaa, nagaa fi jireenya siif in kenna. Kadhannaa kana amantiidhaan kadhadhu...

"Yaa Waaqayyoo, cubbuu koo hundumaa Ati naaf dhiisi. Kanas waan gootuuf, Sin galateeffadha. Amma immoo dhugaa sagalee Keetii dhaga'ee, amanee itti jirachuudhaaf ani murteesseera. Tokkicha ilma Kee isa Ati dabarsitee anaaf laatte, Yesus Kiristosiin akka fayyisaa lubbuu kootii fi Gooftaa kootiitti fudhachuudhaaf murteesseera. Kana booddee biyya lafaa, sexanaa fi hojii isaa ganee Si wajjin jiraachuuf murteeffadheera. Kana hundumaa irratti immoo Ati na gargaari, maqaa Yesusiin, Amen!"

Ammaa kaasee egaa ati kan biyya lafaa miti. Waaqayyo cubbuu kee hundumaattii dhiiga Ilma Isaa Yesusiin si irraa dhiqee, si qulleesseera. Waan si jaallateef, Inni dhaaltuu mootummaa Isaatii si taasiseera. Egaa Macaafa Qulqulluu argadhuutii yeroo yerootti dubbifadhu; gara Waldaa Kiristiyaanaa naannoo kee jiru dhaqiitii jaarsolii Waldaatti of beeksisi. Gooftaan si haa eebbisu; amma egaa jireenyi kee akka isa kanaan duraa hin ta'u. Kana boodde ati nama haaraa taateetta. Dhuga ba'umsa kee nuuf ergi.

Home
About Us
Media
Prayer
Articles
Favorite Links
Comments