Waanuma tokko isin maqaa Kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha.
Yohannis 14:14
Akka fedha Isaatti yoo kadhanne Inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti Isa in amanna. Kadhata keenya akka Inni nuuf dhaga'u yoo beeknne, waan kadhanne akka Isa biraa argannus in beeknna.
1Yohannis 5:14-15
|
Kiristoos Deebi’ee in Dhufa/Christ WILL RETURN
"But of that day and hour no one knows, no, not even the angels of heaven, but My
Father only. Therefore you also be ready, for the Son of Man is coming at an hour when
you do not expect Him". Matthew 24: 36-44
Yesus itti dabalee, “Rakkina guyyoota sanaa booddee, achumaan biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa
ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harca’u, humnoonni bantii waaqaaas in raafamu. Yommus
milikkinni Ilma Namaa waaqa keessatti in mul’ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uuf
jiru; Ilmi Namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu Isaa arguuf
jiru.” (Maatewos 24:29-30) Gooftaan keenya Yesus Kiristos kana kan Inni jedhe gaaffilee bartoota
Isaa irraa dhiyaateef yommuu deebii kennu ture. Gaaffiin dhiyaateefis ‘milikkinni dhufa Isaa, kan
dhuma barichaa, fi yeroon isaa yoom akka ta’e’ kan gaafatu ture. (Maatewos 24:3) Gooftaanis
milikkitootaa fi rakkina ta’uuf jiran (Maatewos 24: 5-28) erga bartoota Isaa hubachiisee booda kan
Inni deebi’ee dhufuun Isaa yeroo hin beekamnetti ta’uu isaa beeksise. Garuu qophaa’oo akka isaan
ta’an (Maatewos 24:44) isaan hubachiise. Fakkeenya kennee barsiise keessatti warra qophaa’anii fi
warra hin qophaa’in gidduutti garaagarumma ta’u (Maatewos 25:1-13), akkasumas warra
amanamanii tajaajilanii fi warra hin amanamne giddutti garaagarummaa ta’u (Maatewos 25:14-30)
isaan barsiisee ture. Akkasumas fakkeenya biraa (Maatewos 24:45-51) keessatti immoo hojjetaa
ija/haala/yeroo ilaallatee fakkeesuudhaaf hojjetu gatiin isaa maal akka fakkaatu barsiisee ture. Waa’
ee deebi’ee dhufuu Ilma Namaa yeroo dubbannu, deebi’ee dhufuuf deemuun akka jiru beekamaa
dha. Fakkeenyota Inni barsiise (olitti Macaafa Qulqulluu keessaa kan xuqaman) keessatti, deemuu
Issaa dhirsa misirroo fuudhaaf deemee yeroo dheeraa ture yookiis nama biyya fagoo deeme tokkotti
fakkessee dubbate. Innis akka deemuuf jala ga’e beeka ture; guyyaan murames akka jala ga’e akka
gaariitti beeka.
Karaan adeemsa Isaas du’uudhaan jalqabame, jireenya barabaraan immoo bakka deemu sana ga’e.
Haale Luuyaa! Inni bifa Waaqayyoo ykn ulfina Waaqayyummaa isa Abbaa Isaa wajjin wal Isa
qixxeessu utuu homaatti hin lakkaa’in (Filiph 2:6-8) nuyi warra cubbamoof jedhee yakka keenya Of
irra kaa’ee nuuf du’e; du’a keessaa iyyuu du’a warra saamtotaa, du’a warra yakkamoota, du’a nama
abaaramee, du’a fannoo irrattii du’e. Jal’inaan itti murteeffamee gara fannootti yommuu Inni
adeemaa ture kaan in kabalan, kaan in rukutan, kaan dhiiga Isaa lolaasan, kaan itti tufan. Fannoo
gubbaattis kaan itti ga’isan, kaan in waraanan. Warri Isa duukaa bu’anii turan immoo in gaddan,
abdiis kutatan – du’ee hafa se’anii. Lakkii, Inni du’ee hin hafne. Guyyaa sadii booddee angafa ta’ee
warra du’an keessaas humna Waaqayyootiin kaafamee mirga Abbaa Isaa taa’e. (1qor 15:20 )
Waaqayyo Abbaan Inni karaa Kiristos nuufis Abbaa ta’e du’a keessatti Isa dhiisuuf hin turre, hin
dhiifnes. Aangoon du’aa in caccabe; Yesus du’aa in kaafame. (Maatewos 28:6) Misiraachoo!
Akkaataa hin mamsiifnettis bartoota Isaatti yeroo baay’eef mul’atee, guyyaa afurtamaaf lafa kana
irra deddebi’ee iddoo ulfina Isaatti ol ba’e. (H.E. 1:3,9) Inni hamma bara-baraatti jiraata; du’a irratti,
balbala iddoo warra du’anii banu irrattis gooftummaa qaba (furtuu balbala Si’olii fi du'aa qaba) (Mul 1:
18) Akkuma abdachiise, Gooftaan keenya Yesus Kiristos iddoo nuuf qopheessuuf deemee ol gubbaa
jira; eega iddoo jireenyaa nuuf qophessee gara mana Abbaa Isaatti (gara Abbaa keenyaatti) nu
fudhachuuf deebi’ee in dhufa. (Yoh 14:2-3) Du’i Isaa kun nuyi warra maqaa Isaatti amanneef
jireenya bara-baraa ta’e. Gammachuu Gooftaan keenya kun itti jiraatutti galuuf jenna. Eyyee,
hubadhaa! Gooftaan deebi’ee in dhufa. Warra kaaniif in dhufa, warra kaanitti in dhufa.
Akkamiti dhufaa? Yesus inni gara waaqaatti ol fudhatame kun ulfinaan in deebi’a. (H.E. 1:11)
Akkaataan dhufaatii Isaatii akka kanaan duraa gad deebi’uudhaan, dhiphinaa bachuuf, salphinaaf,
akkasumas ari’atamuuf utuu hin ta’in ulfinaan biyya lafaatti firdii kennuuf ergamoota Isaa wajjin
dhufa. (Maatewos 25:31-46) Dura biyya lafaa fayyisuuf, amma immoo itti faraduuf dhufa. Warra Isa
eeggatan fayyisuu (Ibr 9 :28) fi jireenya bara-baraatti dabarsuuf (Yoh 3:16), warra Isatti amanuu
didan immoo adaba bara-baraatti isaan dabarsuuf (Maatewos 25:46) dhufa.
Yeroo Inni dumessa irraan ulfinaan deebi’ee dhufu warri Isa waraanan, warri Isa dabarsanii kennan,
warri Isa ajjeesanii fi ajjeesisan, warri Isa ganan isa arguuf jiru. (Mul 1:7,8) Yeros sagaleen angafa
ergamootaa in dhaga’ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama, nuyi immoo qilleensa keessatti
Gooftaa simachuuf ol in butamna, yeroo hundaas Isaa wajjin in jiraanna. (1Tasal 4:15-18) Gooftaan
keenya yeroo dhufuu harka duwwaa hin dhufu, garuu hundumaaf akka akka hojii keenyaatti gatii
keenya nuuf fidee dhufa. (Mul 22:12) Akkuma dubbiin Waaqayyoo jedhu, gatii keenya fudhachuuf nu
kessaa hundumtinuu adda addaan waan goone, waan dubbatne, waan hojjetne sababii isaa wajjin
Waaqayyotti himuuf jirra. (Rome 14:12) Inni hatu, in ejju, inni ajjeesu (foonis haa ta’u maqaa
namaa), inni waldaa keessatti wal fakkeessee jiraachuu barbaadu, inni namootaaf boolla qotu, inni
namoota irratti sobaan dhugaa ba’u, inni of tuulu, inni namatti faradu, inni xixinnayyoota gufachiisu,
akkasumas in kiristiyaanota ari’atu sababii isaa wajjin dhiyeeffata. Gooftaan inni abbaa firdii qajeelaa
immoo warra akkasiif gatii warra jal’ootaa ykn gatii warra hin amannee kennaaf jechuu dha. Deebi’
ee dhufuu Gooftaa yoo yaadanne, hubannaa isaas yoo qabaanne garuu hojiin dalgaa kun hundumtu
nuun hin hojjetamu. Firdiin warra jal’ootaas nu irra hin ga’u.
Akkuma barreeffame, guyyaa Gooftaan keenya Yesus Kiristoos deebi’ee dhufu eenyu iyyuu hin
beeku. (2Phex 3:10) Yeroo nuun hin eegnetti akka nu irra hin baaneef yeroo hundumaa qopha’oo ta’
uu qabna. (Luq 12:40) Akka durboota warra gowwota shanii dhirsi misirroo sun irra ba’eetti
(Maatewos 25:1-13) utuu nuti hin qophaa’in akka nu irra hin baane. Ibsaan keeny ifaa, dhadhaan
ejersaa keenyas guutuu ta’uu qaba. Yookiis immoo akka namicha isa meetii kuma tokko fuudhee
owwaalee gaafa namichi deebi’ee gaafatu bakka owwaalee baasee fidee akka hin taane. (Matewoos
25:24-30) Bu’aa qajeelinaan argame tokko utuu hin qabaatin akka hin argamne. Amanamummaatu
nu irraa eegama. Bu’aa qajeelaa, ija gaarii agarsiisuu qabna. Mukni gaariin ija gaarii, mukni
gadheenis ija gadhe akka godhatu Goftaan keenya Yesus Kiristos Maatewos 7:15-20tti nu hubachiisa.
Mukti ija gadhee godhatu sun immoo muramee ibiddatti akka naqamu bakkuma kanatti in argina.
Sagalee Misiraachoo isa nu bira ga’ee nutti kenname dhugaa ba’aa obsaan eeguun nu irraa eegama.
Sagalee Waaqayyoo isa dhugaa kana yeroo dabarsinus rakkina keessa darbuutu jira, ajjeefamuutu
jira (fooniin ykn maqaadhaan), saba hundumaa biratti jibbamuutu jira; namni jabaatee dhaabatu
garuu in fayya (Mat 24: 9-14) Ulfini inni Waaqayyo nuuf qopheesse guddaa waan ta’eef yaada
keenya isa waaqa irraatti hiinee isa waaqa irraa eegachuutu nuuf ta’a. (Qola 3:2-4 ) Isatu caala woo.
Biyya lafaa kana irratti Kiristosiif jennee yoo miidhamne iyyuu gammaduu qabna.
Dimshaashumatti, Yeroo hundumaa qulqullumaadhaan fuula Waaqayyootti damaqanii argamuun
barbaachisaa dha. Nuti qulqulluu ta’uu waan hin danda’iniif Inni qajeelota nu taasisuu fi qulqullaa’
otatti nu dabaluu jaallate. Qulqullummaa isa Inni dhiga Isaatin nu argachiise sana eeggachuutu nu
irra jira. Erga Kiristiyaanota taanee nuti duuka buutuu Yesus Kiristos. Isa fakkaachuutti guddachaa
deddeebina ykn jiraanna. Kiristos immoo qajeelaa dha jal’inni keessa hin jiru; dhugaa dha sobni
keessa hin jiru; jaalala jibbi keessa hin jiru; qulqulluu dha mudaa hin qabu; amanamaa dha waliin
dha’uun biratti hin argamu; obasaa dha nuffuun bira hin jiru. Kan Ilma Waaqayyoo, Gooftaa keenya
Yesus Kiristositti hin amanin jirus amanuudhaaf guyyaan isaa har’a. Guyyaan borii kan kee miti woo.
Inni deebi’ee in dhufa!! Qophoofteetta? Jireenya bara-baraa moo adaba bara-baraa? Filmaati isaakan
kee ti.





