Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha.
Yohannis 14:14
Akka fedha isaatti yoo kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti isa in amanna. Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beeknne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beeknna.
1Yohannis 5:14-15
|
Gooftaa Yesus Maaliif Biyya Lafaa Dhufe? / Why Did Jesus Come?

Gooftaa Yesus gara biyya lafaa maaliif dhufe? / Why Did Jesus Come?
Waaqayyo yeroo jalqaba nu uume akka bifa Isaatti, akka fakkaattii Isaatti nu uumee, uumama
hundumaa irratti immoo aangoo akka qabaannu nu taasise (Uumama 1:28). Seexanni garuu booda
haxxummaa isaatiin kana hundumaa nu harkaa fudhatee ofii isaaf nu taasifachuu barbaadee ture.
(Remember Adam and Eve?) Yesus aboo kana nuuf deebisuudhaaf, cubbuu keenya nu irraa fuudhuuf,
warra badee turre nu barbaaduuf, akkasumas Waaqayyoof nu booji’ee jireenya nuuf kennuuf gara
biyya lafaa gad of deebisee, foon uffatee dhufe.
Keeyyata lamaan asii gadii keessatti Gooftummaa fi Waaqayyummaa Yesus, akkasu-
mas, jalqabaa kaasee jiraataa ta'uu Isaa ilaalla.
Yesus Ofii Isaaf jalqaba waan hundumaa dura ture, Waaqayyo bira ture, wanti hundumaas Isumaan ta’
e (Yohannis 1:1-3). Inni Abrahaam dura akka ture utuma Inni dubbatuu Macaafa Qulqulluu keessatti in
argina (Yohannis 8:58). Isuma durumaa kaasee ture kanatu foon uffatee nu gidduu buufate (Yohannis 1:
14). Ulfina Waaqayyummaa isa Abbaa Isaa wajjin wal-qixxeessu utuu qabuu nuuf jedhee gad of
deebisee, bifa gabrummaa fudhatee, fakkaattii namummaatiin in dhalate. Inni waan hundumaa gochuu
danda’u sun gad of deebisee hamma fannifamee du’utti abboomamaa ta’e. Jilbeenfatanii sagaduuniif
akkasumas Yesus Kiristoos Gooftaa akka ta’e beeksisuun in ta’eef (Filiphsiiyus 2:6-11). Waaqayyo
Abbaa fi Yesus Kiristoos tokko akka ta’anis Innumti keessaa baasee nutti himeera (Yohannis 10:30).
Bakka biraatti immoo, Abbaan Isa keessa, Innis Abbaa keessa akka jiru dhugaa nuuf ba’eera (Yohannis
11:14).
Yesus bartoota Isaatti Gooftummaan hundinuu waaqa irrattis lafa irrattis akka kennameef beeksisee
ture (Maatewos 28:18). Bartootni Isaa kun Gooftummaa isaas Waaqayyummaa Isaas hubataniiru
(Yonannis 20:28). Kutaa kana keessatti, Toomaas “Gooftaa koo, Waaqayyoo koo” yeroo inni Yesusiin
jedhu in argina. Iddo biraattis Waaqayyummaa Isaatiin yeroo Inni waamamu in argina. Ergaa gara
Ibrootaatti ergame keessatti, “Teessoon Kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti..” (Ibroota 1:8) kan
jedhu barrefameera. Waqayyummaan kun Waaqayyo Ilmaaf akka ta’e ifaa dha.
Egaa, erga kana beeknee, mee maaliif akka Inni dhufe kan argisiisan keessaa iddoo
tokko tokko Macaafa Qulqulluu keessaa akka asii gadiitti tarreessina:
- Waaqayyo Abbaa mul’isuuf (Maatewos 11:27)
• "Abbaan Koo waan hundumaa dabarsee Anatti kenneera; Abbaa duwwaatu Isa beeka malee, Ilma
kan beeku tokko illee hin jiru, Ilma Isaa fi warra Ilmi Isaa itti mul’isuu barbaadetu Abbaa beeka malee,
Abbaa kan beekus tokko illee hin jiru."
- Lubbuu Isaa furii namootaaf Kennuuf, hojjechuufiifis (Maatewos 20:28)
• “Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne; namootaaf hojjechuu fi lubbuu Isaa
furii namoota baay’eedhaaf kennuuf dhufe malee."
- Biyya lafaa fayyisuuf (Yohannis 3:17)
• "Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa Isaan haa fayyuuf Ilma Isaa biyya lafaatti
erge malee."
- Isa bade barbaadee fayyisuuf (Luqaas 19:10)
• "Ilmi namaa isa bade barbaaduudhaaf fayyisuudhaafis dhufeera."
- Misiraachoo mootummaa Waaqayyoo lallabuuf (Luqaas 4:43)
• "Inni garuu “Misiraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun Ana irra
jira, kanaafanuu ergame” isaaniin jedhe."
- Fedha Abbaa raawwachuuf (Yohannis 6:38)
• " Fedha ofii Kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa Ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa
gadi bu’e malee."
- Dubbii Abbaa kennuuf (Yohannis 17:8)
• "Dubbi Ati Anaaf kennite hundumaa Ani immoo isaaniif kenneera. Isaanis fudhatanii, Ani Si biraa
akkan dhufe dhuguma hubatan; akka Ati Ana ergites amanan."
- Dhugaadhaaf dhugaa ba’uuf (Yohannis 18:37)
• "Philaaxos, “Yoos immoo ati mootii dha kaa?” jedheen; Yesus deebisee, “Akka Ani Mootii ta’e ati
iyyuu in jetta, dhugaadhaaf dhugaa ba’uufan gaara biyya lafaa dhufe; inni kan dhugaa ta'e hundinuus
sagalee Koo in dhaga’a.” jedhe."
- Du’uu Isaatiin aangoo seexanaa balleessuuf (Ibroota 2:14)
• "Ijoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta’an, inni “Obboloota koo” jedhee waamu kunis akkuma
isaanii ta’e; du’a Isaatiin Seexana isa humna du’aa qabu balleessuudhaaf nama ta’e."
- Hojii Seexanaa diiguuf (1 Yohannis 3:8)
• "Seexanni jalqabaa jalqabee cubbuu waan hojjeteef, namni cubbuu hojjetu kan seexanaa ti; Ilmi
Waaqayyoo immoo hojii Seexanaa diiguuf mul’ate."
- Seeraa fi barsiisa raajotaa raawwachuudhaaf (Maatewos 5:17)
• " Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se’inaa; Ani isaan
raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne."
- Jereenya kennuuf (Yohannis 10:10)
• "Hattuun waan biraaf utuu hin ta’in, hatuudhaaf, qaluudhaaf, balleessuudhaafis in dhufti; Ani
garuu hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera."
- Jireenya bara baraa kennuuf (Yohannis 10:28)
• "Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna; isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka
Koo keessaa isaan hin baafatu."
- Du’a namootaa dhandhamuuf (Ibroota 2:9)
• "Haa ta’u iyyuu malee, isa yeroo gabaabaadhaaf ergamootaa gadi ta’ee, dhiphatee du’uu Isaatiin
amma gonfoo guddinaa fi ulfinaa mataa Isaa irra kaa’ate, Yesusiin in argina; kunis ayyaana
Waaqayyootiin Inni nama hundumaaf du’a miyeeffatee akka ilaaluuf ta’e."
- Angafa lubootaa ta’uudhaaf (Ibroota 2:17)
• "Kanaafis, Inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo’a-qabeessaa fi amanamaa ta’
uudhaaf, karaa hundumaa obboloota Isaa fakkaachuu Isa barbaachise."
- Firdii kennuudhaaf (Yohannis 9:39)
• "Yesus ammo, “Warri hin argine akka argan, warri arguutti jiran immoo jaamota akka ta’an,
firdii kennuudhaaf Ani gara biyya lafaa kana dhufeera” jedhe."
- Cubbuu balleesuudhaaf (1 Yohannis 3:5)
• "Kiristos cubbuu balleessuudhaaf akka mul’ate in beektu; Inni garuu cubbuu hin qabu."
- Ifa nuuf ta’uudhaaf (Yohannis 12:46)
• "Eenyu ille kan anatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, Ani ifa ta’ee gara biyya lafaa
kanaa dhufeera."
- Lallabuudhaaf (Maarqos 1:38; Maatewos 4:23)
• "Yesus garuu, “Ani isaaf waanan ba’eef, achitti akkan lallabuuf kottaa gara mandaroota nutti
aananii in dhaqnaa!” isaaniin jedhe"
• "Yesusis guutummaa Galiilaa keessa naanna'ee, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa,
wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namootas dhukkubaa fi dhibee hundumaattii fayyisaa ture."
- Warra cubbamoota waamuudhaaf (Maarqos 2:17)
• "Yesus kana yommuu dhaga’e, “Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan,
dhukkubsatootatu barbaada malee; Ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, warra
cubbamoota waamuufan dhufe malee” isaaniin jedhe."
- Hubannaa dhugaa beekuu nuuf kennuudhaaf (1 Yohannis 5:20)
• "Ilmi Waaqayyoo dhufee isa dhugaa sana baruudhaaf hubannaa akka nuuf kenne nuyi in beekna."
Walumaa galatti garuu Yesus kan Inni gara biyya lafaa kana dhufeef, nuu fi isiniif
jireenya bara baraa kennuuf.

2006-2008. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
|
Ammas waa hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun,
galata dhiheessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamu nan gorsa.
1Xim 2:1