Have Jesus /Kadhata Lubbuu Haaraa

"Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne,
jireenyicha hin qabu." 1Yoh 5:12
Karaa lamatu jireenya keenya dura kaa'amee jira. Karaa inni tokko bal'aa ykn boochoo dha; inni
kaan immoo rakkoo ykn dhiphaa dha (Maatewos 7:13) Karaa inni bal'aan sun gara badisaatti, gara
du'aatti, gara du'a bara baraatti geessa; inni dhiphaan immoo gara jireenyaatti, gara jireenya bara
baraatti geessa. (Maatewos 7:14) Namootni kara isa dhiphaa sana argatan muraasa, kan inni
argamus kara tokkicha. Namni Yesus Kiristosiin jireenya isaa irratti hin moosifanne, Yesusiin akka
fayyisaa lubbuu isaatitti hin qabaanne, Yesusiin akka Gooftaa isaatiitti hin qabaanne karaa dhippaa
sana argachuu hin danda'u.Yesus Kiristosin akka fayyisaa lubbuu keetiitti amante hin qabdu taanaan
kara badiisaa irra jirta jechuu dha. Du'a bara baraa isa gara si'olitti si geessu irratti fincili. Jireenya
bara baraa isa mootummaa Waaqayyoo keessa si jiraachisu fo'adhu. Maaddii mootummaa
Waaqayyoo irraa warra hirmaatanii wajjin atis hirmaadhu. Innis karaa Ilma Waaqayyoo Gooftaa
keenya Yesus Kiristoos argama.["Namni ilma Waaqayyoo (Yesusiin) qabaatu jireenyicha qaba;
namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu." 1Yoh 5:12]
Lubbuu haaraa kanaan dura Goftaa Yesusiin kan hin argatin carraan kee amma. Waaqayyo lubbuu
fi jireenya keef karoora waan qabuuf iddo kana si fideera. Kunis baroota dura kan siif karooramee
dha. Sagaleen Waaqayyoo akka dhugaa nuuf ba'utti, dur-dur utuu nuti garaa haadha keenyaa
keessatti hin uumamin Inni nu beeka. Namni foonii dadhabaa akka ta'es waan beekuuf, cubbamoota
ta'uu keenyas waan hubatuuf, akkasumas immoo du'a bara baraatti dabarfamnee kennamuun
(si'olitti galuun) keenya waan Isa hin gammachiifneef, Waaqayyo ilma Isaa isa tokkicha Gooftaa
keenya Yesus Kiristosiin dabarsee nuuf kenne. Nutis du'a isaatiin jiraatoo taane. "Waaqayyo,
akkasitti tokkicha Ilma Isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo Isatti kan amanu
hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti." (Yoh 3:16) Iddoo biraatti
immoo karaan gara Waaqayyo abbaatti nama geessuu danda'u Gooftaa Yesus qofa akka ta'e in
argina. "... Karichi, dhugaan, jireenyis Ana; Anaan yoo ta'e malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin
dhufu." (Yoh 14:6)
Namni kami illee yoo afuura irraa dhalachuu baate mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u.
Kanas Yesus dhugaa nuuf ba'eera. Akkana jedha... "Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee
bishaanii fi hafuura qulqulluutti yoo dhalachuudhaa baate, mootummaa Waaqayootti galuu hin
danda'u." (Yoh 3: 5,6) Yesus Ilma Waaqayyoo ta'uu Isaa, durba dhirri bira hin ga'in irraa
dhalachuudhaan nuuf jedhee gara biyya lafaa kana dhufuu Isaa, nuuf jedhee dhiphachuu Isaa, nuuf
jedhee fannoo gubbaatti du'uu Isaa, du'a keessaa kaafamuu Isaa, gara Waaqayyoo Abbaatti ol ba'uu
Isaa, mirga Waaqayyo Abbaa taa'ee jiraachuu Isaa fi debi'ee akka Inni dufuuf jiru, dhufees murtii
kennuuf akka Inni jiru Macaafni Qulqulluu nuuf ibsa. Akka kanatti yoo amante, jireenya lammaffaa
dhalachuu in dandeessa.
Egaa yaa obboleesso/obboleettii, du'a bara baraa irraa gara jireenya bara baratti akka ceetuuf
(hirmaattuu mootummaa Waaqayyoo akka taatuuf) waamicha siif goona. Yoo Gooftaa keenya Yesus
Kiristoosiin akka fayyisaa lubbuu keetiitti fudhachuuf murteessite, kadhannaa kanaa gadii
amantiidhaan kadhadhuutii Yesusiin jireenya keetti afeeri. Innis boqonnaa, nagaa fi jireenya siif in
kenna. Kadhannaa kana amantiidhaan kadhadhu...
"Yaa Waaqayyoo, cubbuu koo hundumaa Ati naaf dhiisi. Kanas waan gootuuf, Sin galateeffadha.
Amma immoo dhugaa sagalee Keetii dhaga'ee, amanee itti jirachuudhaaf ani murteesseera. Tokkicha
ilma Kee isa Ati dabarsitee anaaf laatte, Yesus Kiristosiin akka fayyisaa lubbuu kootii fi Gooftaa
kootiitti fudhachuudhaaf murteesseera. Kana booddee biyya lafaa, sexanaa fi hojii isaa ganee Si
wajjin jiraachuuf murteeffadheera. Kana hundumaa irratti immoo Ati na gargaari, maqaa Yesusiin,
Amen!"
Ammaa kaasee egaa ati kan biyya lafaa miti. Waaqayyo cubbuu kee hundumaattii dhiiga Ilma Isaa
Yesusiin si irraa dhiqee, si qulleesseera. Waan si jaallateef, Inni dhaaltuu mootummaa Isaatii si
taasiseera. Egaa Macaafa Qulqulluu argadhuutii yeroo yerootti dubbifadhu; gara Waldaa
Kiristiyaanaa naannoo kee jiru dhaqiitii jaarsolii Waldaatti of beeksisi. Gooftaan si haa eebbisu;
amma egaa jireenyi kee akka isa kanaan duraa hin ta'u. Kana boodde ati nama haaraa taateetta.
Dhuga ba'umsa kee nuuf ergi.

2006-2008. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
|
Ammas waa hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun,
galata dhiheessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamu nan gorsa.
1Xim 2:1
Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu. 1Yoh 5:12
Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amanneerras. 1Yoh 4:16
|