maqaa kootiin yoo
kadhattan, ani nan
raawwadha.

Yohannis 14:14









Akka fedha isaatti yoo
kadhanne inni nuuf in
dhaga'a;akka kanatti
isa in amanna.
Kadhata keenya akka
inni nuuf dhaga'u yoo
beeknne, waan
kadhanne akka isa
biraa argannus in
beeknna.

1Yohannis 5:14-15
Just 4 Fan & Learn /Deebisaa of Barsiisaa
Kuta 5
Gaaffiilee Kana Deebisaa:
Waaqayyo eenyuun akkana jedhee?
1. "Inni kunoo, isa kanaatii ka'i, isa dibi!"

2. "Ka'i! ati maaliif adda keetiin gad gombifamte?"

3. "Waanuma akka Ani siif kennuuf barbaaddu Ana kadhadhu."

4. "Ati waa'ee biqiltuu sanaaf aaruu in tolchitee?"

Deebii:
1. Saamu'el (mootii akka inni tauuf Daawitiin dibuuf yeroo ergame)
(
1Saamu'el 16:12)
2. Iyaasuu (Yeroo Aakaan cubbuu hojjetee jennaan dheekkamsi Waaqayyoo Israa'eloota irratti boba'ee ture)
(
Iyaasu 7:10)
3. Solomoon (Solomoon mootichi mandara Gibe'onitti qalma gubamu erga dhiheessee booda achitti halkan
Waaqayyo abjuudhaan yeroo itti mul'ate)
(
1Mootota 3:5)
4. Yoonaas (Araara Waaqayyo warra Nanawweedhaaf godhetti yeroo inni aare)
(
Yoonaas 4:9)

Kana Beektuu Laata?

  • Yeroo Israa'elootni biyya Gibxii ba'an, glaanni issan fuul dura ture sun akka gargar hiramuuf; erga isaan
    lafa gogaa irra ce'anii booda immoo warra Gibxii irratti, Konkolaattota saanii fi abboota fardeenii isaanii
    irratti bishaanichi walitti akka deebi'uuf Waaqayyo yeroo lamaanuu Museedhaaf ajaja kana kenne: "Harka
    kee galanicha irratti diriirsi"
(Ba'uu 14:16, 26) - Kutaa kana 15 hanga 27tti dubbifachuu dandeessu.

  • Warri Gibxii Tiksee in jibbu turan.
(Uumama 46:34)
===============================

Previous Parts...
Kutaa 1
Gaaffilee Kutaa Tokko jalatti dhihaatanii turan asii dubbisaa. (Click here to read from the previous, Part One)   

Kutaa 2
Gaaffilee Kutaa Lama jalatti dhihaatanii turan asii dubbisaa. (Click here to read from the previous, Part Two)

Kutaa 3
Gaaffilee Kutaa Sadii jalatti dhihaatanii turan asii dubbisaa. (Click here to read from the previous, part Three)

Kutaa 4
Gaaffilee Kutaa Sadii jalatti dhihaatanii turan asii dubbisaa. (Click here to read from the previous, part Four)
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.