Waanuma tokko isin
maqaa kootiin yoo
raawwadha.

Yohannis 14:14


Akka fedha isaatti yoo
kadhanne inni nuuf in
dhaga'a;akka kanatti isa
in amanna. Kadhata
keenya akka inni nuuf
dhaga'u yoo beeknne,
waan kadhanne akka isa
biraa argannus in
beeknna.

1Yohannis 5:14-15
Just 4 Fan & Learn /Deebisaa of Barsiisaa
Gaaffiilee Kana Deebisaa:
1. Saa'ol Waaqayyoof amanamuu waan dideef akka du'e Macaafa Qulqulluu keessatti in argina. Erga inni du'ee
Filisxeemonni waan irratti raawwatan beektuu?

2. Gooftaan keenya Yesus Kiristos du'aa kaasuu akka danda'u in amanna. Alaazaariin guyyaa meeqa booda akka
kaase beektuu?

3. Ahaab mootichi iddoo dhaabaa waynii kan Naabot jal'inaan fudhate. Dhiiga nama kanaa, kan Naabot, kan
dhangalaasise eenyu ture?


Deebii:
1. Reeffa isaa irraa uffata yaafatanii, mataa isaa irraa muranii, mi'a lolaa isaa wajjin fudhatanii waaqayyoolii
tolfamoo isaanii fi saba isaaniitti oduu kana himuudhaaf biyya isaanii keessa in nannessan. Mi'a lolaa isaa fi mataa
isaa lafa isaan kaa'atan ilaaluuf immoo kutaa kana dubbifadhaa.
(
1Seenaa Baraa 10:1-13 )
2. Alaazaar du'ee guyyaa afuraffaatti Yesuus "Dhaicha ittii fuudhaa!" kan jedhe.
(
Yohannis 11:1-44)
3. Iizaabel, haati manaa Ahaab mootichaa, sobaa fi jal'inaan Naabotiin ajjeesiftee, iddoo dhabaa waynii isaa abbaa
manaa isheetiif akka ta'u taasifte.
(
1Mootota 21:1-16)

Kana Beektuu Laata?

  • Sodoomii fi Gomoraan abidda waaqa irraa roobeen barbadaa'an.
(Uumama 19:23-26)

  • Haamaan muka itti nama rarraasan, dhundhuma shantama kan ol dheeratu, Mordekaayiin itti rarraasee
    ajeesuuf kan qopheessetti rarraafame ajjeefame.
(Asteer 7:9-10)

  • Yerusaalem ishee haaraan masaraa guddaa dheeraa qabdi. Masarichis karra kudha lama qaba; karra sana
    irras ergamoota kudha lamatu jira.
(Mul'ata Yohannis 21:9-14)

Dhibboo!

Eliyaas moo Elsaa'i?

1. Erga inni waggoota dhufaniif fixeensi lafa irratti akka hin argamnee fi bokkaanis akka hin roobne mootii biyya
Israa'elitti hime booddee, dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, akka inni garaa laga Keriit jedhamutti gadi bu'ee
dhokatu, lagicha keessaas bishan akka dhugu, nyaatas akka fidaniif qurruun akka abboomaman kan itti dubbatame
...

2. Yeroo inni diinota isaa jaamummaadhaan akka rukutuuf Waaqayyoon kadhate, Waaqayyos loltoota Sooriyaa
jaamummaadhaan in rukute...

3. Haadha eyyeessaa tokko hanga qodaa duwwaan argame hundi guutee qodaa duwwaa biraan dhibutti dhadhaa
ejersaa dhangalaasiseef, qodaa hundinuus dhadhaa ejersichaatiin guutaman...

Deebii:

1. 1Mootota 17:1-6---Eliyaas
2. 2Mootota 6:8-19---Elsaa'i
3. 2Mootota 4:1-7---Elsaa'i
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.