Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha.
Yohannis 14:14
Akka fedha isaatti yoo kadhanne inni nuuf in dhaga'a;akka kanatti isa in amanna. Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beeknne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beeknna.
1Yohannis 5:14-15
|
Just 4 Fan & Learn /Deebisaa of Barsiisaa

Kutaa Tokko
Gaaffiilee Kana Deebisaa:
1. Macaafa qulqulluu keessaa boqonnaa ishee gabaabduu dhumaa kan qabu kami?
2. Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon maqaa akka gaariitti in yaadanna. Garruu maqaan isaanii
utuu hin gaddaramin dura maal ture?
3. Erga Yihudaan waan godhe godhee wanta ta'es taee, ergamoota warra kudha tokkootti eenyutu
dabalame?
4. Maqaan abbaa Musee eenyu ture?
5. Phexros jechuun afaan Grikiitti (Aramaic) maal jechuu dhaa?
6. Yesus tulluu ykn gaara dheeraa bakka ulfinni isaa irratti mul'ate iratti ergamoota keessaa sadii
fudhatee ol ba'ee ture. Eenyufaa turan?
7. "Naazireet keessaa wanti gaariin ba'uu danda'aa?" kan jedhe eenyu?
8. Yoseef fi Maariyaam mucaa isaanii (Yesuus) fudhatanii gara biyya Gibxitti maal baqatanii turan.
9. Museen Galaana Diimaa uleedhaan gargar hire; Eliyasoo maaliin Yordaanosiin gargar hire?
10. Eden keessa lagoota afurtu jiru; maqaa isaanii beektuu?
Deebii:
1. Faarsaan 117 lakkoofsa lama qofa qaba.
(Faarsaa 117)
2. Booji'amanii angafa hojjetoota warra xu'aashiin utuu hin jijjiiramin dura maqaan isaanii akkas ture:
Shaadraak --- Hanaaniyaa ture.
Meeshaak --- Shaadraakii ture.
Abeed-Neegoon --- Miishaa'el ture.
(Daani'el 1:7)
3. Ergamoota 11 warra hafanitti kan dabalame ykn fudhatame Maatiyaas jedhama.
(H. Ergamootaa 1:23-26)
4. Abbaan Musee Amraam jedhama ture.
(Lakkoobsa 26:59)
5. Phexros jechuun Keefaas jechuu dha.
(Yohannis 1:42)
6. Phexros, Yaaqobii fi Yohaannisiin fudhatee gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase.
(Maatewos 17:1)
7. Naataanaa'el "Naazireet keessaa wanti gaariin bauu danda'aa?" jedhee Filiphosiin gaafate.
(Yohannis 1:46)
8. Herodis mucicha (Yesusiin) ajjeesuuf waan barbaadaa tureef isa baqatani.
(Maatewos 2:13)
9. Museen ulee isaatiin, Eliyaas immo wayyaa isaatin galaana gargar hiranii lafa gogaa irra ce'en.
Dinqii/raajii Waaqayyoo!
(Seera Ba'uu 14:16; 2Macaafa Moototaa 2:8)
10. Maqaan lagoota afuranuu akka kanatti aanee jiruu dha: Phiishon, Giihon, Xegros, Efraaxiis
jedhamu.
(Seera Uumamaa 2: 11-14)
Kana Beektuu Laata?
- Musee kan maqaa moggaase abbaa isaas haadha isaas hin turre. Intala Fara'oon, mooticha
Gibxii turte kan maqaa moggafteef.
(Ba'uu 2:10)
- Yaaqoobii fi Raahel abbaa-manaa fi haadha-manaa haa ta'an iyyuu malee durbii turan.
(Uumama 29:10)
- Nohii bara dhibba sagalii fi shantama jiraatee du'e.
(Umama 9:29)
- Du'aa ka'uu Yesuus booddee awwaalonni banamanii, warri qulqulloonni dur du'an kaafamanii
Yerusaalem mandaraa qulqullaa'aatti seenanii namoota baay'eetti mul'atan.
(Maatewos 27:52-53)
- Dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruun guyyaa 52 fudhate.
(Nahimiiyaa 6:15)
Dhibboo!
Maariyaam ishee kam?
1. Isheen gooftaa urgooftuu dibdee, rifeensa mataa isheetiin milla isaa haxoofte...
2. Ishee hafuuronni hamoonni torba keessa baafaman...
3. Ishee Yesuus du'aa ka'uu isaa booda jalqaba itti mul'ate...
4. Ishe Yesuus Yohannisitti galfata ykn adaraa kenne...
5. Ishee nyaata qopheessuu gargaruu diddee Yesuusitti himatamte...
Deebii:
1. Yohannis 11:2---obboleettii Maartaa
2. Luqaas 8:2---ishee Magdalaa
3. Maarqos 16:9---ishee Magdalaa
4. Yohannis 19:25---haadha Yesuus
5. Luqaas 10:40---obboleettii Maartaa
Eenyu Maal Hojjeta Turee?
Namoota Macaafa Qulqulluu keessaa arganne kana hojii isaanii isa isaan durhojjechaa turanii wajjin
walitti firoomsaa.
Walitti Firoomsaa:
1. Phawulos A. Abbaa Seeraa (Lawyer)
2. Luqaas B. Qaraxxuu (Tax Collector)
3. Liidiyaa C. Daldaltuu (Salesman/Saleswoman)
4. Zakewos D. Abbaa Qorichaa (Doctor)
5. Xerxilos E. Dunkaana Hodhituu (Tentmaker)
Deebii:
1. Phawulos dunkaana hodha ture. H. Erga 18:3
2. Luqaas ogeessa qorichaa ture. Qolos 4:14
3. Lidiyaan uffata gurgurti turte. H Erga 16:14
4. Zakewos angafa warra qaraxxuu ture. Luq 19:2
5. Xerxilos nama seera namaaf falmu ture. H Erga 24:1
Eenyutu Kana Jedhe?
1. Gooftaa maaliifan amma si duukaa bu'uu hin danda'u? Anoo siif jedhee lubbuu koo kennuf jiraa?
2. ...egaa, ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana-qabeettii anaan jedhu.
3. Ogummaa fi beekumsa ani saba kana ittiin bulchu anaaf kenni; kana malee attamittan saba kee isa
guddaa kana geggeessuu danda'a ree?
4. Ani rifeensa hoolaa obdii keessa nan kaa'a, lafti hundinuu gogaa ta'ee, rifeensicha hoolaa irra
fixeensi yoo bu'eef, saba Israa'el harka kootiin akka ati oolchitu nan beeka.
5. Saba Israa'el keessaa baay'een isatti gufatanii in kufu, baay'een immoo isaan in ka'u; akkasumas
namoonni baay'een milikkita dhaabatee jiru kanaan mormanii irratti in dubbatu.
Deebii:
1. Phexros (Yohannis 13:37)
2. Maariyaam (Luqaas 1:48)
3. Solomoon (Mac. Seenaa Baraa)
4. Giidewon (Mac. Abboota Firdii 6:37)
5. Sim'oon (Luqaas 2:34)

2006-2008. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
|
Ammas waa hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun,
galata dhiheessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamu nan gorsa.
1Xim 2:1