Waanuma tokko isin
maqaa kootiin yoo
kadhattan, ani nan
raawwadha.

Yohannis 14:14














Akka fedha isaatti yoo
kadhanne inni nuuf in
dhaga'a;akka kanatti isa
in amanna. Kadhata
keenya akka inni nuuf
dhaga'u yoo beeknne,
waan kadhanne akka isa
biraa argannus in
beeknna.

1Yohannis 5:14-15
Just 4 Fan & Learn /Deebisaa of Barsiisaa

Gaaffiilee Kana Deebisaa:
Yesus eenyuun akkas jedhe:
1. "Dubartii nana, maliif boossaa? Eenyuun barbaadda?"

2. "Maariyaam qooda gaarii isa ishee duraa hin fudhatamne sana fo'atte."

3. "Na dukaa bu'aa, Anis nama kan walitti qabdan nan godhaa."

4. "Utuu olii siif kennamuudhaa baatee, ati humna tokko illee Ana irratti hin qabdu turte..."

Deebii:
1. Yesus immoo, "Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?" jedhee ishee gaafate; isheen illee kun
eegduu dha jettee waan yaaddeef, "Gooftaa koo ati asii fuutee iddoo tokkotti ati geessiteetta yoo ta'e, eessa akka
Isa keesse anatti himi, ani dhaqee Isa nan fidaa" ittiin jettee kan turte Maariyaam ishe Magdalaa ti.
(
Yohannis 20:11-15 )
2. Maartaan hojii mana keessaatti qabamtee yeroo kurkurtu, Maariyaam garuu Goofticha jala teessee dubbii Isaa
dhaggeffachaa turte. Yeroo sana Maartaan himata Yesuusitti dhiheeffatte. Yesus garuu Maartaa utuu hin taane
Maariyaam karaa sirrii irra akka jirtu itti dubbate.
(
Luqaas 10:38-42)
3. Ciisaa bishaan Galiilaa bukkee utuu deddeebi'uu qurxummi-qabdoota kan turan Phexrosii fi obboleessa isaa
Indriyaasiif waamicha godhe Gooftaan.
(
Maatewos4:18-20)
4. Yesus dabarfamee yeroo kennametti, Philaaxos gad dhiisuu akka danda'u akkasumas fannisuu akka danda'u
Yesusitti bookkisee ture.
(
Yohannis 19:1-11)

Kana Beektuu Laata?

  • Yesus Yaaqoobii fi Yohannis, ijoollee Zabdewos, ilmaan qaqawwee (Bo'anerges) jedhee moggaase.
(Maarqos 3:17)

  • Gehaaz (naa'oon Elsaa'i) waan Elsaa'iin sobeef ykn gowwoomseef akka inni lamxiidhaan rukutamu
    taasifame.
(2Mootota 5:20-27)

  • Eer ilmi Yihudaa (abbaa manaa Taamaar) Waaqayyo duratti nama jal'aa waan tureef, Waaqayyo akka inni
    du'u godhe.
(Uumama 38:6-7)

Dhibboo!

Eenytu kana jedhe?

1. "Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda'a?"

2. "Agartuu koo akka anaaf deebiftu, yaa barsiisaa!"

3. "...Inni sun guddachaa adeemuun in ta'aaf, ani garuu xinnaachaa adeemuun anaaf in ta'a."

4. Yeroo sanatti Saa'oliin, "Ati maaliif kaaftee ana rakkifta?" jedhe.

Deebii:

1. Yohannis 3:1-15---Niqoodemos
2. Marqos 10:46-51---Barxiimewos
3. Yohannis 3:23-30---Yohannis isa Cuubaa
4. 1Saamu'el 8-20---Saamu'el
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.