maqaa kootiin yoo
kadhattan, ani nan
raawwadha.

Yohannis 14:14




Akka fedha isaatti yoo
kadhanne inni nuuf in
dhaga'a;akka kanatti isa
in amanna. Kadhata
keenya akka inni nuuf
dhaga'u yoo beeknne,
waan kadhanne akka isa
biraa argannus in
beeknna.

1Yohannis 5:14-15
Just 4 Fan & Learn /Deebisaa of Barsiisaa
Kutaa 4

Gaaffiilee Kana Deebisaa:
isaanitti himuuf walitti qabe, eenyuun akkana jedhee?
1. "Akka harree isa dugda jabaatuu fi isa daaraa keessa ciisuu ti."

2. "Dhala koo isa angfa humna koo, qara jabina koo ti; ulfinaan in caalta, irreedhaanis in caalta!"

3. "Buddeen kee in furdata, nyaata miyaa'aa motiidhaaf ta'u in dhi'eessita."

4. "Akka muka ija godhatuu isa bishaan burqituu bukkee dhaabatuu ti; dameewwan kee keenyan irra in yaa'u."

Deebii:
1. Yisaakor
(
Uumama 49:14)
2. Ruuben
(
Uumama 49:3)
3. Asheer
(
Uumama 49:20)
4. Yoseef
(
Uumama 49:22)
**Walumaa gala, 49:1-28 dubbifadhaa.

Kana Beektuu Laata?

  • Yo'aas mootii yommuu ta'e mucaa waggaa torbaa ture; waggaa afrtamaafis mo'e.
(2Seenaa Baraa 24:1)

  • Solomooniin mana qulqullummaa ijaaruun waggaa torba isa fudhate; mana mootummaa isaa ijaaruun waggaa
    kudha sadii isa fudhate
(1Mootota 6:38, 7:1)

  • Laabaan Yaaqoobiin ariachaa utuu jiruu, Waaqayyo halkan Laabaanitti abjuutti itti dhufee akka Yaaqoobitti waan
    tokko hin dubbanne akeekkachiise.
(Uumama 31:22-24)