Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, Ani nan raawwadha.
Yohannis 14:14
Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu malee waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!
Filip. 4:6
Akka fedha isaatti yoo kadhanne inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti isa in amanna. Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beeknne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beeknna.
1Yohannis 5:14-15
|
Unanswered Prayers / Kadhata Hin Deebi'in Hafu
fedha Isaa irraa fagoo ta'e hin deebisu. Sababii Waaqayyo kadhannaa
tokko tokko hin deebifneef mee haa ilaallu.
Kan amane hundumti Waaqayyoo wajjin tokkummaa akka qabatu
waamame."Waaqayyo, Inni gara tokkummaa ilma Isaa Yesus Kiristoos
gooftaa keenyaatti isin waame amanamaa dha." (1Qor 1:9) Yoo
tokkummaa sana keessa hin jirru ta'e, wanti nuti gaafatnu deebii dhabuu
in mala.
2. Maqaa Yesusiin abbaa gaafachuu dhiisuu
Maqaa Yesusiin yoo gafatne ykn kadhanne, nuuf in kennama. Maqaa
Isaatiin kadhachuuf aboo nuuf kennameera. Yesus, ergamoota Isaatti
yeroo dubbatu, "...maqaa Kootiin abbaa waan kadhattanis akka Inni
isiniif kennuuf, Ani isin kaaseera." jedha. (Yoh 15:16) Maqaa Isaa malee
kadhachuun deebii gaaffii keenya hambisuu danda'a.
3. Gaafachuu dhiisuu yookiis waan hin taane irra dhaabbatanii (wrong
motive) gaafachuu
Waan xiqqoo dha jennee gafachuu dhiisuun ykn immoo yaada
hammeenyaa fi ofittumma, of tuulummaa, hinaaffaa, kajeellaa ykn jibba
irra dhaabanne yoo kadhanne kadhannaan keenya nuuf hin dhaga'amu.
"Waa kajeeltu malee, hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in
kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan. Nama qocoltu,
nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan
dhiiftanii, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan. Yoo kadhattan
immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif hin fudhattan; isin
kajeellaa keessan itti ba'uudhaaf yaaddanii in kadhattu." (Yaaq 4:2-3)
4. Akka fedha Waaqayyootti gafachuu dadhabuu
Fedhi Waaqayyoo dubbii (sagalee) Isaa dubbifachuu fi dhaggeeffachuun
barama; akkasumas, Isaa wajjin yeroo qabaachuudhaan hubatama.
Fedhii Isaa hin beeknu taanaan, wanti nuti kadhannu baay'een hin
deebi'u, fedha Isaa bakkee ta'uu waan danda'uuf.
5. Dubbii Waaqayyoo of keessaa dhabuu
Dubbii Waaqayyoo of keessaa dhabuudhaan akka itti kadhannu wallaalla,
gar malee gafachuus fiduu danda'a. Gar malee yemmuu gaafannu immoo
deebii dhabuu dandeenya.
6. Shakkii fi amantii hir'ina
Shakkuu ykn mamuun gooftaa biraa wanta kadhanneef deebii nu
dhabsiisa. "Garuu utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni
mamu akka dha'aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi oofamee
darbatamuu ti.Namni akkasii gooftaa biraa waa nan argadha jedhee hin
eeggatin." (Yaaq 1:6-7)
7. Abdii kutachuu
Wangeela Luqaas boqonnaa 18 irratti utuu abdii hin kutatiniif utuu hin
nuffin kadhachuun deebii akka argamsiisu in hubanna. Yoo eegnee
daadhabnee nuffinee itti dhifne garuu kadhannan keenya utuu hin
deebi'in hafa.
8. Dhiifama gochuu dadhabuu
Dhiifama gochuu dadhabuun quunnamti Waaqayyoo wajjin qabnu cabsa.
Ofii dhiifama Waaqa biraa gaafachaa namaaf immoo dhiifama hin goonu
yoo ta'e, kadhannaan keenya deebii hin argatu. Dubbiin Waaqayyoo
akkana jedha, "Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftan, abbaan
keessan Inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa. Garuu isin namootaaf
yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra-daddarbaa keessan
isiniif hin dhiisu." (Maat 6:14)
Egaa walumaa galatti, waanta akkas akkasiif kadhannaan hin deebi'in
hafa.

Yeroo hundumaa gammadaa! ittuma fufaa malee hin dhiisinaa! Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa .Hafuura qulqulluu hin ukkaamsinaa.
1Tasal 5:16-19
|
2006-2009. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
|
Hamma ammaatti isin maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta'utti fudhattuus!
Yohannis 16:24
|