Pray With Us /Nu Waliin Kadhadhaa
Akkuma mata-duree Kadhannaa/Prayer jalatti xuqne,akkaataan itti kadhatan karaa baay'ee dha; akkaata kana qofaatti
ta'uu qaba kan jedhu hin jiru, garuu maqaa Yesusiin kadhachuun waan hundumaa caalaa barbaachisaa dha. Itti dabalee
immoo amantiidhaan yoo gootan akka fudhattanitti lakkaa'aa. "Amantanii kadhataan waan dhiheeffattan hundumaa in
fudhattu" (Maat 21:22) Egaa kadhannaa nuti kanaa gaditii keenye utuu hin kadhatin dura Waaqayyo humna qabeessaa
argattu. Wangeela Yohannis keessatti Gooftaan keenya Yesus Kiristoos waan nuti kadhannu akka nuuf raawwatu yeroo
dubbatu "...Abbaan Ilma Isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa Kootiin kadhattan ani nan raawwadha.
Waanuma tokko maqaa Kootiin yoo kadhattan, Ani nan raawwadha." (Yoh 14:13-14) Mee eenyummaa eenyuu iyyuu
dhisaatii eenyummaa Yesus yaadaa kadhannaa isin ilaallatu kana gadii filadhaatii ittiin kadhadhaa!

2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
|