Deebii Kadhannaa
Kadhannaan deebii akka qabu sagaleen Waaqayyoo macaafa qulqulluu keessaa dhugaa nuuf ba'a. Isaan keesaa
muraasa yoo ilaalle:
  • Seera Uumamaa 24:10-20 --- Hojjetaan Abrahaam ergaa gooftaa isaatti bakkan ga'uuf yemmuu deeme
    (Yisihaqiif haadha manaa barbaacha) Waaqayyoon in kadhate; Waaqayyos deebii kenneef.

  • Abboota Firdii 15:18-20 --- Siimson dheebuudhaan yeroo du'uuf ga'etti gara Waaqayyootti in wawwaate,
    Waaqayyos bishaan in burqisiiseef, Siimsonis dheebuu ba'e.

  • 2Saamu'el 15:31; 16: 20-23; 17:14-23 --- Yeroo Ahiitofel Abiishaalomii wajjin Daawititti korate, malli Ahiitofel
    qopheessu akka gowwummaatti diddiiramu Daawit Waaqayyoon kadahate, dhumni Ahiitofel of rarraasuu ta'e.

  • Daani'el 2:16-23 --- Nebukadnezaar beektonni biyya Baabiloon akka balleeffaman yeroo ajajetti Daani'elii fi
    hriyyootni isaas (Hanaaniyaa, Mishaa'elii fi Azaariyaa) warra itti murtaa'e kana keessa turan. Daani'elii fi
    hiriyyoonni isaas gara Waaqayyootti in iyyan, deebiis in argatan.

  • Nahimiyaa 1:11; 2:1-6 --- Nahimiyaan waa'ee Yerusaalemiif gaddee Artashaastaa moticha duratti faara
    tolaadhaan akka ilaalamuu fi dhaqee deebisee ijaaruudhaaf heyyama mootichaa akka argatuuf Waaqayyon in
    kadhate. Waaqayyos akka inni faara tolaadhaan ilaalamu isa taasise.

  • Asteer 4:15-17; 6:7-7 --- asteerii fi Mordekaay waa'ee sanyii saaniif gara Waaqayyootti soomaan yemmuu
    iyyan Ahashweros moticha biratti ulfina argachuu isaanii caalaa iyyuu lammiin isaanii hafanii diinni isaanii
    Haamaan ofii rarraafame.

  • 1Saamu'el 1:10-19 ---Haannaan gadda garaa isheetii Waaqayyo duratti dhanalaastee isa in kadhatte, Innis
    ishee yaadate.

  • H. Ergamootaa 12:1-12 --- Bara Herodis Yaqoobiin ajjeesisee Phexrosinis qabsiise hiisise, amanttotni ykn
    waldaan kiristiyaanaa Yerusaalem keessaa  utuu gargar hin kutin waa'ee Phexrosiif Waaqayyon kadatan,
    Waaqayyos fuuncaa harka Pexros irraa buusee balbala mana hidhaa banuudhaan isa bilisoomse.
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.