Home

About Us

Media

Prayer

Articles

Favorite Links

Comments

archive
KKM - Jesus Is Lord! Yesus Gooftaa Dha!
Jesus Christ is the same yesterday and today and forever. Heb 13:8
archive

Comments (Archived)

Waaqayyoo guddaa guddisee isiin haa eebbisu Taajajila keessaniin baayyee taajajilamaan jira biyya waldaan keessatti hin dagaagne biyya India keessatti mana koo keessatti taahen tajaajila keessaniin guddaa eebifamaan jira adaraa kadhannaa keessaniin na yaadadhaa. Gooftaan isiin haa Eebbisu

 Addisu, India
---------------------------------------
website keessan argachuu kootti baay'ee gammadeera gara fuuladuraatti isiin faana ta'uun yaala gooftaa guddaa godhee isin haa eebbisu.Tokkummaa Belgium/Gent university irraa/
---------------------------------------
Yaadaa fi muláta baraadeedha, Waaqayyo haa ulfaatu, Isinis, fedhaa fi hawwii keessanis haa eebbisu.
Afaan Oromoon calqabbii akkasii eegaluun keessan isin ni boonsisa. Jabaadhaa, Waaqayyoon kadhadhaa, sagantaa fi tajaajila keessan balísaa, nama hedduun waliin gaúu yaalaa!Mootii Dheeressaa Hundarraa
---------------------------------------
Barsiisa keessan Waaqayyoon amanachuu jedhu hordofeen baayyee baayyee irraa baradhe. Haalli itti ergaa keessan dhi'eessitanu utuu dhaggeffatamtanii hinquufamin yeroon akka dhumu godha. Waaqa isin nuuf kenneef galatni hata'u. Isiniin ammoo dachaa dachaa dabalee isin ha'eebbisu. Nagaa waaqayyootti jiraadhaa!Getachew Shunki
----------------------------------------
Gooftaan kan caalaa ayyanaa isaa isiinif haa bay'isuu jabadhaa kaana caalaa handaraa lafan ga'uuf dhimma hojeedha.Tamirat Ayela
----------------------------------------
Hojii keessan kana hojjechutti jabaadha.Goftaan Ayyana  isaa isiniif haa baay'isu.Rabuumaa bayeenaa
---------------------------------------
Yeroo keessan irra nuuf qusattanii babal'ina wangeelaaf jettanii internetiin nuuf gadhisuu keessaniif baay'e galatoomaa. Akka wal-qabannee mootummaa waaqayyoo dhaallu nuha gargaaruu!!Balaachoo Dammaqaa
---------------------------------------
Obboloota koo yaada barumsaa macaafa qulqulluu dabarsitaniitti baay'ee gammaddeera. galatoomaa naaf barreessaa.Lebeta Debela
--------------------------------------
Jabaadhaa waaqayyo isin waliin haa ta'u.kanumaan itti fufaa dhuga baatuu gooftaa ta'aa.Abbabee  Iddoosaa
--------------------------------------
ayyaanni Isaa isiniif haa baayyatu! EEbbifama!!Misgaanuu Moosisaa
--------------------------------------
Duraan dursee Nagaa Waaqayyoo isiniif dhiheesa.Attam jirtu?Ani Nagaa kooti.Ani barataa University Hawassa,bara kanan eebbifama.Sagantaan Keessan baayyee kan namatti tolu dha. Waaqayyo isin haa eebbisu.Sagantaa keessan toora interneetii irraa argadhee baayyeen itti gammade.Haaluma kanaan itti fufa.Tolina Hordofa
--------------------------------------
Hojii gaarii fi eebba qabu hojjechaa jirtu kana inni isin keessa kaa'e WAAQAYYO GOOFTAAN WAAN HUNDUMAA haa eebbifamu, jabaadhaa afuurri Waaqayyoo inni nama jabeessu bara hundumaa isin waliin haa jiiraatu!!Dessalegn Tadesse, yuunivarsiitii HARAMAAYAA DAMEE HARAR irraa
--------------------------------------
Obbolootan koo waan huunda dura nagaan waaqayyoo isiniif haa ta'u.Halli sagalee waaqayyoo biyaa lafa itti qaqabsiista namatti tola jabadha.Gamtaa Kabbada
--------------------------------------
tajaajilli keessan gaariidha itti nuuf fufaGaroma Dame
--------------------------------------
yeroo hundumaa akkasittin wangeela baballisuu keessanif waaqayyoo guddaan hunduma keessan dabalee daddabalee isin haa eebbisu.Rabira Gadafa, UNIVESITY ADAMA IRRAA.
--------------------------------------
...ammaa egaa ofii dhaqi animmoo waan atii dubbaatun sii barsiisa.jabbaadha akkaasummaas nutii ijoolleen yunbaarsitti Finfinnee siin waliin jiraa. waaqayyoo ayyaana isa siinif haa baayisuu, AMENErmiyas Tariku
--------------------------------------
Nagaan waaqayyo isa jiraataa isiniif haa baay'atu! carraa gaarii filattanii jirtu; hubannaa kana isa isinii kenneef waaqayyo haa galateeffamu. gooftaan dhuma keessan haa bareechu jabaadhaa nus jajjabeessaa.Habtamu Wakshum
--------------------------------------
Baay'en isin jaalladha.Abidda qabsiistan kana hin dhaamsinaa!Ittuma caalchisaa malee.Waaqayyo guddisee isin haa eebbisu.DASSEE DABALEE, YUNIVERSIITII ADAAMAA IRRAA


Next

Home
About Us
Media
Prayer
Articles
Favorite Links
Comments
archive