Comments / Yaada
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
---------------------------------------
Obboloota koo yaada barumsaa macaafa qulqulluu dabarsitaniitti baay'ee gammaddeera. galatoomaa naaf barreessaa.

Lebeta Debela
--------------------------------------
Jabaadhaa waaqayyo isin waliin haa ta'u.kanumaan itti fufaa dhuga baatuu gooftaa ta'aa.

Abbabee  Iddoosaa
--------------------------------------
ayyaanni Isaa isiniif haa baayyatu! EEbbifama!!

Misgaanuu Moosisaa
--------------------------------------
Duraan dursee Nagaa Waaqayyoo isiniif dhiheesa.Attam jirtu?Ani Nagaa kooti.Ani barataa University Hawassa,bara kanan
eebbifama.Sagantaan Keessan baayyee kan namatti tolu dha. Waaqayyo isin haa eebbisu.Sagantaa keessan toora
interneetii irraa argadhee baayyeen itti gammade.Haaluma kanaan itti fufa.

Tolina Hordofa
--------------------------------------
Hojii gaarii fi eebba qabu hojjechaa jirtu kana inni isin keessa kaa'e WAAQAYYO GOOFTAAN WAAN HUNDUMAA haa
eebbifamu, jabaadhaa afuurri Waaqayyoo inni nama jabeessu bara hundumaa isin waliin haa jiiraatu!!

Dessalegn Tadesse, yuunivarsiitii HARAMAAYAA DAMEE HARAR irraa
--------------------------------------
Obbolootan koo waan huunda dura nagaan waaqayyoo isiniif haa ta'u.Halli sagalee waaqayyoo biyaa lafa itti qaqabsiista
namatti tola jabadha.

Gamtaa Kabbada
--------------------------------------
tajaajilli keessan gaariidha itti nuuf fufa

Garoma Dame
--------------------------------------
yeroo hundumaa akkasittin wangeela baballisuu keessanif waaqayyoo guddaan hunduma keessan dabalee daddabalee isin
haa eebbisu.

Rabira Gadafa, UNIVESITY ADAMA IRRAA.
--------------------------------------
...ammaa egaa ofii dhaqi animmoo waan atii dubbaatun sii barsiisa.jabbaadha akkaasummaas nutii ijoolleen yunbaarsitti
Finfinnee siin waliin jiraa.
waaqayyoo ayyaana isa siinif haa baayisuu, AMEN

Ermiyas Tariku
--------------------------------------
Nagaan waaqayyo isa jiraataa isiniif haa baay'atu! carraa gaarii filattanii jirtu; hubannaa kana isa isinii kenneef waaqayyo
haa galateeffamu. gooftaan dhuma keessan haa bareechu jabaadhaa nus jajjabeessaa.

Habtamu Wakshum
--------------------------------------
Baay'en isin jaalladha.Abidda qabsiistan kana hin dhaamsinaa!Ittuma caalchisaa malee.Waaqayyo guddisee isin haa
eebbisu.

DASSEE DABALEE, YUNIVERSIITII ADAAMAA IRRAA
--------------------------------------
Jabaadhaa damee keessan bal'isaa,dubbii wangeelaa biyya lafaan ga'aa...............
waaqayyo isin haa eebbisu

GEMECHU FEYISA
--------------------------------------
buufata yaadaa kana argachuu kootiif baay'een gammada.

Isheetuu Yoonaas
--------------------------------------
akkam jirtuu fayyaa keessanii ani nagaadha waaqayyoof haa galatu.itti aansudhan Tajaajilli isin karaa internet gochaa jirta
baay,ee nama ebbisa,nama barsisas kanaaf waaqayyoo isin haa ebbisu kana caalaa Addunyaa kanarra facaasuu akka
dandeessaniif gooftaan koo waaqarraa isin haa gargaarun isinin jedha JABAADHA JABADHA....

Qananii Taayyee
--------------------------------------
Akkam jirtu ? nagaa keessanii? Galatni GOOFTAA keenyaaf haa ta'u.Ammallee kanuma caalaa dhugaa baatuu gooftaa
iyyasuus kiristoos ta'aa. waaqayyoon isin haa gargaaru

ALEMU NEMERA
--------------------------------------
Waqayyoo inni Hundaa Danda'uu Isiin haa eebbisu.

Abdii Alamaayyoo
--------------------------------------
waaqayyoo guddaa isin haa eebbisuu ,hojii waangela goofta hojjetaniif. baay'ee namatti tola ,baay'ee laphee nama banas ,
kanaf cima itti fufa.

Alamuu Darajjee Waakjiraa, ADAMA UNIVERSITY  irraa
--------------------------------------
YEROO BAAYEE SAGAALEE ISIIN DABAARSITAAN DUUKAA BU EE DHAGEEFFACHAA JIRA AKKAASUMAATTI FUFAA
WAAQAYYOO ISIIN HAA EBBISU AYYANA ISAASI ISIINIIF HAA BAYISUU .

ADUNA GUDUNFAA, ADAMA UNIVERSITY
--------------------------------------
akkAmjirtu kuukkuu fi kumarraa? nagaan inni kan abbaa keessan waaqarraa bakka jirtanitti isin haa ga,u bara kanatti ttis
wangeela byya lafaatti waliin ga.uuf dammaqaa kadhadhaa nutis siniif kadhanna .

Dassaaleny  Tafarraa  adama yuniversity irraa
--------------------------------------
hundaa duraa nagaan isiniif haa ta'u.haalli hojii keessanii nama gammachiisa. ammaas hojii waaqayyoo hojjachuuf
dhimmaa.wangeela waaqayyoos babal'isaa.

BAQQALAA OLAANII,  ADAMA UNIVERSTY CHEM ENG
--------------------------------------
wanta hedduu waan nu barsiiftaniif,waaqayyoon isin haa ebbisu,hamma dhummaattis isin haa dhabu. DHUGAA BAATUU
WANGEELAA AKKA TAATANNIIF WAAQAYYOO ISIN HAA GARGAARU.

Alamuu Namarraa, adama university  EENG.
--------------------------------------
KUUKKUU FI KUMARRAA NAGAAN WAAQAYYO ABBAA, KAN ILMA ISAATII HUNDUMA KEENYAA WAJJIN HAA TA`U! HOJII
GAARII KANA GARA BIYYOOTA HIN QAQQABATAMINITTIS BABAL`ISUUDHAAN WARRA KAANIIFIS BU`AA AKKA TAANU
JABAADHAA HOJJEDHAA. WAAQAYYO ABBAAN AYYAANA ISAA ISINIIF HAA BAAY`ISU.

Taarraqany Kenea
--------------------------------------
web kana yeroo jalqabaatiifan arge .baay'ee namatti tola jabaadhaa waaqayyo isin haa eebbisu.

GETACHEW ETEFA
--------------------------------------
Namni waaqayyoon jaallatu waaqayyo duratti beekamaadha!jabaadhaa gatii dadhabbii keessanii guyyaa dhumaa sanatti
gonfoo ulfinaa sana fudhachuuf jirtuhoo hin dagatinaa.

Misganu Legesse
--------------------------------------
SAGALEE WAAQAYOO ISIIN DABARSAA JIRTAAN JAJJAABINA NUUF KENNAA JIRAA AKKAASUMAATTI ITTI FUFAA.
FAARFANNAA FAARFATTOOTAA IMMOO ITTI NUUF DABALAA.

ADUNA GUDUNFA
--------------------------------------
baay'een isin jaalladha.waaqayyo isin haa eebbisu.Gumaachi keessan anaaf soora guyyaa naaf ta'eera.jabaadhaa
jajjabaadhaa!!!

Dassee Dabalee, YUUNIVERSIITII ADAAMAA IRRAA
--------------------------------------
Gooftaan isiin haa eebbisuu waamichaa ofii beekuun isaa hundummaa caaluudha.Eegaa ammaas isaa duraa caalaa hojjii
gooftaan isiiniti keennee itti caalchisaa hojeedha.

Daraaraa Hinkoosaa, Haramaya university
--------------------------------------
Hojiin keessan kun baay'ee natti toleera ! kanaafuu itti  fufaa  GALATOOMAA !!!

Faqqadaa  Fufaa
--------------------------------------
hundumaa dursa nagaan waqayyoo isiniif haa baay'atu saganta akkasi qopheesitani nus kan biroole jajjabeessa wan
jirtanif. jabadha waqayyoo gooftaan koo isin wajjin haa ta'u!!!!!!!!!!!!

Misgana Amenu
--------------------------------------
Eebbi Waaqayyoo isiniif haa baay'atu,websaayitiin kun maaddii Waaqayyooti,sabni Waaqayyoos irraa nyaatee kanquufudha,
keessumaa obboleettiikoo Kuukkuu Kumerraatif galanni koo guddaadha,Waaqayyo kenna isaa siif haabaay'isu.(seattle,WA)

Teshome
--------------------------------------
waaqayyo waan hundumaa yeroo isaatti gaarii godhee uumeera. Ilaa dur afaan keenyatti dubbachufuu danuu rakkachaa
kan turre ta'uyyuu har'a namoota akka kessaniirraa sagalee waaqayyoo dubbifannee arguun keenya anaaf akka nama
tokkootti birmadummaa dachaadha.1.sagalee waaqaa guyyaa guyyaan dubbifachuun 2. afaan koo meeshaa sab-qunnamtii
akkasii irratti tajaajila akkasii guddaa kanaaf ooluun isaa anaaf wanta baay'ee guddaa ta'eedha. waaqayyo isin haa
gargaaruu jabaadhaa! kadhata keessaniinis nu yaadadhaa!!  waaqayyo isin haa eebbisu!!

Abebe Daba, Yuuniversiitii haramaayaatii
--------------------------------------
ADEEMSA WANGEELAA ISIIN GOCHAA JIRTANITTI LUBBUUN KOO BAAYYEE BOQOOTERA WAQOYYOO ISINAA HAA
EBBISUU.

DARARA BERHANU, UNIVERSITII ADAMAA IRRAA
--------------------------------------
sagantaa keessa baayyee naatti tole keessaakootti humna guddaa naaf haaromisee jira.maali waanta baayee
hubadheeraa. waaqayyoo ayyaana isaa isiif haa baay’isuu

Margaa Irranaa
--------------------------------------
Gariidha

GIZAACHO ASFAWU
--------------------------------------
Duraan dursa nagaan isa hundumaa gararraa kan waaqayyo abbaa kootii fi keessanii isiniif haa ta'un jedha.It aansuun
immoo kanan jedhu jabadhaa isin warra ummata keenya qofa tajaajilan osoo hin taane waliin taanee addunyaaf eegamna,
kanammoo abbaa keenyatu nu dandeesisa,hoomaas hin shakkinaa
Aadaa,afaanii fi seenaa keenyas hin dagannu!
May God bless u,

Abdiisaa Abbabaa, Universitii FINFINNEE irraa
--------------------------------------
dursa maqaan waaqa gooftaa keenya kan eebbiffamee haa ta'uu. Itti aansuun hojii waaqayyoof yeroo keessaan kennitanii
karaa "website" kanaan geeddarumsa guddaa waan fidaa jirtaniif jabaadha itti fufaa.  Waaqayyoo kanuma caala jabiinaa
isaa isinii haa kennu.

Margaa Dirribaa, yuunivarsitii adaamaa irraa.
--------------------------------------
Ogummaa Waaqayyoti kenna kan jedhu caafamee waan jiruuf, Waaqayyo Ogummaan akka na eebbisu akka naaf
kadhattanan barbaada. Waaqayyo sin haa eebbisu!

Dessale Baba
--------------------------------------
yaadni keessan baay'ee namatti tola haaluma kanaan itti nuuf fufaa malee !yaa jaalattoota waaqayyoo!

Addunyaa Badhaasaa, wollo university irraa!
--------------------------------------
Warrii harkaa isaa kessaa jiraa tasa hin gatamaan jabaadha. eebbii isaa isiif haa bayyaatuu

Lemmaanee Indaluu
--------------------------------------
                                                                                                         
 Next>>>  1 | 2  |  3  |  4  |  5
Obboloota keenyaa, waan isin jettan asi irratti baasuudhaan hubannaa Waaqayyo isiniif kenne argisiisuuf barbaadna. Kan
bilbilaan nu quunnamtanii fi kan fuulaa fuulatti nutti dubbattan dabalatee hunduma keessan Gooftaan dabalee daddabalee
isin haa eebbisu. Yeroo hundaa Waaqayyo teessoo Isaa irra jira. Isa tajaajiluu jaallanneerra.

Hojiin keenya ulfina Waaqayyoof qofa. Kadhannaan keenya obbolootaaf, waldaa keenyaa fi waldaa kiristiyaanaa biroof,
tajaajiltootaaf, biyya keessa jiraannuu fi biyya keenyaaf akkasumas lubbuuwwan hidhaa seexanaa jala jiraniif. Kana irratti
isinis itti fufaa yeroo hundaa kadhannaan nu yaadadhaa. 'Website'n kun yeroo yerootti waan haaraa waan qabaatuuf yeroo
hundumaa ilaaluu hin dagatinaa!

Kutaa kana jalatti immoo Obboloota hafuura qulqulluudhaan kaka'anii yaada jajjabinaa nuuf barreessan
keessaa hanga tokko maxxansuuf murteessine. Isaanis akkana nuun jedhu:
Obboloota Irraa
Your name/Maqaa:
Your email
address/'Email':
Your phone
number/Bilbila:
Comments/Yaada: