Comments / Yaada
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.

Yaada nuuf hiraa jirtaniif jajjabaadha! Ergaa keessaniin nu jajjabeessaa! Waaqayyo isi ha eebbisu.

Barataa Abboomaa Universitii Hawwaasaa irraa.
--------------------------------------
Karaa isiin dubbii waaqayyoo barsiisa jirtaan dandii baayee filaatamaadha waaqaayyoo isin haa eebbisu ammaa dhummati
isin haa dhabu.

Gammadaa, Adaamaa yuunversity irraa.
--------------------------------------

Firstly I would Like to say thank you to give me this chance and your message has changed my internal life.

Anteneh Bekele royal college
---------------------------------------
Nagaan Waqayyo isnf habayatuu akkam jirtuu nun nagaadha jabbadh hojii waqayyoo hojedh kan jichun koo kanacalatii
jechu kooti waqayyo isin ha'ebisuu Ameen.

Lalise Maatii
--------------------------------------
yaada gaarii akka kanaa bara kana keessa isiin irratti arguukootiif baay`een gooftaa galateeffadha. Sagantaan keessan
kun namoota hedduuf karaa eebbaa ta`aa waan ji-
uufis jabaadhaa!

Eebbisaa Roorroo, magaala haratoorraa
-------------------------------------
Yaadni isin sagalee waaqayyoo biyya hundaaf gahuuf jettanii qabattanii kaatan baayyee nama gammachiisa. Gooftaan
dabalee isin ya aeebbisu.

Darge Gueta
City College Of San Francisco, California irraa.
--------------------------------------
Duraan dursee Nagaan Waqayyoo isnf habayatuu akkam jirtu. nun Waqayyon hagalatu malee nagaa kooti.Kanatii
ansuudhan jabadha hojii waqayoo hojechuti cimaa waqayyoo isin ha'ebisuu ameen.

Lalise Amanuel
--------------------------------------
eergaa keessaan sagaalee waqayyoo bakkaa inni ingeenyeen gauu wan taeef jabaa dha.

Jootee Tamasgeen, adaamaa riiftii irraa.
-------------------------------------
egaan obbolotakoo jajjabinni kessan bayye namattii tolaa goftaan isinaa haebbisuu ammayyu ayanaaisaaisinif hadabaluun
jedha.

Adame Hambisa,  adamaa irraa
--------------------------------------
waaqayyo isin haa eebbisu .Hamma dhumaatti sin haa dhaabu .Ayyaana isaa isiniif haa baay'su jechaa yaada isin babal'ina
wangeelaaf qabdan daraan itti haa fufu.ameen!

Asmara Gadisa
--------------------------------------
oboloota koo baay'een isin jaala dha. ergaa hafuuraa isin nuuf ergitaa jireenya nuuf ta'eera waaqayyo isin yaa eebbisu.
ergaan isin nuuf dabarsaa jirtan lafee keenya cimseera gorsa gara garaas itti nuuf dabalaa waaqayyo isin yaa eebbisi

Darajjee caalaa;  kolleejii rooyal irraa
--------------------------------------
akkas bara keessan fi yeroo keessan gooftaaf kennitanii isa tajaajiluu keessaniif  gooftaan guddaa isin  haa eebbisu.
jabaadhaa  itti  fufaa.

waahimaa  borii, ADAAMAA YUNIVARSITII  IRRAA
--------------------------------------
Hundumaa dursa nagaan waaqayyoo isiniif haa ta`u, qopheessitoota sagaantaa kanaa hundaaf,
yaada wangeelaa isiin amma karaa interneetii dabarsaa jirtaniif waaqayyo baay`isee isiin haa eebbisu. Gara fuula duraattis
kana caalaatti itti fufaa. Hojiin keessan kun lubboota heedduuf karaa fayyinaa ta`aa waan jiruufis jabaadhaa

Tasfaahun Darajjee, Arba mincii universitiirra.
--------------------------------------
Dursa yaada akkasii kana tamsaastanii namoota baay'eef dhugaa keessaniif Waaqayyo isin haa EEBBISU!...

Damiso Abire
--------------------------------------
Ani barataa Univarsiitii Adaamaati.yaadni ani isiif qabuu haala amma kanaan ciminaan itti fufaati wangeela babal'isaan
isiniin jedha.

Hayiluu Guddinaa
--------------------------------------
Wangeela akka kanatti biyya hundumaan ga'uu keesaniif baay'iseen isin galateeffadha, waaqayyo gooftaan maccaa isin
haa eebbisu.

MAATEWOOS IDDOOSAA
--------------------------------------
kayyoo garii, fiixaaf siif haabahu! God bless u!

Beruna Bayisa, Mekele University
--------------------------------------
Nagaan koo bakka isin jirtanitti isin haa qaqabu,nagaa keessanii? sagantaa akkasii qopheessitanii waaqayyoon tajaajiluu
keessanitti guddaan isinitti gammade,waaqayyoo dabalee daddabalee hubannaa dubbi isaa isiniif haa laatu.

B/Amanu'eel Dingetaa University Adama irraa.
--------------------------------------
waaqayyo siin haa eebbisu , hamma dhumaatti siin haa dhabu ayyaana isa isiniif haa baay'isu.ameen!

Asmara Gadisa, yuuniversitii Adaamaa
---------------------------------------
wanta akka kanaa  rabsuu kessaniif galatooma itti fufaayin isiniin jedha nagaatti waqayyo isin faana haa ta'u Nagatti.

Shiferraw Taddesse, Adama universitii irraa
--------------------------------------
Baay'ee gaariidha. Waan isin hojjechaa jirtan baay'ee nama gammachisa. Waaqayyo isin wajjiin haata'u Eebbifama.
Waaqayyo isin haa eebbisu.

Mulisa Chimdessa
--------------------------------------
ERGAAN ISIN KARAA KANAAN NUF DABARSITAN  BAAY'EE NUGARGAARE BAAY'ITTI EBBIFAMNEERAS WAAQAYYO
GOOFTAAN ISSIN YAA EEBBISI JABAADHAA ....

Darajjee Caalaa
--------------------------------------
Gooftaan Guddaa  isin haa  EBBISU  hojii keessanitti  baay,ee  gammadeera itti  fufaa.  waaqayyoo gatii hojii  kessaaniif
BISSI   galataa  isiini  keenna !!     naagaa gooftaa  isiin  duukaa  haa  ta'uu

Gamachu Bora  ARBA MINCH  UNIVERSITY
--------------------------------------
galtomaa website kessan na gamachiserraa. ani bartaa unverstiy mekelle dha.akkasumas immo kirstinadha.... WAQAYYO
ISSIN HA EBBISU.

Kennasa
--------------------------------------
Yaada kana gaafan arge baayyeen gammade mulata gaarii labsii Wangeelaa karaa kana jalqabuu keessaniif Waaqayyo isin
haa eebbisu yaada gaarii kana itti fufaa....

Jiraa Habtee
--------------------------------------

Kuukkuu fi Kumarraa,isin nama biratti akkuma fudhatama qabaattan Waaqa birattis fudhatama guddaa qabdu! Waaqayyo
isinaa eebbisu ergaa Waaqayyoo dabarsuudhaan lubbuu  baay'ee badii irraa hambisaa jirtu .Ani laphee irraan isin jaalladha
jabaadhaa.

Jalata Sori
--------------------------------------
WANTI ISIN DHAMA'AA JIRTA ONNEE NAMAA RAASA. JABAADHAA!

Margaa
---------------------------------------
Hoojiin keessan baayyee nama gammachhiisa. Ana caalaa immoo GOOTAAN isinitti gammada. Waaqayyo eebba isaa isin
irratti haa dhangalaasu. Barri 2009 bara bara araaraa isiniif haa tahu. Ayyaana gaariin isiniif hawwa.

Merga Garoma
--------------------------------------
ERGAAN SAGALEE WAAQAYYOO ISIN DABARSITAN LAPHEE NAMAA SAAQAA,ITTI CIMAAN JEDHA.gOOFTAAN ISIN HAA
EEBBISU.

Indaaluu Fufaa
---------------------------------------
hojii wangeelaa babal'isuu keesaniif waaqayyoo baay'ee isin haa eebbisu hamma xumuraattis mana isaa keesa isin haa
dhaabu.

Amanuel Abdissa
ADAAMAA UNIVERSITY IRRAA
--------------------------------------
Waaqayyoo Gooftaan keenyaa isin haa eebisu baayeen issin jalaadha hoojii waqeelaa aduunyaa irra faacasuu keessanif
galatoomaa,itt fufaa jaabadha  aamayuu kun jalqaba keessanii.

Tasfaayee  Abdiisaa, Adaamaa University
--------------------------------------
Waaqayyo inni isin jalqabsiisee issin haajabeessu. Jabaadhaa ibsaa isa dukkana keessa jiru dukkana keessaa baasaa.

Lalisee Mati
---------------------------------------
Kiristoosif jettanii gatii yoo baastan inni immoo guyyaa dhumatti gonficha isin badhaasa! Kanaaf iyyuu isa jalqabdan ittuma
fufaa malee booddeetti hin deebi'ina. Gooftan isin haa eebbisu.

Genet Teshome
---------------------------------------
Hojii isin hojjettaa jirtan baayyee gaarii dha, Waaqayyo isin haa eebbisu.

Daawiit Ijjiguu
--------------------------------------
Waaqayyo obboloota akka keessanii nuuf kenne barabaraan haa galatoomu. "God bless you"

Gaaddisaa Tarreechaa, Jimma University
---------------------------------------
Hojii hojjetaa jirtaniif Waaqni isin haa eebbisu.

dawit
---------------------------------------
Mul'ati keessan baayyee namatti tola, Waaqayyo isin ha'eebbisuu,

Nagaan,

Likkituu Dinagde
--------------------------------------
yaadni kiyya baay'ee isinitti gammadeera gooftaan isin ha eebbisuu isin ha gargaarus ...

Taammiraat Fiixaa, Finfinnee
---------------------------------------
yaa obooloota koo saganta kan yamun argadhu bayeen gamadee. naatti tolitaniitu jabadha. Waqqayoo goftan obsaa isaa
isnf hakenu. Ayaan gofta isn faana hata'uu. bayeen isn jaladha.

Zannabach Taliilaa
----------------------------------------
Kumera & Kuku, I just saw your web-site and I was so amazed. Keep it up, and God be with you.

lalisa {LA}, georgia
-----------------------------------------
Jalqabi keessan gariidha jabadha mana waqqayyoo ijaraa waqqayyoo kan keessan isinif hojeta. Eebifama.

Biqiltuu, Adaamaa
--------------------------------------
waaqayyo inni isin amanattanii kaatan kun hanga dhumaattiakka inni isin gargaaru kadhata koo tiif hawwii kooti  jabaadhaa
waaqayyo isin haa.eebbisu  nama mullata qabuuf wanti hin danda.amne hin jiruu mullata waqayyotu namaaf kennaa hojii
dhaan mullisuun ammoo kan isa itti kennameetii   Fil 4.13
lafan jiraadhutti yaada keessan akka tasaa daandii enternetaa irratti argeen baayyee itti gammade yeroo biraa walitti
deebinaa nagaan jiraadhaa

Isma'el Jijoo, Kenya
---------------------------------------
Gooftaam sina eebbisu jecha sagantaa gaarii akkas kanammoo jabadha itti fufa waan humni keenya danda'emmoo sin
gargaarra.

Jafer Tamiru
---------------------------------------
obbolootaakoo waaqaayyoo daddabalee siin haa ebbisuu.yaadii anii ka`uu yoo kun simbira naaf gahuussa
mirkaneefadheedha.

Gammachuu, DC
----------------------------------------
jaalqababatti maqaa waaqayyoo isaa guddaa maqaan isaa haa ulfatu naaga kooti ansudhaan akka armaan gadditi issini
kattabu yaala garaa fulduratti araafa kun waalli nu barsissa jedhen abdaa dha yaada koo naana illaalatti naaf katabba
waaqayyoo issin haa egu isini haa ebbisu,  ameen

Kana Malaku, Oromia
----------------------------------------
Baayyee isiin Jalaadha . Waaqayyoo isin haa ebisu jabaadha.  Nagaan Waaqaa isiin waajiin haa ta'u.

Yoonaas Dhiinsaa
--------------------------------------
kuukufikumeera, gooftaan karaa keessan akkeeka isaa addunyaa bal'oo dukkana jalaa baasuuf isa isin keessatti jalqabeef
waaqayyoon baay'isee  galateeffachaa jaalala mana keessatti argattanii hojii hojecha jirtan kana isin duukaa bu'ee
hojeechuuf baay'ee hawwaa nagaa guddaa isaa isiniif ergeera; kunis kan abbaa ,ilmaa fi hafuura qulqulluu  saddan
tokkichaatiin.

Nemie Dushe
--------------------------------------
saglee waaqayyoo labsuu fii murtoo gochhuu kasaniffi  gamaderra, waaqayyoo isnaebssuu.

Girma Emiru Jira
--------------------------------------
Waaqayyo Mul'ata nama irra fudhatamuu hin dandeenye waan isin keessa kaa'ee of irra dabartanii namoota warra kaaniif
iyyuu eebbaa akka taataniif jaalala saboota keessaniif qabdaniif eebbifamaa. Bara namootni baayeen karaa isaa wallaalanii
bowwaatti fiigaa jiran kanatti isin illee baga jiraattan.Yeroo hundumaa waliif kadhachu fi waliif yaaduun akka jirattaniif
maqaa gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoosiin sinan gorsa. Guddadhaa.

Beckham Gudeta CCSf. California
-------------------------------------
Anii jirata magala Dembidolootii jabadha Waqayyo isin hagargaaru. Hamma ayyanii Waqayyo nuf ba'yatee hadha mana
koo waliin isiinif kadhanna isiinis nuf kadhadha.

Tesfaye fii Roman Dhuguma
----------------------------------------
Tajaajila keessanitti baayyee gammadeera, "mul'ata guddaa  dha, haala ammayyaatti fayyadamanii sagalee Waaqayyoo
babal'isuu fi waarra rakkatan gargaarun" Fiixaan ba'insa gaariin isiniif hawwa, Waaqayyo
isin haa gargaaru!

Amantii Caalii, Japan irraa
------------------------------------------------
WAAQAYYOO ISIN HAA EEBBISUU!

Ebisa Aga
------------------------------------------------
fayyaa ta'aa,Waaqayyo isin haa eebbisu.

Warqinah Hiissaa
-----------------------------------------------
Egaa maal jenaaree waaqayyoo isin haa`eebisu.ani baraata univeersiitiiti yeroomn saa`iittii keessan argee nattii tolee
Gooftaan isiinaa`eebbisu fiixaaniis isinnhabaasiisu.

Iyasu Tashoomaa
--------------------------------------
Hojii dinqisiisaa, dirqama kayyoo amanti innis 'labsii sagalee misiraachoo' kanaaf murattanii ka'uu keessaniif Waaqayyoon
guddaan galateeffadha, eebbi isaa isinii fi saba ballaa itti dhimmaa  ba'uu, ulfinnii isaa immoo Waaqayyoof haa ta'u.
Jabadhaa kadhannaa keenyaan anii fi manni koo isin waliin jira.

Fikru Andea
--------------------------------------

Faarfannaa keessan kana baayeen jaalladha. gooftaan  tajaajila keessan hundumaaf guddisee isin haa eebbisu. Guddadhaa.

Bekami Gude, Oromia
--------------------------------------
Jabaadha waaqayyo isin wajjin haata'u. dhugaa dubbachuudhaaf ergaa keessan utuun hin yaadin akka carraa argadheen
baayyee itti gammadeen jira waaqayyo guddaa isi haa eebbisu,jabaadhaan isiniin jedha.

Caalii Haayiluu, Adaamaa
---------------------------------------------
websiti kesaan arge baye nati tolee. jabadha goftan isini wajin jira. isa isin kesati jalqabe hoji gari kana ini bakan in ga'a.

Mezgebu Abdissa LA irra
---------------------------------------------
What an immense message and glories ministry you have? May God bless you brothers in Christ! I never knew you have
this web and astonished so much when Google brought you up to my eyes. Thanks for your ministry. Blessings on you!

Anoka, MN


                                                                                 
<<<Previous    Next>>>  1  | 2 |  3  |  4 |  5
Obboloota Irraa