When You're Sick /Dhukkuba Irraa Fayyuu
Dhukkubaan qabamtee hidhamtee jirtaa ykn dhiphachaa jirtaa? Fayyisaan mul'ateera! "Inni yakka
iddoo lafa jalaa keessaa ol baafteetta, warra boollatti gad bu'an gidduudhaas jireenyatti na
deebifteetta." (Faar 30:2-3) Namni kun gara Gooftaatti iyye, Innis in dhaga'e; jireenya isaas in
deebiseef. Waaqayyo ijoollee Isaa warra taane gidduutti hin loogu. Inni gaafas Dawitiin fayyise
har'as si fayyisuuf amanamaa dha. Garuu akka Inni iyya keenya hin dhageenyetti cubbuun keenya
Isa dhowweera yoo ta'eef (Isaay 59:1-2), cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf dursinee cubbuu
keenya Isa dura kaa'uutu nu irra jira. Dhiigi Gooftaa keenya Yesus Kiristos cubbuu kamittii iyyuu
nama qulleessa, garuu deebinee cubbuu keessa gangalachuun nu irra hin jiru. Dhiiga isaatiin eega
qulqulloofnee madaa'uu isaatiin immoo akka fayyifamnu amanuu qabna. "Nuyi cubbuu jalaa duunee
qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e;
madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan." (1Phex 2:24)

Gooftaan keenya Yesus Kiristos yeroo biyya lafaa irra deddeebi'aa ture dhukkubsatoo fayyisaa
turuu isaa Wangeela keessaa iddoo baay'eeti in argina. Hanga tokko yoo isiniif tarreessine, Yesus
namoota lamxii dhukkubsatan kudhan fayyisuu isaa (Luq 1:12-14), namicha dhagni isaa bobbokoke
fayyisuu isaa (Luq 14:2-4), dubartii goophoo fayyisuu isaa (Luq 13:11-13), dubartii waggaa kudha
lama dhigni ishee lola'ee fi intala Yayiroos ishee duutee turte fayisuu isaa (Luq 8: 42-48; 49-55),
nama dhagni isaa gar tokko du'e fayyisuu isaa (Luq 5: 18-20), namicha harka naafa fayyisuu isaa
(Luq 6:6-10), namicha jaamaa fayyisuu isaa (Luq 18:35-43) Kana Wangeela keessaa dubbifachuu
dandeessu. Kana malees kan biroo baay'ee kutaa Wangeelaa adda addaa keessatti fayyisuu Yesus
in argina. Eraga inni biyya lafaa, si'olii fi du'a, aangoo isaaniis caccabsee mo'ee gara teessoo isaatti
ol ba'ees, bartootni isaa dhukkubsatootaaf kadhatanii dhukkubsatootni kunis fayyaa akk turan
sagalee Waaqayyoo irraa in hubanna.

Baroota nuti dabarsine keessattis Gooftaan fayyisuu isaa argineerra, nutis dhuga baatuu isaa ti. Yoo
maqaa Yesusin kadhanneefiif, namootni akka fayyuu danda'an Yesus aboo nuuf kenneera. Yoo ofiif
maqaa Yesusin kadhannes, fayyuu akka dandeenyu nutti dubbateera. Garuu amantiin keenya
hagami? Amantii qabaannee jennaan, tulluun nu duratti lafa wal-qixxee in ta'a, galaanatti darbatam
yoo jenne in ta'a.

Egaa yaa obboleessaa/obboleettii, har'a yoo fayyuu in feeta ta'e kadhannaa kana gaditti argamu nu
wajjin kadhachuu kee dura, Gooftaan si fayyisuu akka danda'u AMANI. Waan kadhattes akka
fudhattetti lakaa'i. "Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan
feetan in kadhattu, isiniif in ta'as."(Yoh 15:7) Amantii guutuu qabaadhuutii kadhadhu.

"Yaa Waaqayyo Gooftaa, Ati Waaqa hundumaa gochuu dandeessu ta'uu Kee nan amana. Yoo
barbaadde dhaabuu, yoo barbaadde immoo buqqisuu, yoo barbaadde ijaaruu, yoo barbaadde
immoo diiguu akka Ati dandeessu nan amana. Baroota keessatti fayyisaa turuu Kee, ammas immoo
fayyisuu danda'uu Kee nan beeka. Gooftaa, yeroo kanatti immoo araara Keen Si kadhadha, na
mil'adhu. Garbichi Kee Dawit "...Ani gargaarsaaf gara Keetti iyyadheera; Ati immoo ana
fayyifteetta."(Far 30:2) jedha; anis dhukkuba koo fudhadheen gara Keettin iyya; Ati akka na
keessaa buqqiftuuf maqaa Gooftaa Yesuusiin Sin kadhadha. Na fayyiftees ulfina Keetiif akka na
godhattus maqaa Yesus isa anaaf jedhee du'een Sin gaafadha.

Waan na fayyifatteef, aangoo diinaa jalaa waan na baafteef, akkasumas ol ol waan na qabdeef
galatni, ulfinni fi hoqubaan Siif haa ta'u. Amen!"

Fayyina kee kana amantiidhaan fudhadhu. Waaqayyoof galata galchi. "Waaqayyo aangoo koo ti,
gaachana koo tis, garaan koo isa in amanata; ani gargaarsa argadheera, kanaafis garaan koo in
ililcha; faarfannaa kootiins galata nan galcha." (Faar 28:7) Mo'ichi galataan akka argamu hubadhu.
Gooftaan waan si fayyiseef maqaan isaa haa galateeffamu. Ati immoo dhugaa ba'uu hin dhiisin.
Dhuga ba'umsa kee nuufis ergi. Gooftaan si haa eebbisu!
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
dadhabne, gurri Isaas
Isaay 59:1

Inni yakka kee siif in
dhiisa; dhukkuba kee
hundumaattis si fayyisa.
Far 103:3


...madaa'uu isaatiin in
fayyifamtan.