Home

About Us

Media

Prayer

Articles

Favorite Links

Comments
KKM - Jesus Is Lord! Yesus Gooftaa Dha!
Jesus Christ is the same yesterday and today and forever. Heb 13:8
Disobedience Leads to Failure
Got Jesus?
Jesus Will Return
Side With Truth
Watch Out
Disobedience Leads to Failure
Unanswered Prayers
God's Plan Can't Be Stopped
Why Did Jesus Come?

 Abboomamuu Diduu fi Of Tuulummaan Ulfina Irraa Nama Kuffisa

Waaqayyo bara baraan teessoo Isaa isa hin sochoone irra jiraata. Ulfina Isaas gad hin dhiifne. Namootni garuu baroota keessatti iddoo ulfinaa irraa kufuu isaanii dhaggeenyyeerra, argineerra, hubanneerra – amannees fudhanneerra. Isa bara jireenya keenyaa keessatti dhageenyee fi argine caalaatti, Macaafni Qulqulluun namoota ulfina Waaqayyoo irraa kufan akkasumas namoota ulfina mootummaa isa biyya lafaa irraa kufan hedduu lafa nuuf kaa’eera. Gabaabaadhumatti, isaan kana keessaa mee fakkeenyaf muraasa haa ilaallu.

1.        Addaam
Addaam yeroo uumame, uumama hunduamaa irratti mootummaa (dominion) akka qabaatu Waaqayyo aangoo kenneefii iddoo gaarii, iddoo dhaaba Eeden (iddoo Seera Uumamaa 1:8 irraa kaasee argamu sana) keessa akka jiraatu in taasise. Waaqayyo gochaa sana hundumaa godheefii abboommii tokko immoo akka eeguuf kenneef. Haa ta’u malee, namni kun abboommii tokkittii kana eeguu dadhabe, in cabse. Abboomamuu diduu isaa irraa kan ka’e lafti in abaarame. Innis jireenya biyya lafaa isa nama dadhabsiisu kun kennaa isaa akka ta’uuf godhate. Jireenya Waaqayyoo wajjnii isa joorri keesssa hin jirre keessaa gad baafame; lafa dadhabbiin hin jirre keessaa gatame. Kanas sagalee kanatti aanu keessatti in argina. “Kanaafis Waaqayyo Gooftaan nama iddoo dhaaba Eeden sana keessaa gad baase; namichi lafa isa ofii isaatii biyyoo isaa irraa kutame sana akka qotu in godhe.” (Uumama 3:23). Lafa jibba, lolaa fi oduun lolaa ykn waraanaa hin jirre sana keessaa gad darbatame. Namni kun iddoo ulfinaa irraa kufe. Isa booda dafqa isaa xuruursee jiraachuu jalqabe. Oduun hinaaffaa, oduun lolaa, oduun jibbaa fi ajjeechaa ijoollee isaa, Qaayinii fiAbeel, gidduudhaa dhaga’ame. “Qaayin obboleessa isaa Abeelii wajjin in dubbate; erga gara bakkeetti ba’aniis  Qaayin obboleessa isaa Abeel irratti ka’ee isa ajjeese. (Uumama 4:8). Ajjeechaan kunis hinaaffaa irraa kan ka’ee dha. Egaa walumaa galatti, Addaam abboomamuu diduu isaatiin ulfina Waaqayyoo irraa kufe. Iddo isaaf qophaa’ee ture keessa baafame.

2.        Saa’ol
Sabni Israa’el, sabni Waaqayyoo, bara Waaqayyo dhiibbaa fi cunqursaa mootii Gibxii jalaa baasuuf ka’ee, gara biyya abboota isaaniif kakuu galameetti galchuuf erga dubbatee jalqabee geggeessitootaa fi abboota firdii isaaniif kaaseen utuu geggeeffamanii ykn bulanii, gaaf tokko akkuma saba warra kaanii mootummaa barbaadan – mootummaa namaa. “Sabni kan biraa hundinuu akkuma qaban amma nuufis firdii kan kennu mootii nuuf moosisi!” (1 Saamu’el 8:5) jedhanii Saamu’el raajicha gaafatan. Mootii barbaadan, mootummaa namaa barbaadan, akkuma warra kaanii -- akkuma saba Waaqayyoo warra hin ta’inii. Mootummaa Waaqayyo biraa kennameef, geggeessaa Waaqayyo biraa kennameef, abboota firdii Waaqayyo biraa kennameef dhiisanii mootummaa biyya lafaa fedhan. Adda ta’anii utuu jiranii, warra aaqayyoof adda baafaman ta’anii utuu jiranii, akkuma saba warra kaaniitti of ilaaluu ykn jiraachuu barbaadan. aamu’el raajichi inni yeroo sanatti isaan geggeessaa ture in gadde. Waaqayyos in gadde, akka isaan Isa tuffatanitti akkaa’e, hamma yoomiitti gochaa Koo dagatu jedhe. (1Saamu’el 8:7-8). Waaqayyo yemmus Saamu’eliin, “Jarri kun Ana Isa isaan irratti mo’e tuffachuu isaanii ti malee si tuffachuu isaanii miti; ammas waan isaan sitti himatan hundumaa dhaga’iif. Waanuma biyya Gibxii gaafan isaan baase jalqabanii hamma har’aatti Ana dhiisanii waaqayyoolii ormaa waaqeffachuu isaaniitiin hojjetan si irrattis in hojjetu. Ati garuu waan isaan sitti himatan dhaga’iif! Haa ta’u iyyuu malee, mootiin isaan irratti mo’u maal gochuuf akka jiru cimsii of isaan eeggachiis!” jedheen. (1 Saamu’el 8:7-9) Akka kanatti Saamu’el egaa mootii dibuufiif ka’e.

Waaqayyos mootii tokko isaaniif moosise. Saamu’el raajichi inni baras saba kana geggeessaa ture nama tokko akka dibuuf Waaqayyo dargaggeessa tokko filee gara Saamu’elitti erge. Waaqayyo yeroo dargaggeessa kana gara raajichaatti ergu, raajichis akkuma Waaqayyo isa abboometti nama Saa’ol jedhamu kana dibee moosiseef. Saa’olis yeroo sanatti fudhachuun itti cimee ture. Gosoota Israa’el keessaa gosi isaa xinnaa, qomoo abbaa isaa keessaas isa xinnaa ta’uu isaa dubbata ture. (1Saamu’el 9:21) Waaqayyo garuu gadii kaasee ol nama qabuu waan jaallatuuf nama of tuffate kana fuudhee teessoo mootummaa irra isa kaa’e. Ayyaanni Waaqayyoos in dhufeef; mootummaan isaa jabaachaa adeeme; mo’ichas argachaa adeeme.

Waaqayyo gaaf tokko Saa’olitti ajaja kenne. Yeroo sabni Israa’el biyya Gibxii ba’aa turan saboota adda addaa gidduu darbuutu isaan irra ture. Yeroo gidduu darban kanatti sabootni kun karaa irratti isaan hambisuuf ykn isaan rukutuuf yaalaniiru; isaan rakkisaniiru. Waaqayyo garuu dinqii isaatiin akka isaan geggeessaa ture Macaafni Qulqulluun dhugaa nuuf ba’a. Seera Ba’uu keessatti tokko tokkootiin argachuu dandeenya. Ajaji Saa’ol bira dhufe kunis akkas ture: “Sabni Israa’el biyya Gibxii yommuu ba’anitti Amaaleqootni isaaniin mormuudhaaf karaatti wanta isaan hojjetaniif isaan nan adaba jedha Waaqayyo Gooftaan maccaa. Egaa ati dhaqiitii, Amaaleqoota dhiiraa jalqabdee hamma dubartiitti, ijoolleedhaa hamma mucoolii harma hodhaniitti, akkasumas otiyyoowwanii hamma hoolotaatti, gaalotaa hamma harrootaatti ajjeesii fixi! Isaaniifis hin oo’in! jedhe” (1Saamu’el 15:2-3). Waaqayyo ijoollee Isaaf in oo’a; diinota ijoollee Isaatti garuu garaa in jabaata. Akka isaan dhumaniif ajaja kana Saa’olitti dabarse. Saa’olis akkuma Waaqayyo isa abboometti gara lolaatti in ba’e. Namoota isaaniis in fixe, garuu mottii isaanii Agaagiin fayyaatti booji’e (1Saamu’el 15 :8). Nama kana lubbuutiin hambisuu isaatiin abboommii cabse. Horii (bushaayee, saawwanii, fi kkf) keessaa warra waa’ee hin baafnee fi warra tuffataman hundumaa raawwatee balleessise; warra ija isaanii duraatti gaggaarii fakkaatan, warra coccoomoo garuu in hambifate (1Saamu’el 15:9). Boojuu kana irratti lafa dha’uudhaan abboommii Waaqayyoo eeguu dadhabe. Waaqayyoon utuu hin ta’in namoota isa duukaa jiran gammachiisuu fo’ate (1Saamu’el 15:9). Wanta raawwatee balleessuun irra ture hambisee fudhate. Waaqayyo garuu abboommi itti kenname eeguu diduu Saa’ol yommuu arge, isa tuffate. Waaqayyo akkuma amala Isaa hojjetaa Waaqayyoo, raajicha Saamu’eliin itti ergee dubbii kanatti aanu itti himsiise. Innis, kan akkana jedhu ture: “Sababii ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, Innis akka ati mootii hin taaneef si tuffateera” jedheen (1Saamu’el 15:23). Kana booda, Waaqayyo Saa’ol irraa in garagale. Saa’olis hamma hafuura hamaatti dabarfamee kennamutti ga’e, hamma mootummaa isaa irraa kufutti ga’e; dhuma irrattis harka diinota isaa (warra inni warra dhagna hin qabatne jedhee waamu sana) keessa hamma galutti Waaqayyo qofaatti isa dhiise. Abboomamuu diduun isaa ulfina Waaqayyoo irraa isa kuffise, barcuma mootummaa irraas isa kuffisa.

3.        Nebukadnezaar
Nebukadnezaar mootiin Baabilon yeroo mootummaan isaa kan biyya lafaa garmalee guddatetti, baay’isee of tuule. Bifa ofii isaatii warqee irraa tolchisiisee namootni hundinuu akka fakkaatti ykn siidaa isaa sanatti sagadanis seeraa fi abboommii baase (Daani’el 3:1-6). Labsii sanas in dabarsiise. Ijoollee Waaqayyoo warra itti sagaduu didan hamma abiddatti darbachiisutti ga’e (Daani’el 3:20). Abiddi inni mootiin Baabilon kun ijoollee Waaqayyoo itti  darbachiise kun isaan irratti aangoo hin qabaanne, isaan hin gubnes. Utuu kanas dinqii Waaqayyoo kan biroos arguu of tuulummaan isaa ittumaa guddachaa adeeme.

Gaaf tokko bantii mana mootummaa isaa irratti ol ba’ee waa’ee ofii isaa, waa’ee surraa ofii isaa, waa’ee ulfina ofii isaa, waa’ee jabinaa fi aangoo isaa utuu dubbatuu sagaleen tokko waaqa keessaa gad itti dhufe. “Kun Baabilon guddittii, ishee ani iddoo taa’umsaa mootummaa kootiif, ulfina surraa kootiif, jabina aangoo kootiin ijaare mitii ree?” (Daani’el 4:30) jedhee utuu inni afaan isaa keessaa hin fixin, sagalichis akkana ittiin jedhe: “amma mootummaan si harkaa fudhatameera, ati namoota gidduudhaa in baafamta, iddoon jireenya kees bineensota bakkee wajjin in ta’a, akka sangaa marga in nyaatta, Inni hundumaa gararraa jiru sun mootummaa namootaa irratti akka mo’u, abbaa ofii Isaatii jaallateef akka isa kennus hamma beektutti, barri torba si irratti in darba!” jedhe (Daani’el 4:31-32). Sagaleen kun Waaqayyo Isa hundumaa gararraa mo’e bara baraan jiraatu, ulfinni Isaas kan bara baraa kan ta’e biraa ergame. Wanti Waaqayyo jedhe kunis mootii Baabilon kana irratti in raawwate. Innis ‘ulfina’ mootummaa isaa irraa in kufe.

Egaa dimshaashumatti, Waaqayyoof abboomamuu diduun, boquu jabaachuunii,  fi of tuulummaadhaan deddeebi’uun ykn of bokoksuun kufaatiif nama taasisa. Dibatni Waaqayyoo akka nama irraa fagaatu nama godha. Ayyaannii fi ulfinni Waaqayyo namaaf kenne akka nama irraa godaanu taasisa. Waaqayyo warra kan Isaa ta’an irrattis ta’e warra kan Isaa hin ta’in irrattis humna qaba. Akkuma Saa’ol irratti humna qaba ture Nebukadnezaar irrattis humna qaba. Yoo barbaade ol kaasa, in dhaaba; yoo barbaade immoo in buqqisa, in diiga. Harka Isaa jalatti gad of deebisanii Isaaf buluun akkam gaarii dha!!!

 

Home
About Us
Media
Prayer
Articles
Favorite Links
Comments