Dhiifama Gochuu Dadhabdee?
Dhiifama Gochuu dadhabdee? Isa hundumaa danda'u Waaqayyoon gaafadhu, Inni si dandeessisaa. jechuu kan nuti dandeenye, ofii keenyaaf Goofaa biraa yakka keenyaaf dhiifam fedhaa ykn gaafachaa isaa dhifama gochuun akka isaaniif ta'u utuu inni itti dubbatuu Macaafa Qulqulluu keessatti in argina. "Kadhachuuf yommuu dhaabattan, abbaan keessan inni waaqa irraa yakka keessan akka isiniif dhiisutti, namni tokko waa isinitti yakkee yaada keessan miidheera yoo ta'e dhiisaafii." (Maar 11:25) Kun egaa yoo nuti hin dhiifnuuf ta'e abbaan keenya inni olii nuuf hin dhiisu jechuu dha. Kanas keessaa baasee wangeela Maatewos keessatti nuuf in ibsa. "Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra-daddarbaa keessan isiniif hin dhiisu." (Maat 6:15)
Nuti kan waamamne Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabaachuufi. Isaa wajjin walii ta'uuf immoo qulqullaa'uutu nu irra jira. Ifa keessa deddeebi'uu qabna. Yakka obboleessa keenyaa utuu hin dhiisniif, hadhaa laphee keenyatti qabanne yoo jiraanne, Waaqayyo inni garaa namaa isa dhokataa arguu danda'u, hadhaa nuti baannee deemnu sana in arga. "Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabna jennee dukkana keessa yoo deddeebine, in sobna; akka dhugaa sanaattis hin jiraannu. Akka Inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhigni ilma Isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu ulleessa." (1Yoh 1:6,7)
Egaa yaa obboleessaa/obboleetti, nama biraa isa si yakkeef yoo hin dhiistu ta'e dukkana keessa deddeebi'aa jirta. Dukkana keessa deddeebi'aa immoo Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabaachuun hin jiru. Dhiifamuu cubbuu ofii argachuunis hin jiru. Kan si yakkaniif dhiisuuf amma murteeffadhu; laphee kee qopheessi. Ati qophoofnaan, Gooftaan keenya si gargaaruuf amanamaa dha. Yoo qophoofteef, kadhannaa kana gadii amantii guutuudhaan nu wajjin kadhadhu. Yeroo amantiidhaan kadhattus akka fudhattetti lakkaa'i. ("Kanaaf isinittin himaa; waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhattaniitti lakkaa'aa amanaa, isiniif ta'uufis jiraa." Mar 11:24) Ammas irra deebinee jennaa, kadhannaa kana amantiidhaan kadhadhu. (Maqaa nama sanaa bakka barbaachisutti galchii kadhadhu).
" Yaa Waaqayyo abbaa, laphee fi garaa koo isa dhiifama gochuu dadhabe fudhadhee teessoo kee duratti dhihaadheera. Namni kun na yakkee/yakkitee jennaan dhisuufii nan dadhabe, kun immoo dubbii keen kan mormuu dha. Dubbii keen mormaa jiraachuunis yeroo hundaa nagaa koo booressa; sammuu koos in madeessa. GOOFTAA, qalbiin diddiiradha; waan laphee koo irra jirus si durattin jijjjissa; yeroo kanatti aarii, dallansuu fi hammeenya ani nama kanaaf qabu na irraa duguugi; ibsaa kee golee garaa fi laphee kootti qabii ilaalii naaf qulleessi. Nama kanaafis cubbuu isaa/ishee fi irra daddarbaa isaa/ishee Ati dhiisiif.
Abbaa, nama kanaa fi anaan yeroo kanatti waan birmaduu nu baafteef galatni teessoo kee irratti Siif haa ta'u. Lammata waa'ee nama kanaa garmalee akka ani hin kaafne, diinaafis karaa akka ani hin kennineef kan na gargaaru hafuura kee naaf ergi. Akkuma ani yakka nama kanaa dhiiseef immoo yakka koo fi irra daddarbaa koo naaf dhiisi. Ammaa kaasii immo dhifamaa fi jaalalaan nama guutame na taasisi, maqaa isa maqaa hundumaa caalu maqaa Yesusiin kadhannaa koo naaf dhaga'i. Amen!"
Amantiin kan kadhatte amantiidhaan fudhadhu. Nama kanaaf erga dhiiftee, dhiisuufii kee isa/ishee beeksisi. Namni sun yoo fudhates dhiises ati fayyiteetta. Nama sana immoo eebbisi, kadhadhuufis. Dhuga ba'umsa kee nuuf ergi. Gooftaan si haa eebbisu! |