When you fight walking in the flesh/Hidhaa Hojii Fooniitti Hiikamuu
"Birmaduutti akka nuyi jiraannuuf Kiristoos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa!
Deebitaniis waanjoo gabrummaa jalatti hin qabaminaa!" (Gal 5:1) Waaqayyo dhiiga Ilma Isaatiin nu
Gooftaan in gadda. Qaamni keenya bakka buufata Hafuura Qulqulluu ti; bakka buufata Waaqayyoo ti.
Yaa obboleessaa/obboleettii, fedha fooniin hidhamtee jirtaa har'a? Hafuuraan mo'i! "Ani garuu,
hafuuraan in morma; Hafuurris fooniin in morma; isin waanuma jaallattan akka hin gooneef, isaan
kun lamaan waliin in mormu. Hafuurichaan yoo geggeeffamtan garuu, isin seericha jala hin jirtan."
hidhuun du'a in fida; yaada ofii fedha Hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida." (Roomaa
8:6) Egaa walumaa gala, tokko irraa badiisa ykn du'a, isa kaan irraa immoo jireenya akka argannu
yaada foon isaatiitti facaasu, yaada foon isaatii sana irra badisa in galfata; akka yaada Hafuuraatti
kan facaasu immoo yaada Hafuuraa irraa jireenya bara baraa in galfata." (Gal 6:8)
Hojii foonii isaa xuraa'ummaadhaan guute irraa fagaadhu; Waaqayyoof adda of baasi. Gooftaan
keenya Yesus Kiristoos siif du'uu Isaa hin dagatin. Dhiigi Isaa cubbuu kamittii iyyuu qulqulleessu in
danda'a. Yeroo utuu itti hin kennin yaada garaa keetii fi qalbii kee diddiiradhu. Hojii foonii fi
xuraa'ummaa isaa of irraa baasi. Ammas irra deebinee kan jennu, bu'aan hojii foonii du'a nama
dhaalchisa; hojiin Hafuuraa garuu jirenyatti nama geessa. Kanaaf, kan si qabee, si hidhee, si
quucarsee fi gad si qabee jiru yoo jiraate Gooftaa duratti diriirsi; Innis si furuuf jiraataa dha. Egaa
irraa deebi'uudhaaf akka ta'uuf hojiin foonii maalfaa akka ta'an tarreessuu barbaadna. "hojiin foonii
mul'ataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa'ummaa, jireenya gad-dhiisii, waaqayyoolii tolfaman
waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamssa, ofittummaa,
yaadaan gargar ba'uu, barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana
fakkaatus." (Gal 5:19) Kanneen kana irraa fagaattee kan Hafuuraa qabachuuf yoo murteeffatteef,
kadhannaa kanaan amantii guutuudhaan Waaqayyo duratti dhiyaadhu. Inni immoo si
qulleessuudhaaf amanamaa dha!
"Gooftaa, Ati hundumaa akka Ati dandeessu nan amana; anaaf jettee dhiiga Kee akka Ati lolaaftes
nan beeka. Hojii fooniin deddeebi'uun du'atti akka nama geessu sagaleen Kee dhugaa naaf ba'u.
Yeroo kanatti, karaa du'aa dhiisee jireenya fo'achuuf fedheera. Hojii fooniin kan ani Si yakke
hundumaa maqaa Keetiif jedhii naaf dhiisi. Foon ganee Hafuuraan akka ani fuula Kee dura
deddebi'uuf Hafuurri Kee inni nama hubachiisuu fi nama yaadachiisu na keessa haa buufatu. Garaa
qullaa'aa anaaf uumi yaa Waaqayyo; Hafuura dhaabataas na keessatti haaressi. (Faarfannaa 50:10)
Yaa Abbaa, hojii foonii kan gara du'aatti nama geessan waan na irraa kukkutteef galatni guddaan Siif
haa ta'u. Hafuura Kee waan na irratti dhangalaafteef ulfaadhu! Egaa ani har'aa kaasee
qulleeffameera. Hojii fooniis barabaraan ganeera. Hojii Hafuuraatti qabamee jiraachuufis
jaalladheera. Maqaa Gooftaa Yesusiin, Amen!"
Erga qulleeffamtee garuu deebitee gara du'aatti hin adeemin maaloo. Kana booda Hafuuraan
geggeeffamaa Gooftaaf jiraadhu. Qaamni kee bakka buufata Goofaa ta'uu isaa hin dagatin. Gooftaan
si haa eebbisu!

2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
|