Yesus Gooftaa dha!
Links
Oromo Gospel
Oromo Church, LA
Lamb and Lion Fellowship, Mpls
Oromo Adventist Church, Mpls
Oromo Christian Fellowship, MD
Oromo Church - Oslo
Oromo Church  Phoenix
Oromia Evang. Church - Columbus
Ministry Ifaa fi Soogiddaa
...Hafuura kootin malee
humnaan miti,
aangoodhaanis miti.
Zakaariyaas 4:6

Wanta yaada sitti ta'u
Waaqayyotti gatii
dhiisi, inni akka ati hin
kufnetti si irkisa!
Namni qajeelaan
raawwatee akka hin
mittiqne in godha.
M. Faarfannaa 55:22
Tajaajilli Keenya Daangaa hin Qabaatu / Ministry With No Borders
Jaarraa 21ffaa kana keessa wal-quunnamtii
namootaa kan salphaa godhan keessaa inni
tokko Interneetii dha. Ergaa Waaqayyoo
dabarsuuf, gooftummaa isaa labsuuf,
akkasumaas Waaqayyo dhukkuba, dha'icha,
balaa, du'a bara baraa fi gabrummaa seexanaa
irraa nama baraaruu akka danda'u saboota
fayyanii fi hin fayyinitti labsuu fi yaadachiisuuf
mijaa'aa nuuf taasisa.  Nutis isa
gargaaramuudhaan mul'ata Waaqayyo nuuf
kenne fudhannee kaane.
Waan irratti isiniif kadhatamu yoo qabaattan
mata duree kadhannaa keessanii nuuf erguu
dandeessu; nuti immoo irratti isiniif kadhanna.

Have Fun and Learn/Debisaa Qayyabadhaa
John 6:66-69
From that time many of His disciples went back and walked with Him no more. Then Jesus said to
the twelve, "Do you also want to go away?" But Simon Peter answered Him, "Lord, to whom shall
we go? You have the words of eternal life. Also we have come to believe and know that You are the
Christ, the Son of the living God."



Home
Yohannis 6:66-69
Yeroo sanaa jalqabanii bartoota Isaa keessaa baa'een gara booddee deebi'an;
ergasiis Isaa wajjin hin adeemne. Yesus yemmus warra kudha lamaaniin,
"Isinis immoo adeemuu inni barbaadduu iyyuu?" jedhee gaafate. Simoon
Phexros deebisee, "Si dhiifnee eenu bira dhaqnq ree? Gooftaa, dubbii waa'ee
jireenya bara baraa nama barsiisu Situ qaba woo. Nuyi Isa tokkicha qulqulluu
Waaqayyoo akka Ati taate amanneerra, beekneerras" jedhe.
Bible Verses/Dubbisa Macaafa Qulqulluu Keessaa
  • Gaaffilee M. Qulqulluu keessaa deebisaa /
    Answer some questions from the Bible.
  • Dhibboo kana hiikaa / Answer some puzzles.
  • Kana beektuu laata? / Be amazed by 'Did you
    know these' statements.
2006-2008. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
Links for Kids (External)
Bible Stories
Good News
JesusandKidz
Kid Explorers
Gaaffilee fi Deebii isaanii
kana dura darban
dabalatee kutaa
kutaadhaan asii dubbisuu
dandeessu.

Abboomamuu Diduu fi Of Tuulummaan Ulfina Irraa Nama Kuffisa / Disobedience Leads to
Failure

Waaqayyo bara baraan teessoo Isaa isa hin sochoone irra jiraata. Ulfina Isaas gad hin dhiifne.
Namootni garuu baroota keessatti iddoo ulfinaa irraa kufuu isaanii dhaggeenyyeerra, argineerra,
hubanneerra – amannees fudhanneerra. Isa bara jireenya keenyaa keessatti dhageenyee fi argine
caalaatti, Macaafni Qulqulluun namoota ulfina Waaqayyoo irraa kufan akkasumas namoota ulfina
mootummaa isa biyya lafaa irraa kufan hedduu lafa nuuf kaa’eera. Gabaabaadhumatti, isaan kana
keessaa mee fakkeenyaf muraasa haa ilaallu.....
Itti fufa, as rukutaa...More >>>

Gaaffilee kana deebisuudhaan sagalee Waaqayyoo ittiin
qayyabadhaa. Yeroo deebisaa adeemtan Macaafa Qulqulluu keessaa
ilaalaa adeemaa. Gooftaan keenya isin haa eebbisu!
Ammas waa hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun,
galata dhiheessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamu nan gorsa.
1Xim 2:1
Akeeka Waaqayyoo kan karaatti hambisuu danda’u hin jiru!  / No One Can Stop God's Plan

“Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akeeka Kees karaatti kan hambisu hin jiru.”
jedha Iyoob erga waan jireenya isaa irratti raawwatame hundumaa argee booda.  Dubbii beekumsa ykn
hubannaa malee dubbatamuun, gochaa jal’aa ykn hamaa ta’een, kiyyoo haxxummaadhaan xaxame
diriirsuudhaan, akkasumas boolla gad-fagoo ykn qiliilee dhimmanii qotuudhaan yaada ykn akeeka
Waaqayyoo nama irratti qabu karaatti hambisuu yaaluun gowwummaa dha. Gowwummaa gara du’
aatti ykn gara dheekkamsaatti nama geessuu dha malee akeeka Gooftaa dhowwuun gonkumaa hin
danda’amu. .....
..Itti fufa, as rukutaa...More >>>

Gooftaa Yesus gara biyya lafaa maaliif dhufe? / Why Did Jesus Come?

Gaaffii nama irraa nuuf dhiyaate kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha, mee haa ilaallu:

Waaqayyo yeroo jalqaba nu uume akka bifa Isaatti, akka fakkaattii Isaatti nu uumee, uumama
hundumaa irratti immoo aangoo akka qabaannu nu taasise (Uumama 1:28). Seexanni garuu booda
haxxummaa isaatiin kana hundumaa nu harkaa fudhatee ofii isaaf nu taasifachuu barbaadee ture.
(Remember Adam and Eve?) Yesus aboo kana nuuf deebisuudhaaf, cubbuu keenya nu irraa fuudhuuf,
warra badee turre nu barbaaduuf, akkasumas Waaqayyoof nu booji’ee jireenya nuuf kennuuf gara
biyya lafaa foon uffatee dhufe.....
Itti fufa, as rukutaa...More >>>

Kadhata:
Lubbuu Haaraa Gooftaa
Fudhachuuf Kaate

Lubbuu Dhiifama
Gochuu Dadhabde

Lubbuu Dhukkubaan
Qabamte

Lubbuu Mamiidhaan
Guutamte

Lubbuu Hojii Fooniin
Xaxamte
Kadhannaan Maaliif Deebi'uu Dhiisuu Danda'a? / Why Do Some Prayers Left Unanswered?

Kadhannaa hundumaatu deebii qaba jechuus miti. Waaqayyo kadhannaa fedha Isaa irraa fagoo ta'e hin
deebisu. Sababii Waaqayyo kadhannaa tokko tokko hin deebifneef mee haa ilaallu.

1. Gooftaa wajjin tokkumaa qabaachuu dhabuu
Kan amane hundumti Waaqayyoo wajjin tokkummaa akka qabatu waamame. ."Waaqayyo, Inni gara
tokkummaa ilma Isaa Yesus Kiristoos gooftaa keenyaatti isin waame amanamaa dha." (1Qor 1:9)...
Itti
fufa, as rukutaa...More >>>

Isin Anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin Koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as.            
Yohannis 15:7
If you abide in Me, and My words abide in you, you will ask what you desire, and it shall be done for you.                     
John 15:7

Gooftaa Yesusiin Argatteettaa? / Got Jesus???????????????



"Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha
hin qabu." 1Yoh 5:12 ---[
He who has the Son of God has life; he who does not have the Son does not
have life. 1John 5:12]

Karaa lamatu jireenya keenya dura kaa'amee jira. Karaa inni tokko karri isaa bal'aa ykn boochoo dha;
inni kaan immoo rakkoo ykn dhiphaa dha (Maatewos 7:13) Karaa inni karri isaa bal'aan sun gara
badisaatti, gara du'aatti, gara du'a bara baraatti geessa; inni dhiphaan immoo gara jireenyaatti, gara
jireenya bara baraatti geessa. (Maatewos 7:14)
Itti fufa, as rukutaa...More >>>

Lallaba Adda Addaa - Coming soon
This text will be replaced by the flash music player.
Dhuga-ba'umsa Obbolootaa

Dhuga-ba'umsa obboloota irraa nuuf ergaman keessaa muraasa asitti maxxansineerra. Maqaa
namootaa garuu 'privacy' isaaniif jecha hin maxxansinu. Wanta jireenya isanii keessatti raawwatameef
galatni isaa Waaqayyo duwwaaf haa ta'u. Utuu hin jijjiirin, akkuma isaan jedhanitti keenyeerra.

1. Kuku-Kumera,
wanna biraa wantan jedhun dhabbee Waaqayyo gooftaan koo isn haa eebbissu baay'een itti boqodhee
tajjajjillaa keessanitti, kun hojjii guddaa dha!

2. Duraan dursee nagaan Goofta  keenya yeesus kristoos isini waajjin haa ta'u. Osoo gara ijoo dubbitti
hin galin wanin isinitti dubbadhutu jira. Inis ani kanan guddadhe maatii Waaqayyoon beeku keessatti
guddadhee garuu biyyaa ba'ee biyya amantiin kiristaanaa keessa hin baay'anne keessa dhufee waa'ee
amantii dagadhee turee guyya tokko oduu dhagefachuuf web site gadaa bane isan booda akka tasa
web site kuku-kumera yeroon banu lubbuu ko badee kan barbaadu  argadhe, galanni waaqayyof haa
ta'u. waan hundumtuu maaqaa gooftaa keenya Yesus kiristoosiin naa haara'e abdiin koos. Maaqan  
isaa kan ulfaate haa ta'u. Anis akka barattoota goofta gaabbun hin hafne.kana caalaa waaqayyoo na ha
gargaaru .Ameen! Barsiisaa fi gorsa keessaniin karaa irratti deebi'era waaqayyo dachaa dachaan isin
ha eebbisu. Gorsaa fi barsiisa kana caalu akka isin na laattan maqaa waaqayyoon abdii
qaba. Nagaa waaqayyoon turaa.

3. Nagaan Waaqayyoo inni dhuma hin qabne isiniif haa baay'atu. Akkam jirtu Waaqayyo isin haa
eebbisu. Waggaa tokko dura na dhukkubaa ture, amma garuu Waaqayyo kadhannaa keessan dhaga'ee
na fayyiseeraa Waaqayyoon naaf galateeffadhaa. Amma immoo anis namootaaaf nan kadhadha...
jabaadhaa, lola amantii lolaa.

4. Deebiin kee Yammuu nagaé akka ulfi garaa Elsabeet keessaa gara gale garaa koo keessaas
gammachuun gauutee natti dhaga'me. Waaqayyo tajaajila keessan kana haa eebbisu. Kadhannaan
keessan kun itti naaf haa fufu.

5. Yesus Kiristos inni arfii du'aa cabsee du'aa ka'e inni Gooftaa dha! kanaan dura jireenya dhuunfaa
koo tiif akka anaaf kadhattan isiinif barresseen ture;isinis akka naaf kadhattan na beeksiftanii turtan,
waaqayyo inni afuura kadhataa isiin keessatti dhangalaasee haa eebbifamu.
Nuti barattootni "Bahir Dar University" jirru waaqayyo nu gargaaree amma kunoo erga afaan
dhageenyuun wangeela dhaga'uu,waaqayyoon waaqessuu jalqabnee guyyaa lakkoofsiifneerra.Kanaan
duratti sagantaa "fellowship" irratti afaan Amaariffan waan tureef sababa rakkoo afaanii irraa kan ka'e
ijoollonni naannoo Oromiyaa irraa dhufan saganticharra irratti hirmaanna isaan godhan hin jiruu yoo
jeenne nuu hin leeyyaasisu.Sababa kana irraa kan ka'e immoo ijoollonni biyyatti tajaajilaa turan utuu
ayyana waaqayyoo baatanii afaan waan hin dandeenyeef tajaajila dhaabanii turan, kunis guddina
afuuraa isaanii irratti midhaa cimaa fidaa tureera.Warri kaan immoo afaan waan hin dhageenyeef
fellowshipiis ta'ee waldaa kirstaanaa magaala keessa jiru illee hin deeman, dinni immoo kana sababa
godhachuu dhaan ijjoollota baay'ee mana waaqayyoo keessaa baasaa ture.Amma garuu waaqayyoon
haa galatuu dubbiin isaa gara galeera.Ijoollonni mana
waaqayyoo keessaa ba'an deebi'aa jiru, warri keennaa tajaajilaa qabanis tajaajila isaanii itti fufanii jiru.
Haa ta'u malee karaa hundumaan waallaansoo cimaa keessa jirra. Kanaaf kadhannaa keessaniin nu
bira akka dhaabattan isiniin jenna.

Barreefama barsiisaaf ta'u illee nuuf eerguu akka yaaltan jaalala waaqayyoon isiin gaafanna.
Fakkeenyaaf mata dure kadhannaa jedhuun isa isiin qilleensa irra oolchitaan argannee itti gammanerra.