Waanuma tokko isin maqaa kootiin yoo kadhattan, ani nan raawwadha.
Yohannis 14:14
Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu malee waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!
Filip. 4:6
Akka fedha isaatti yoo kadhanne inni nuuf in dhaga'a;akka kanatti isa in amanna. Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga'u yoo beeknne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beeknna.
1Yohannis 5:14-15
...Hafuura kootin malee humnaan miti,aangoodhaanis miti.
Zakaariyaas 4:6
Wanta yaada sitti ta'u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.
M. Faarfannaa 55:22
Namni waan isatti tolu utuu hin ta'in, waan nama biraatti tolu haa barbaadu!
Qorontos 10:24
Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.
Isaayaas 40:31
|
Prayers / Kadhata

Kadhannaan maali, bu'aan isaas maali? Sagaleen Waaqayyoo maal jedha waa'ee
kadhannaa? Dursinee Gaffilee kana gabaabsinee deebisuu yaalla. Isa boodas, maal irratti
akkamittiin akka kadhachuun nuuf ta'u isiniif hirra.
Kadhanaan walquunnamtii ijoollee Waaqayyoo fi Waaqayyo gidduu ti. Kadhannaan
Waaqayyoon gaafachuu, ulfina kennufii, galata galchuu, qalbii diddiirachuu(cubbuu ofii
himachuu) of keessaa qaba. Kadhannaan leexaa/qofaa (Maatewos 6:6; 14:22) ykn tuutaan (
Maatewos 18:19-20) in ta'a; sagalee baafataniis ta'e callisanii yaadaa fi afuuraan kadhachuun
in danda'ama.
Yeroo kadhannu lubbuu keenya ykn laphee keenya Waaqayyo durtti dhangalaasudhaan ykn
gad-deebisuudhaan, afuuraan fuulaa fulatti Isaa wajjin wal quunnamna. Abbaa keenya ta'uu
Isaa dhugaa baanaaf. Yesuus akka itti kadhannu yeroo nu barsiise, Abbaa kenyaa jennee
akka jalqabnu nu barsiiseera (Maatewos 6:9). Aboo mucummaa qabnutti dhimma baana
jechuu dha. Firoomni kana caalu, jaalalli kana caalu eessa jira?
Kadhannaan Waaqayoo wajjin michoomuu dha, kunis carraa fi kabaja guddaa (privilege)
dha nuuf. Akkasumas immoo kadhachuun dirqama kiristiyaanotaa ti. Ofiif kadhachuu irra
darbee namoota biraaf kadhachuun dirqama keenya. Isiraa'elonni Saamu'el akka kadhatuuf
yeroo isa gaafatan, Saamu'el akkana jedhee ture: "...isiniif kadhachuu dhisuudhaan
Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuun immoo ana irraa haa fagaatu." (1Saamu'el 12:23)
Dirqama irra iyyuu darbee cubbuu ta'uu isaa dubbata jechuu dha. Kadhannaan deebii akka
qabu macaafa qulqulluu keessatti bakka baay'eetti in argina. Akkuma sagaleen Isaa jedhu,
Isatti qabannee yoo jiraanne wanti nuti kadhannu nuuf in ta'a (Yohannis 15:7) Karaa Afuura
Qulqulluus nutti in dubbata. Kadhannaa hundumaatu deebii qaba jechuus miti. Waaqayyo
kadhannaa fedha Isaa irraa fagoo ta'e hin deebisu. Kadhannaan kan hin deebi'in hafu maaliif?
Kana ilaaluuf as irra rukutaa.
Kadhannaa keenya diinni immoo attamitti ilaala? Kadhannaan diinatti duula banuu dha.
Phaawuloos ergaa isaa keessatti, "Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna
miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya
lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii
waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna." jedha (Efesoon 6:12). Kadhannaan
keenya hafuurota kana diiga. Kadhannaan akkasumas waamicha gara boqonnaatti nama
geessuu dha. Waan hundumaa Waaqayyo irrati yoo gatne, kadhannaa keenyatti yoo
jabaanne, nagaan Waaqayyoo garaa keenyaa fi yaada keenya in eega (Filiphisiius 4:6-7).
Walumaa gala egaa kadhannaan Waaqayyoo wajjin nama firoomsa, nagaa namaaf kenna,
macca dinootaa irratti injifannoo namaaf kenna, akaasumas nama boqochiisa. Kadhannaan
humna qaba; nama ijaara; biyya ijaara. Qe'ee ykn mandarri nuti keessa jiraannu illee
kadhannaa keenya irraan kan ka'e in eegama.

Ammas waa hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun,
galata dhiheessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamu nan gorsa.
1Xim 2:1
Yeroo hundumaa gammadaa! Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa! Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa.Hafuu ra qulqulluu hin ukkaamsinaa.
1Tasal 5:16-19
|
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
|
Hamma ammaatti isin maqaa kootiin waan tokko illee hin kadhanne; egaa gammachuun keessan guutuu akka ta'uuf kadhadhaa, in fudhattuus!
Yohannis 16:24
|
Mata-duree kadhannaa qabduu/Do you have prayer topic?
Send us...
Wanta irratti isiniif kadhannu yoo qabaattan, iddoo asii gaditti qophaa'eetti guutaatii nuuf ergaa. Yaada nu ijaaruu fi nu
jajjabeessu yoo arganne baay'ee gammadna. Isinis kadhannaadhaan nu bira dhaabadhaa. Ijoolleen Waaqayyoo yoo walii
kadhatan attam gaarii dhaa?
'Web Site' keenya kana yeroo yerootti akka ilaaltan kabajaan isin gaafatna. Nutis yeroo yerootti fula (page) qabnu hundaa in
haaressina. Gooftaan akka nu dandeessisus amantiin keenya jabaa dha.
If you have something you need us to pray for you, please send us the topic. Anything that looks hard and seems unbeatable
in front of human eyes and in human minds is just easy for God, our father. Let's present to Him and receive the answer.
Please enter your information and the topic of your prayer below.

1. Jajachuu (Praise)
attamii waaqeffachaa akka jirrutu nutti dhaga'amuutti ka'a. Yeroo kanatti lapheen keenya in banama; afuura
waaqeffannaa keessa lixna; afuurri kun immoo deebisee caalaatti akka jajannu nu taasisa. Jajachuun kun immoo
lubbuu keenya nu keessatti dadammaqsuu fi jajjabeessuutti ka'a; amantii keenya jabeessuutti ka'a. Yeroo kanatti,
wanti tokko illee Isaaf akka hin dadhabamne hubatna. Akka Isa jajachuu nu dandeessisuuf Waaqayyoon kadhachuun
akka nu barbaachisu Dawit faarsaa isaa keessatti in dubbata. "Ati arraba koo hiiki, yaa gooftaa! Afaan koos jajuu
kee in hima." (Faar 51:15) Kadhannaa keessa qofaatti utuu hin ta'in yeroo hundumaatti iyyuu Waaqayyon jajachuun
nu barbaachisa. Iddoo biraatti immoo akkana jedha Macaafa Faarfannaa keessatti, "Firdii kee isa qajeelaa sanaaf,
guyyaatti si'a torba sin jajadha." (Faar 119:164)
2. Galata (Thanksgiving)
Waan hundumaa caalaa, Waaqni keenya galata nu irraa barbaada. Waan galateeffannuufis baay'ee qabna. Gochaan
isaa woo lakkaa'amuu hin danda'uu, waan ittiin galateeffannu dhabnaa? Nuti jireenya keenya keessatti waan ittiin
galateffannu hedduu qabna; isaan keessaas hanga ta'e tarreessuu yaalla.
Kanneen asii gadii fi kkf galateeffanna:-
Waaqayyo ofii Isaatiin barbaadee uumama dinqisiisaa nu taasisee, uumama kaan irra ol nu taasisee waan nu uumeef
galatni Isaaf in ta'a. "isa Ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata Siif nan galcha;..." (Faar 139:14) Harka
Isaatiin biyyoo fuudhee nama godhee wann nu uumeef galateeffanna. "Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu
suphee dha; Ati immoo akka nama suphee dha'uutti harka Keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka Keetii
ti." (Isaa 64:8)
- Abbaa keenya is Waaqa irraa (Heavenly Father) waan ta'eef
Waaqayyo abbaa keenya, aboo mucummaas nuuf kenneera. Abbaa keenya isa lafa irraas in caala, Inni abbaa keenya
isa waaqa irraa (Maat 6:9) ti. "Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kiristossin
Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa." (Efe 5:20)
Waaqayyo akkasumaan nu jaallate. Wanti Inni nu irraa barbaadu galata. "Egaa si'achi Kiristoos isa ana keessaatu
jiraata malee,anatu jiraata miti; jireenaya amma fooniin jiradhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas
dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha." (Galaa 2:20) Waaqa akkasii galateeffachuun itti hin
xiqqaatuu? Isatu nu jaallate, utuu nuti Isa hin jaallatin. "Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; Inni garuu nu jaallate, ilma
Isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge." (1Yoh 4:10) Jalalli Isaas jaalala bara-baraa ti malee kan yeroon
murteessu miti, kanas karaa Ermiyaas raajichaa dubbateera. "... Ani jaalala bara-baraatiin si jaalladheera; kanaafan
gaarummaa Kootiin ofitti si dhiheesse." (Erm 31:3)
- Waan lubbuu isaa daarsee nuuf kenneef
Gooftaan keenya Yesus Kiristoos nuun du'a bara baraa oolchuuf jedhee lubbuu Isaa dabarsee nuuf kenne. Fannoo
Qaraaniyoo irratti nuuf jedhee akka hattuutti ykn akka yakkamaa tokkootti, utuu yakka tokko illee hin qabaatin,
fannifame. Jaalalli kana caalu maaltu jira?
- Waan cubbuu keenya nuuf dhiiseef
Gatiin cubbuu du'a, garuu Inni cubbuu keenya nuuf dhiisee du'a nu oolche; kanaaf in galateeffanna. "Cubbuu keenya
yoo Isatti himanne, Inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu in
qulleessa." (1Yoh 1:9) Yakka keenyaa fi irra-daddarba keenya nuuf dhabamsiiseera, deebisees hin yaadatu. "...irra-
daddarba keenya hundumaas nuuf dhiiseera." (Qol 2:13)
- Waan Afuura Isaa (Afuura Qulqulluu) nuuf kenneef
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos biyya lafaa kana irra yeroo ture gara abbaatti ol ba'uu Isaa dura akka Afuura
Qulqulluu nuuf ergu dubbateera (Yoh 16:7) Abbaa biraas yeroo Inni nuuf gaafate in argina. "Ani abba nan kadhadha,
Inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isinnif dubbatu isiniif in kenna." (Yoh 14:16)
- Waan dubbii ykn sagalee isaa nuuf kenneef
Namni biddeen qofaatiin hin jiraatu (Kees 8:3). Dubbiin Waaqayyoo barbaachisaa dha. Waaqayyo sagalee ykn
dubbii Isaa nuuf kennee, har'a kunoo isaan geggeeffamna. Dubbii Isaa kana immoo yoo akka gaariitti beeknee,
qabannee, ittiin jiraanne, Inni humna guddaa nuuf ta'a. "...Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa nan kaa'a... " (Erm
1:9)
- Waaqa garii waan ta'ee fi waan gaarii waan nuuf godheef
Inni gaarii dha, gaarummaas nutti agarsiiseera. "Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan Isaas bara baraan waan
jiraatuuf, isaaf galata galchaa." (Faar118:1) Nuti warra Isatti amannee fi kooluu Itti galleef gaarummaan Isaa dhuma
hin qabu. "Wanti gaariin inni ati warra si sodaataniif keesse, gaarummaan inni ati ilmaan namootaa duratti warra
kooluu sitti galanitti argisiifte, attam baay'ee dha." (Faar 31:19)
- Qulqulluu (Holy) waan ta'eef
Waaqni nuti waaqessinu qulqulluu dha, maqaan Isaas qulqullaa'aa dha. Isa galateeffachuunis nuuf in ta'a. "Waaqayyo
inni danda'aan, waan guddaa anaaf godhe; maqaan Isaa qulqulluu dha." (Luq 1:49) "Waaqayyoon gooftaa keenya
ulfinaan ol kaasaa, ejjeta miilla Isaa jalatti Isaaf sagadaa! Inni dhuguma qulqulluu dha!" (Faar 99:5)
Waaqayyo qajeelummaa nutti argisiiseera, firdiin Isaas qajeelaa dha. "Ani qajeelummaa Isaatiif jedhee Waaqayyoof
galata nan galcha, maqaa Waaqayyo abbaas faarfannaadhaan nan jajadha." (Faar 7:17)
- Hundumaa kan danda'u aango-qabeessa waan ta'eef
Waaqayyo Waaqa hundumaa danda'uu fi aango-qabeessa. "kunoo, Ani Waaqayyoo dha, sanyii namaa hundumaafis
gooftaa dha; wanti Anaaf hin danda'amne jiraa ree?" (Erm 32:27)
"...Ati anaa wajjin jirta, uleen Keetii fi dhaabanni Kee ana in jajjabeessu." (Faar 23:4)
- Jireenya keenyaaf sababii waan ta'eef (purpose for our life)
Waaqayyo jireenya keenyaaf sababii nuuf ta'ee nu jiraachise. Waan hundaa dursee nuuf qopheesse. "Nuyi hojii harka
Isaatii ti; hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kiristoos Yesus
uumamne." (Efe 2:10)
Gooftaan keenya furii keenya. "... Ati garuu abbaa keenya, furii keenya, maqaan Kees kan bara baraa ti." (Isaa 63:
16) Kattaa keenyaa fi furrii keenya ta'uu Isaa Macaafa Faarfannaa (Far 19:14) keessattis in argina. "Inni furii
namoota hundumaatiif ofii Isaa dabarsee kenne..." (1Xim 2:6)
- Ifa biyya lafaa waan ta'eef
"Eenyu illee kan Anatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, Ani ifa ta'ee gara biyya lafaa kanaa dhufeera."
(Yoh 12:46) Akkasumas Ergaa Yohannis isa duraa keessatti waaqayyo ifa ta'uu Isaa nutti dubbata. "Waaqayyo ifa;
dukkannis matumaa Isa keessa hin jiru..." (1Yoh 1:5)
Jajannaa fi galatni akkuma laphee keenya bananii, afuura keenya gammachiisanii lubbuu keenya damaqsan, furtuu
balbala mootummaa Waaqayyoo tis. Balbala bantii Waaqaa bananii bakka inni jirutti ol nu seensisu. "Galata
galchuudhaan gara balbala kellaa Isaatti, jajachuudhaanis gara oobdii Isaatti ol galaa!" (Faar 100:4) Jajannaa fi galata
dhiheessuudhaaf macaafni faarfanna boqonnaa 145 hanga 150 baay'ee gaarii dha. Maalummaa Isaaf akka jajattanii fi
galateeffattan argisiisa (gaarummaa, jaalala, humna, qulqullummaa, ogummaa, fi ulfinaa Isaa dubbata).
3. Cubbuu ofii himachuu fi dhiifamuu cubbuu amanuu (Confession and forgiveness)
Wanta Isa biraa gaafatnu ykn barbaadnu utuu hin dhiheeffatin dura cubbuu ofii himachuun ykn qalbii jijjiirrachuun
hubannaa guddaa dha. Kunis maliif yoo jenne, cubbuun (irra-daddarbaan ykn yakki) keenya gurri Waaqayyoo gara
keenya akka hin dhaggeeffanne godha. "...yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin in ittise,
akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiifis Waaqayyo fuula Isaa isin irraa in deebise." (Isaay 59:2)
Erga dhiifama Isa biraa gaafannee immoo akka Inni nuuf dhiise guutuudhaa-guutuutti amannee fudhachuutu nu irra jira.
"Cubbuu keenya yoo Isatti himanne, Inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina
keenya hundumaattiis nu qulleessa." (1Yoh 1:9) Erga Inni nuuf dhiisee garuu deebinee cubbuu sana hojjechuun
birmaduu keenya deebisee harqoota jala galchisiisa. Waaqayyos kana hin jaallatu. Phaawulos ergaa isaa keessatti
kana nu hubachiisa, "Birmadummaatti akka nuyi jirannuuf Kiristoos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa
dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!" (Galaa 5:1)
4. Himata/Iyyata (Suplication/Petition)
Kun immoo Waaqayyo isa aangoo qabu waan fedhan tokko gaafachuu dha. Wantoota gaafatnu kanas haala attamiin gaafatna?
- kan Waaqayyo irratti ulfaatu ta'uu qaba (Yoh 14:13) Gaaffiin ykn kadhati keenya ofittummaa irratti kan hundaa'e ta'uu
hin qabu.
- Amantiidhaan, shakkii tokko malee, gaafachuu qabna."Amantanii kadhataan waan dhiheeffattan hundumaa in
fudhattu." (Maat 21:22) "Kanaaf isinittan hima, waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhattaniitti
lakkaa'aa amanaa, isinii ta'uufis jira." (Maar 11:24)
- Akka fedha Isaatti gaafachuu qabna; dubbiin Isaa laphee keenya keessa jiraachuu qaba. "Isin Anatti qabattanii yoo
jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'a." (Yoh 15:7) "Akka fedha Isaatti
yoo Isa kadhanne, Inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti Isa amananna." (1Yoh 5:14)
- Waan gaafatnu maqaa Yesusiin gaafachuu qabna. Aangoon (aboon) maqaa Isaatiin gaafachuu nuuf kenneera. Maqaan
Isaa immoo waaqa irratti, lafa irratti, akkasumas si'ol keessatti humna qaba. Wanti hundumtuus maqaa Isaaf in
qoomma'a (in sagada)."Waanuma tokko isin maqaa Kootiin yoo kadhattan, Ani nan raawwadha." (Yoh 14:14)
5.Kanneen biroofis kadhachuu (Intercession)
Of irra darbinee lubbuuwwan biraaf, waldaaf, tajaajiltootaaf, biyyaaf, mootummaaf kadhachuun nu irraa eegama. Phaawulos
ergaa isaa keessatti kana nu gorsa. "Ammas waa hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun, galata
dhiheessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamu nan gorsa." (1Xim 2:1) Boqonnaadhuma kana lakkoobsa 2
yoo ilaalle, mootummaa fi biyya bulchuu keessatti aboo warra qabaniif kadhachuun akka nuuf ta'u argina. Eenyuuf
kadhachuun akka nu irra jiru afuura qulqulluutu nu hubachiisa, garuu nuti immoo hubachuu danda'uu fi nama Waaqayyo
nutti mul'ise sanaaf yemmusuma kadhachuu qabna.
Nu Waliin Kadhadhaa
Akkuma olitti xuqne,akkaataan itti kadhatan karaa baay'ee dha; akkaata kana qofaatti ta'uu qaba kan jedhu hin jiru,
garuu maqaa Yesusiin kadhachuun waan hundumaa caalaa barbaachisaa dha. Itti dabalee immoo amantiidhaan yoo
gootan akka fudhattanitti lakkaa'aa. "Amantanii kadhataan waan dhiheeffattan hundumaa in fudhattu" (Maat 21:22)
Egaa kadhannaa nuti kanaa gaditii keenye utuu hin kadhatin dura Waaqayyo humna qabeessaa fi waan hundumaa
gochuu akka Inni danda'u laphee keessan keessatti fudhadhaa. Waan maqaa Yesusin kadhattan in argattu. Wangeela
Yohannis keessatti Gooftaan keenya Yesus Kiristoos waan nuti kadhannu akka nuuf raawwatu yeroo dubbatu "...
Abbaan Ilma Isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa Kootiin kadhattan ani nan raawwadha. Waanuma
tokko maqaa Kootiin yoo kadhattan, Ani nan raawwadha." (Yoh 14:13-14) Mee eenyummaa eenyuu iyyuu dhisaatii
eenyummaa Yesus yaadaa kadhannaa isin ilaallatu kana gadii filadhaatii ittiin kadhadhaa!
Kadhannaan Maalfaa of keessaa Qaba?
Gooftaan ka'eera!