Kadhannaa
Kadhannaan maali, bu'aan isaas maali? Sagaleen Waaqayyoo maal jedha waa'ee kadhannaa? Dursinee Gaffilee kana gabaabsinee deebisuu yaalla. Isa boodas, maal irratti akkamittiin akka kadhachuun nuuf ta'u isiniif hirra.
Kadhanaan walquunnamtii ijoollee Waaqayyoo fi Waaqayyo gidduu ti. Kadhannaan Waaqayyoon gaafachuu, ulfina kennufii, galata galchuu, qalbii diddiirachuu(cubbuu ofii himachuu) of keessaa qaba. Kadhannaan leexaa/qofaa (Maatewos 6:6; 14:22) ykn tuutaan ( Maatewos 18:19-20) in ta'a; sagalee baafataniis ta'e callisanii yaadaa fi afuuraan kadhachuun in danda'ama.
Yeroo kadhannu lubbuu keenya ykn laphee keenya Waaqayyo durtti dhangalaasudhaan ykn gad-deebisuudhaan, afuuraan fuulaa fulatti Isaa wajjin wal quunnamna. Abbaa keenya ta'uu Isaa dhugaa baanaaf. Yesuus akka itti kadhannu yeroo nu barsiise, Abbaa kenyaa jennee akka jalqabnu nu barsiiseera (Maatewos 6:9). Aboo mucummaa qabnutti dhimma baana jechuu dha. Firoomni kana caalu, jaalalli kana caalu eessa jira?
Kadhannaan Waaqayoo wajjin michoomuu dha, kunis carraa fi kabaja guddaa (privilege) dha nuuf. Akkasumas immoo kadhachuun dirqama kiristiyaanotaa ti. Ofiif kadhachuu irra darbee namoota biraaf kadhachuun dirqama keenya. Isiraa'elonni Saamu'el akka kadhatuuf yeroo isa gaafatan, Saamu'el akkana jedhee ture: "...isiniif kadhachuu dhisuudhaan Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuun immoo ana irraa haa fagaatu." (1Saamu'el 12:23) Dirqama irra iyyuu darbee cubbuu ta'uu isaa dubbata jechuu dha. Kadhannaan deebii akka qabu macaafa qulqulluu keessatti bakka baay'eetti in argina. Akkuma sagaleen Isaa jedhu, Isatti qabannee
yoo jiraanne wanti nuti kadhannu nuuf in ta'a (Yohannis 15:7) Karaa Afuura Qulqulluus nutti in dubbata. Kadhannaa hundumaatu deebii qaba jechuus miti. Waaqayyo kadhannaa fedha Isaa irraa fagoo ta'e hin deebisu. Kadhannaan kan hin deebi'in hafu maaliif? Kana ilaaluuf as irra rukutaa.
Kadhannaa keenya diinni immoo attamitti ilaala? Kadhannaan diinatti duula banuu dha. Phaawuloos ergaa isaa keessatti, "Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna." jedha (Efesoon 6:12). Kadhannaan keenya hafuurota kana diiga. Kadhannaan akkasumas waamicha gara boqonnaatti nama geessuu dha. Waan hundumaa Waaqayyo irrati yoo gatne, kadhannaa keenyatti yoo jabaanne, nagaan Waaqayyoo garaa keenyaa fi yaada keenya in eega (Filiphisiius 4:6-7).
Walumaa gala egaa kadhannaan Waaqayyoo wajjin nama firoomsa, nagaa namaaf kenna, macca dinootaa irratti injifannoo namaaf kenna, akaasumas nama boqochiisa. Kadhannaan humna qaba; nama ijaara; biyya ijaara. Qe'ee ykn mandarri nuti keessa jiraannu illee kadhannaa keenya irraan kan ka'e in eegama.
Kadhannaan Maalfaa Of Keessaa Qabaa?
1. Jajachuu (Praise)
Jalqaba irratti Waaqayyoon jajachuun baay’ee barbaachisaa dha. Waaqayyoon yeroo jajachuutti kaanu, Waaqa attamii waaqeffachaa akka jirrutu nutti dhaga'amuutti ka'a. Yeroo kanatti lapheen keenya in banama; afuura waaqeffannaa keessa lixna; afuurri kun immoo deebisee caalaatti akka jajannu nu taasisa. Jajachuu kanaan immoo wanti tokko illee Isaaf akka hin dadhabamne hubatna. Akka Isa jajachuu nu dandeessisuuf Waaqayyoon kadhachuun akka nu barbaachisu Dawit faarsaa isaa keessatti in dubbata. "Ati arraba koo hiiki, yaa gooftaa! Afaan koos jajuu kee in hima." (Faar 51:15) Kadhannaa keessa qofaatti utuu hin ta'in yeroo hundumaatti iyyuu Waaqayyon jajachuun nu barbaachisa. Iddoo biraatti immoo akkana jedha Macaafa Faarfannaa keessatti, "Firdii kee isa qajeelaa sanaaf, guyyaatti si'a torba sin jajadha." (Faar 119:164)
2. Galata (Thanksgiving)
Waan hundumaa caalaa, Waaqni keenya galata nu irraa barbaada. Waan galateeffannuufis baay'ee qabna. Gochaan isaa woo lakkaa'amuu hin danda'uu, waan ittiin galateeffannu dhabnaa? Nuti jireenya keenya keessatti waan ittiin galateffannu hedduu qabna; isaan keessaas hanga ta'e tarreessuu yaalla. Kanneen asii gadii fi kkf galateeffanna:-
* Uumaa keenya waan ta'eef
Waaqayyo ofii Isaatiin barbaadee uumama dinqisiisaa nu taasisee, uumama kaan irra ol nu taasisee waan nu uumeef galatni Isaaf in ta'a. "isa Ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata Siif nan galcha;..." (Faar 139:14) Harka Isaatiin biyyoo fuudhee nama godhee wann nu uumeef galateeffanna. "Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu suphee dha; Ati immoo akka nama suphee dha'uutti harka Keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka Keetii ti." (Isaa 64:8)
* Abbaa keenya is Waaqa irraa (Heavenly Father) waan ta'eef
Waaqayyo abbaa keenya, aboo mucummaas nuuf kenneera. Abbaa keenya isa lafa irraas in caala, Inni abbaa keenya isa waaqa irraa (Maat 6:9) ti. "Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kiristossin Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa." (Efe 5:20)
* Waan nu jaallatuuf
Waaqayyo akkasumaan nu jaallate. Wanti Inni nu irraa barbaadu galata. "Egaa si'achi Kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenaya amma fooniin jiradhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha." (Galaa 2:20) Waaqa akkasii galateeffachuun itti hin xiqqaatuu? Isatu nu jaallate, utuu nuti Isa hin jaallatin. "Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; Inni garuu nu jaallate, ilma Isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge." (1Yoh 4:10) Jalalli Isaas jaalala bara-baraa ti malee kan yeroon murteessu miti, kanas karaa Ermiyaas raajichaa dubbateera. "... Ani jaalala bara-baraatiin si jaalladheera; kanaafan gaarummaa Kootiin ofitti si dhiheesse." (Erm 31:3)
* Waan lubbuu isaa daarsee nuuf kenneef
Gooftaan keenya Yesus Kiristoos nuun du'a bara baraa oolchuuf jedhee lubbuu Isaa dabarsee nuuf kenne. Fannoo Qaraaniyoo irratti nuuf jedhee akka hattuutti ykn akka yakkamaa tokkootti, utuu yakka tokko illee hin qabaatin, fannifame. Jaalalli kana caalu maaltu jira?
* Waan cubbuu keenya nuuf dhiiseef
Gatiin cubbuu du'a, garuu Inni cubbuu keenya nuuf dhiisee du'a nu oolche; kanaaf in galateeffanna. "Cubbuu keenya yoo Isatti himanne, Inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu in qulleessa." (1Yoh 1:9) Yakka keenyaa fi irra-daddarba keenya nuuf dhabamsiiseera, deebisees hin yaadatu. "...irra daddarba keenya hundumaas nuuf dhiiseera." (Qol 2:13)
* Waan Afuura Isaa (Afuura Qulqulluu) nuuf kenneef
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos biyya lafaa kana irra yeroo ture gara abbaatti ol ba'uu Isaa dura akka Afuura Qulqulluu nuuf ergu dubbateera (Yoh 16:7) Abbaa biraas yeroo Inni nuuf gaafate in argina. "Ani abba nan kadhadha, Inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isinnif dubbatu isiniif in kenna." (Yoh 14:16)
* Waan dubbii ykn sagalee isaa nuuf kenneef
Namni biddeen qofaatiin hin jiraatu (Kees 8:3). Dubbiin Waaqayyoo barbaachisaa dha. Waaqayyo sagalee ykn dubbii Isaa nuuf kennee, har'a kunoo isaan geggeeffamna. Dubbii Isaa kana immoo yoo akka gaariitti beeknee, qabannee, ittiin jiraanne, Inni humna guddaa nuuf ta'a. "...Kunoo, ani dubbii koo afaan kee keessa nan kaa'a... " (Erm 1:9)
* Waaqa garii waan ta'ee fi waan gaarii waan nuuf godheef
Inni gaarii dha, gaarummaas nutti agarsiiseera. "Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan Isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa." (Faar118:1) Nuti warra Isatti amannee fi kooluu Itti galleef gaarummaan Isaa dhuma hin qabu. "Wanti gaariin inni ati warra si sodaataniif keesse, gaarummaan inni ati ilmaan namootaa duratti warra kooluu sitti galanitti argisiifte, attam baay'ee dha." (Faar 31:19)
* Qulqulluu (Holy) waan ta'eef
Waaqni nuti waaqessinu qulqulluu dha, maqaan Isaas qulqullaa'aa dha. Isa galateeffachuunis nuuf in ta'a. "Waaqayyo inni danda'aan, waan guddaa anaaf godhe; maqaan Isaa qulqulluu dha." (Luq 1:49) "Waaqayyoon gooftaa keenya ulfinaan ol kaasaa, ejjeta miilla Isaa jalatti Isaaf sagadaa! Inni dhuguma qulqulluu dha!" (Faar 99:5)
* Qajelummaa isaaf
Waaqayyo qajeelummaa nutti argisiiseera, firdiin Isaas qajeelaa dha. "Ani qajeelummaa Isaatiif jedhee Waaqayyoof galata nan galcha, maqaa Waaqayyo abbaas faarfannaadhaan nan jajadha." (Faar 7:17)
* Hundumaa kan danda'u aango-qabeessa waan ta'eef
Waaqayyo Waaqa hundumaa danda'uu fi aango-qabeessa. "kunoo, Ani Waaqayyoo dha, sanyii namaa hundumaafis gooftaa dha; wanti Anaaf hin danda'amne jiraa ree?" (Erm 32:27)
* Nu wajjin waan ta'eef
"...Ati anaa wajjin jirta, uleen Keetii fi dhaabanni Kee ana in jajjabeessu." (Faar 23:4)
* Jireenya keenyaaf sababii waan ta'eef (purpose for our life)
Waaqayyo jireenya keenyaaf sababii nuuf ta'ee nu jiraachise. Waan hundaa dursee nuuf qopheesse. "Nuyi hojii harka Isaatii ti; hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kiristoos Yesus uumamne." (Efe 2:10)
* Furii keenya waan ta'eef
Gooftaan keenya furii keenya. "... Ati garuu abbaa keenya, furii keenya, maqaan Kees kan bara baraa ti." (Isaa 63:16) Kattaa keenyaa fi furrii keenya ta'uu Isaa Macaafa Faarfannaa (Far 19:14) keessattis in argina. "Inni furii namoota hundumaatiif ofii Isaa dabarsee kenne..." (1Xim 2:6)
* Ifa biyya lafaa waan ta'eef
"Eenyu illee kan Anatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, Ani ifa ta'ee gara biyya lafaa kanaa dhufeera." (Yoh 12:46) Akkasumas Ergaa Yohannis isa duraa keessatti waaqayyo ifa ta'uu Isaa nutti dubbata. "Waaqayyo ifa; dukkannis matumaa Isa keessa hin jiru..." (1Yoh 1:5)
Jajannaa fi galatni akkuma laphee keenya bananii, afuura keenya gammachiisanii lubbuu keenya damaqsan, furtuu balbala mootummaa Waaqayyoo tis. Balbala bantii Waaqaa bananii bakka inni jirutti ol nu seensisu. "Galata galchuudhaan gara balbala kellaa Isaatti, jajachuudhaanis gara oobdii Isaatti ol galaa!" (Faar 100:4) Jajannaa fi galata dhiheessuudhaaf macaafni faarfanna boqonnaa 145 hanga 150 baay'ee gaarii dha. Maalummaa Isaaf akka jajattanii fi galateeffattan argisiisa (gaarummaa, jaalala, humna, qulqullummaa, ogummaa, fi ulfinaa Isaa dubbata).
3. Cubbuu ofii himachuu fi dhiifamuu cubbuu amanuu (Confession and forgiveness)
Wanta Isa biraa gaafatnu ykn barbaadnu utuu hin dhiheeffatin dura cubbuu ofii himachuun ykn qalbii jijjiirrachuun hubannaa guddaa dha. Kunis maliif yoo jenne, cubbuun (irra-daddarbaan ykn yakki) keenya gurri Waaqayyoo gara keenya akka hin dhaggeeffanne godha. "...yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin in ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiifis Waaqayyo fuula Isaa isin irraa in deebise." (Isaay 59:2) Erga dhiifama Isa biraa gaafannee immoo akka Inni nuuf dhiise guutuudhaa-guutuutti amannee fudhachuutu nu irra jira. "Cubbuu keenya yoo Isatti himanne, Inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa." (1Yoh 1:9) Erga Inni nuuf dhiisee garuu deebinee cubbuu sana hojjechuun birmaduu keenya deebisee harqoota jala galchisiisa. Waaqayyos kana hin jaallatu. Phaawulos ergaa isaa keessatti kana nu hubachiisa, "Birmadummaatti akka nuyi jirannuuf Kiristoos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa!
Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!" (Galaa 5:1)
4. Himata/Iyyata (Suplication/Petition)
Kun immoo Waaqayyo isa aangoo qabu waan fedhan tokko gaafachuu dha. Wantoota gaafatnu kanas haala attamiin gaafatna?
- kan Waaqayyo irratti ulfaatu ta'uu qaba (Yoh 14:13) Gaaffiin ykn kadhati keenya ofittummaa irratti kan hundaa'e ta'uu hin qabu.
- Amantiidhaan, shakkii tokko malee, gaafachuu qabna."Amantanii kadhataan waan dhiheeffattan hundumaa in fudhattu." (Maat 21:22) "Kanaaf isinittan hima, waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhattaniitti lakkaa'aa amanaa, isinii ta'uufis jira." (Maar 11:24)
- Akka fedha Isaatti gaafachuu qabna; dubbiin Isaa laphee keenya keessa jiraachuu qaba. "Isin Anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'a." (Yoh 15:7) "Akka fedha Isaatti yoo Isa kadhanne, Inni nuuf in dhaga'a; akka kanatti Isa amananna." (1Yoh 5:14)
- Waan gaafatnu maqaa Yesusiin gaafachuu qabna. Aangoon (aboon) maqaa Isaatiin gaafachuu nuuf kenneera. Maqaan Isaa immoo waaqa irratti, lafa irratti, akkasumas si'ol keessatti humna qaba. Wanti hundumtuus maqaa Isaaf in qoomma'a (in sagada). "Waanuma tokko isin maqaa Kootiin yoo kadhattan, Ani nan raawwadha." (Yoh 14:14)
5.Kanneen biroofis kadhachuu (Intercession)
Of irra darbinee lubbuuwwan biraaf, waldaaf, tajaajiltootaaf, biyyaaf, mootummaaf kadhachuun nu irraa eegama. Phaawulos ergaa isaa keessatti kana nu gorsa. "Ammas waa hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun, galata hiheessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamu nan gorsa." (1Xim 2:1) Boqonnaadhuma kana lakkoobsa 2 yoo ilaalle, mootummaa fi biyya bulchuu keessatti aboo warra qabaniif kadhachuun akka nuuf ta'u argina. Eenyuuf kadhachuun akka nu irra jiru afuura qulqulluutu nu hubachiisa, garuu nuti immoo hubachuu danda'uu fi nama Waaqayyo nutti mul'ise sanaaf yemmusuma kadhachuu qabna.
Nu Waliin Kadhadhaa
Akkuma olitti xuqne,akkaataan itti kadhatan karaa baay'ee dha; akkaata kana qofaatti ta'uu qaba kan jedhu hin jiru, garuu maqaa Yesusiin kadhachuun waan hundumaa caalaa barbaachisaa dha. Itti dabalee immoo amantiidhaan yoo gootan akka fudhattanitti lakkaa'aa. "Amantanii kadhataan waan dhiheeffattan hundumaa in fudhattu" (Maat 21:22) Egaa kadhannaa nuti kanaa gaditii keenye utuu hin kadhatin dura Waaqayyo humna qabeessaa fi waan hundumaa gochuu akka Inni danda'u laphee keessan keessatti fudhadhaa. Waan maqaa Yesusin kadhattan in argattu. Wangeela Yohannis keessatti Gooftaan keenya Yesus Kiristoos waan nuti kadhannu akka nuuf raawwatu yeroo dubbatu "...Abbaan Ilma Isaatiin ulfina akka argatutti, waanuma isin maqaa Kootiin kadhattan ani nan raawwadha. Waanuma tokko maqaa Kootiin yoo kadhattan, Ani nan raawwadha." (Yoh 14:13-14) Ol deebi'aatii mata duree kadhannaa gara harka bitaatti jiran keessaa kan isin ilaallatu irratti kadhadhaa. |