Gaaffiilee Kana Deebisaa:
Waaqayyo eenyuun akkana jedhee?
1. "Inni kunoo, isa kanaatii ka'i, isa dibi!"
2. "Ka'i! ati maaliif adda keetiin gad gombifamte?"
3. "Waanuma akka Ani siif kennuuf barbaaddu Ana kadhadhu."
4. "Ati waa'ee biqiltuu sanaaf aaruu in tolchitee?"
Deebii:
1. Saamu'el (mootii akka inni tauuf Daawitiin dibuuf yeroo ergame)
(1Saamu'el 16:12)
2. Iyaasuu (Yeroo Aakaan cubbuu hojjetee jennaan dheekkamsi Waaqayyoo Israa'eloota irratti boba'ee ture)
(Iyaasu 7:10)
3. Solomoon (Solomoon mootichi mandara Gibe'onitti qalma gubamu erga dhiheessee booda achitti halkan
Waaqayyo abjuudhaan yeroo itti mul'ate)
(1Mootota 3:5)
4. Yoonaas (Araara Waaqayyo warra Nanawweedhaaf godhetti yeroo inni aare)
(Yoonaas 4:9)
Kana Beektuu Laata?
Yeroo Israa'elootni biyya Gibxii ba'an, glaanni issan fuul dura ture sun akka gargar hiramuuf; erga isaan
lafa gogaa irra ce'anii booda immoo warra Gibxii irratti, Konkolaattota saanii fi abboota fardeenii isaanii
irratti bishaanichi walitti akka deebi'uuf Waaqayyo yeroo lamaanuu Museedhaaf ajaja kana kenne: "Harka
kee galanicha irratti diriirsi!"
(Ba'uu 14:16, 26) - Kutaa kana 15 hanga 27tti dubbifachuu dandeessu.
Warri Gibxii Tiksee in jibbu turan.
(Uumama 46:34) |