When You're in Doubt/Mamiidhaan yoo Hidhamte
Kana irraa si fayyisuuf Inni amanamaa dha. Garuu isa duraa waa si hubachiisuu barbaadna.
Waaqayyo asii fi achi oofuu ti; dhaabbannaa hin qabaatu. Waan mamuuf inni kunis inni sunis hin
amansiisu; kanaafis, asii fi achi raafamuu qofa ta'a bu'aan isaa. Ergaa Yaaqoob keessatti sagalee
darbatamuu ti. Namni akkasii Gooftaa biraa waa nan argadha jedhee hin eeggatin! Garaan nama
fayyisaa laata, hoji naaf kennuu dand'aa laata, cubbuu koo naaf dhiisaa laata, kana na
dandeessisaa, sana na dandeessisaa laata jettee mamta taanaan waan Isa duraa qabdu sana
argachuuf hin eeggatin. Yoo mamii of irraa fageessite, kana hundumaa siif raawwachuu in danda'a.
Har'aa kaasii mamii of keessaa baasi. Yoo mamii malee kadhatteef gaaffiin furgaafama. ""Kanaaf
isinittan hima; waan kadhattan waan gaafattanis hundumaa akka waan fudhattaniitti lakkaa'aa
amanaa, isiniif ta'uufis jira." (Maar 11:24)
Kadhannaa kana nu waliin kadhadhu; har'aa kaasees Gooftaan si keessaa buqqisuuf amanamaa
dha, aango-qabeessas. Namaaf kan hin danda'amne Isaaf in danda'ama. "...Namaaf kan hin
danda'amne, Waaqayyoof in danda'ama..." (Luq 18:27)
"Yaa Waaqayyoo, mootii waaqaa fi lafaa, ulfina maqaa Keef ta'un siif dhiheessa. Waaqa waan
hundumtuu Siin ta'u, ani Sin jajadha. Gooftaa, namaaf kan hin danda'amne Siif in danda'ama,
mamii na keessaa buqqisi. Amantiin keennaa si biraa akka ta'e nan beeka; kanaaf, amantii
qabaadhee jajannaa, ulfinaa fi hoqubaa siif ta'uu malu akkan siif dhiheessuu danda'u yeroo kanatti
Sin kadhadha. Waan jette, waan kakuu naaf galte raawwachuu akka dandeessu of hubachiisuu akka
ani danda'utti amantii naaf kenni; amantii naaf baay'isi. Yeroo hundaa mamii malee amantiidhaan Si
gaafachuu fi Si irraa eeggachuu akka ani danda'utti na gargaari. Akka dha'aa galaanaa mamiidhaan
asii fi achi dha'amuu irraa na baraari. Abrahaam mamii malee Si amanatee Si eeggate,
qajeelummaattis lakkaa'ameef. Egaa yaa Gooftaa, akka eebbi koo na duraa hin hafnetti mamii na
irraa fageessi. Kana hundumaas waan naaf gootuuf galatni dhuma hin qabne Siif haa ta'u. Amen!"
Egaa yaa nama kana, deebitee mamiitti hin galin; of irraa ifadhu. Yeroo yerootti fuula Waaqayyoo
dura deddeebi'i. Teessoo Isaa duratti gad of deebisi, Inni si gonfaa. Waan eeggachaa jirtu amantii
guutuudhaan eeggadhu. Gooftaan si haa eebbisu.

2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
|