Home

About Us

Media

Prayer

Articles

Favorite Links

Comments
KKM - Jesus Is Lord! Yesus Gooftaa Dha!
Jesus Christ is the same yesterday and today and forever. Heb 13:8
Side With Truth
Got Jesus?
Jesus Will Return
Side With Truth
Watch Out
Disobedience Leads to Failure
Unanswered Prayers
God's Plan Can't Be Stopped
Why Did Jesus Come?

 Dhugaa Goruun Nama Baasa/Side with Truth

Inni qajeelummaa kee akka ifaatti, dhugaa kees akka aduu saafaatti, bakkeetti in baasa. Faar 37:6

Dubbiin (Sagaleen) Waaqayyoo yeroo hundumaa dhugaa dha. Baroota dura, har’as, bara-baraanis dhugaa dha. Jiraataa dha; humna hojjetus of keessaa qaba (Ibr 4:12).

Namni dhugaa kana qabatee itti jiraatu sammuun isaa fi lapheen isaa madaa tokko malee jiraata. Madaa gochaa ofii isaatiin itti dhufu irraa walaba ta’ee (with no shame) jiraata. Namni akkasii, yeroo hundumaa Waaqayyoo wajjin walii galee waan jiraatuuf bir’aa tokko malee, soda tokko malee in deddeebi’a. Nagaa fi gabidhaanis in jiraata. Dhugaa bira goruu isaatin wanti isa ceepha’u hin jiraatu.

Dhugaan yeroo duukaa ykn haala duukaa hin gedderamu. Baay’ina sobaatiinis dhugaan dhugummaan isaa hin hafu. Sobni dhugaa tokkoon mormu baay’achuun feetu yeroof dhugaa dhossuu hin yaala ta’a, garuu awwaalee hambisuu ykn dhugich soba taasisuu hin danda’u. Namootni baay’een soba irratti walii galuudhaan ykn gara sobaa goruutiin dhugaa dhugummaa isaa jijjiiruu hin danda’an. Heddumminaan soba irratti walii galuudhaan (majority), hir’ee gargaaramuudhaan (force), haala duukaa bu’uudhaan (situations), fi KKFn dhugaa ukkaamsuun yeroo yaalamu in argina, garuu dhugaa sana dhugummaa isaa hambisuun hin danda’amu. Waga kuma lama dura Ilma Waaqayyummaa Yesus, Waaqayyummaa Isaa, Kiristos ta’uu Isaa hukkamsuuf namootni hedduun irratti walii galuudhaan Isa fannisiisanii awwaalchisan. Wanti sun garuu Gooftummaa Isaa, Masihicha ta’uu Isaa, Waaqayyummaa Isaa hambisuu hin dandeenye. Gaafa Yeroon Waaqayyoo ga’u humni Waaqayyoo awwaalicha fonqolche. Yesusis in kaafame! Gooftummaan Isaa har’as bara baraanis sanuma ta’ee hafe. Haleeluyyaa!

Namootni soba ykn waan qajeelaa hin ta’in irratti walii galuudhaan fedha isaanii yeroof bakkaan in ga’atu ta’a, garuu dhumni isaanii salphina ta’a. Macaafni Qulqulluun akka nutti argisiisutti, yeroo tokko Mootichi Ahab wa’ee dhaqee warra Sooriyaa rukutee Raamot-Giil’aadiin debisee qabachuu fedhee dhugaa Waaqayyoo (gorsa nama Waaqayyoo Yoshaafaaxiin) isaan irraa dhaga’u barbaadee raajota isaa dhibba afur walitti qabate. Isaan, dhibbi arfanuus waan tokko irratti walii galan. Innis, “Biyyatti sana  Waaqayyo harka kee keessa in buusaatii, dhaqi!” (1Mot 22:6) ittiin jedhan.  Dhibbi arfanuu hafuura sobaan geggeeffamanii (1Mot 22:23), soba irratti walii galanii dubbatan. Mooticha Ahabiin yoo gammachiise iyyuu Yoshafaxitti waan itti fakkaachuu dideef, namni Waaqayyoo kan biraan barbaadamee dhufe.  Miikiyaas namni Waaqayyoo, namni dhugaan immoo qofaa isaa dhugaa qabatee moticha dura dhaabate. Namni dhugaa Waaqayyoo qabatee dhufe kun baay’ina jara warra soba irratti tokkummaa uummatanii, warra sobaan mooticha gammachiisuuf dhiyaatanii, warra mooticha gammachiisuuf gara sobaa goranii ilaalee dhugaa irraa hin mittiqne. Raajotni mootichaa soba irratti akkuma walii galan raajiin Waaqayyoo kun (Miikiyaas)soba sana irratti walii hin galle. Yoo lola kanatti babba’e akka inni ajjeefamu itti dubbate (1Mot 22:17). Warri danuun sun (400) Afaan tokkoon soba sana dubbachuun isaanii, akkasumas immoo aangoon mootichaa isa sodaachisuu ykn dhugaa sana akka inni aguugu ykn akka inni dhoksu isa gochuu hin dandeenye. Amma kabalamutti illee yoo ga’e dhugaaf salphachuun, mana hidhaatti illee galfamuun isa hin salfachiisne, dhugaa sana irraa isa hin kaachifne. Dhugaan gaafa mul’atu warri soban qaana’uuf, salphachuuf jiru waan ta’eef, wanta irratti murtaa’uuf xinnoo ishee illee wanta yaadda’e hin fakkaatu. Kutaa macaafaa kana (1Mot 22) yoo dubbifattan, dhugaa qabatanii deemuun akka nama hin yellaasifne in hubattu. Dhugaa yoo qabattan dhugaan keessan akka aduu saafaatti bakkeetti in ba'a. (Faar 37:6)

Miikiyaas dhugaa dubbachuu irraa gara boodaatti hin deebine. Gartuu ykn kan gara isaa goran baay’ifachuuf dhugaa irraa hin hiiqne. Jechuma biyya lafaa keessa illee “Dhugaa qabatanii lafa dhihe buluu wayya” jedhu mitii? Nama dhugaa qabatetti takkaa itti hin dhihu! Yeroo hundumaa dhugaan sun in ibsaaf waan ta’eef. Egaa, hin sodaatinaa. Soba irratti baay’inaan walii galuun dhugaa dhugummaa isaa hambisuu hin danda’u. Kanaaf, yeroo hundumaa gara dhugaa goruuf yaalaa. Gara dhugaa goruun nama baasa! Gara dhugaa goruun nama ceesisa!Warri soba irratti walii galan, dhuma irratti akkuma qaana’an, mootichas akka ajjeefamu akkuma godhan, gara sobaa goruun dhumni isaa bareedaa miti.

Dhugaan dhokatee ykn awwaalamee bara baraan hin hafu waan ta’eef, gaaf tokko, gafa guyyaan isaa Waaqayyo biraa ta’u ifatti in ba’a. Gaafa dhoksaan sobaa sun ifatti ba’u (saaxilamu) immoo warra soba sana hammataniif salphinatu ta’a. Yeroo hundumaa dhugaa hubachuuf dhimmaa. Kan namootni jedhan irratti walii galuu dura dhugaan isaa maal akka ta’e beekaa. Dhugaa Waaqayyoo hubadhaa. Dhugicha hubachuun birmaduu isin baasa (Yoh 8:32). Dhugaa hubachuun sobaa wajjin walii galuu, firdii ykn murtee jal’isuu, nama wal caalchisuu (partiality), obboloota (nama) jibbuu, Waaqayyoon wallaaluu, Kiristosiin hubachuu dadhabuu, walumaa galatti, cubbuu isa du’atti nama geessu irraa birmaduu nama baasa.

Say no to Devil. Seexana is abbaa soba ta’ee wajjin walii hin galinaa. Gara dhugaa goraa, hin yellaatanii! Gooftaan isin haa eebbisu. Dhugaa Gooftichaatti qabamaa bara dheeraa jiraadhaa.

Home
About Us
Media
Prayer
Articles
Favorite Links
Comments