Home

About Us

Media

Prayer

Articles

Favorite Links

Comments
KKM - Jesus Is Lord! Yesus Gooftaa Dha!
Jesus Christ is the same yesterday and today and forever. Heb 13:8
Testimonials
Jesus Will Return
Jesus For You
Bible Quizes
Bible Resources
Daandii Jireenyaa TV
Testimonials
Isin Anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin Koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as.  Yoh 15:7
If you abide in Me, and My words abide in you, you will ask what you desire, and it shall be done for you.   John 15:7


Dhuga-ba'umsa obbolootaa irraa nuuf ergaman keessaa muraasa asitti maxxansineerra. Wanta jireenya isaanii keessatti raawwatameef galatni isaa Waaqayyo duwwaaf haa ta'u. Akkuma isaan jedhanitti keenyeerra.

1.Kuku-Kumera,
wanna biraa wantan jedhun dhabbee Waaqayyo gooftaan koo isn haa eebbissu baay'een itti boqodhee tajjajjillaa keessanitti, kun hojjii guddaa dha!

2. Duraan dursee nagaan Goofta  keenya yeesus kristoos isini waajjin haa ta'u. Osoo gara ijoo dubbitti hin galin wanin isinitti dubbadhutu jira. Inis ani kanan guddadhe maatii Waaqayyoon beeku keessatti guddadhee garuu biyyaa ba'ee biyya amantiin kiristaanaa keessa hin baay'anne keessa dhufee waa'ee amantii dagadhee turee guyya tokko oduu dhagefachuuf website gadaa bane isan booda akka tasa web site kuku-kumera yeroon banu lubbuu ko badee kan barbaadu  argadhe, galanni waaqayyof haa ta'u. waan hundumtuu maaqaa gooftaa keenya Yesus kiristoosiin naa haara'e abdiin koos. Maaqan isaa kan ulfaate haa ta'u. Anis akka barattoota goofta gaabbun hin hafne.kana caalaa waaqayyoo na ha gargaaru. Ameen! Barsiisaa fi gorsa keessaniin karaa irratti deebi'era waaqayyo dachaa dachaan isin ha eebbisu. Gorsaa fi barsiisa kana caalu akka isin na laattan maqaa waaqayyoon abdii qaba. Nagaa waaqayyoon turaa.

3. Nagaan Waaqayyoo inni dhuma hin qabne isiniif haa baay'atu. Akkam jirtu Waaqayyo isin haa eebbisu. Waggaa tokko dura na dhukkubaa ture, amma garuu Waaqayyo kadhannaa keessan dhaga'ee na fayyiseeraa Waaqayyoon naaf galateeffadhaa. Amma immoo anis namootaaaf nan kadhadha... jabaadhaa, lola amantii lolaa.

4. Deebiin kee Yammuu nagaé akka ulfi garaa Elsabeet keessaa gara gale garaa koo keessaas gammachuun gauutee natti dhaga'me. Waaqayyo tajaajila keessan kana haa eebbisu. Kadhannaan keessan kun itti naaf haa fufu.

5. Yesus Kiristos inni arfii du'aa cabsee du'aa ka'e inni Gooftaa dha! kanaan dura jireenya dhuunfaa koo tiif akka anaaf kadhattan isiinif barresseen ture;isinis akka naaf kadhattan na beeksiftanii turtan, waaqayyo inni afuura kadhataa isiin keessatti dhangalaasee haa eebbifamu.
Nuti barattootni "Bahir Dar University" jirru waaqayyo nu gargaaree amma kunoo erga afaan dhageenyuun wangeela dhaga'uu, waaqayyoon waaqessuu jalqabnee guyyaa lakkoofsiifneerra.Kanaan duratti sagantaa "fellowship" irratti afaan Amaariffan waan tureef sababa rakkoo afaanii irraa kan ka'e ijoollonni naannoo Oromiyaa irraa dhufan saganticharra irratti hirmaanna isaan godhan hin jiruu yoo jeenne nuu hin leeyyaasisu.Sababa kana irraa kan ka'e immoo ijoollonni biyyatti tajaajilaa turan utuu ayyana waaqayyoo baatanii afaan waan hin dandeenyeef tajaajila dhaabanii turan, kunis guddina afuuraa isaanii irratti midhaa cimaa fidaa tureera.Warri kaan immoo afaan waan hin dhageenyeef fellowshipiis ta'ee waldaa kirstaanaa magaala keessa jiru illee hin deeman, dinni immoo kana sababa godhachuu dhaan ijjoollota baay'ee mana waaqayyoo keessaa baasaa ture.Amma garuu waaqayyoon haa galatuu dubbiin isaa gara galeera.Ijoollonni mana waaqayyoo keessaa ba'an deebi'aa jiru, warri keennaa tajaajilaa qabanis tajaajila isaanii itti fufanii jiru. Haa ta'u malee karaa hundumaan waallaansoo cimaa keessa jirra. Kanaaf kadhannaa keessaniin nu bira akka dhaabattan isiniin jenna.

Barreefama barsiisaaf ta'u illee nuuf eerguu akka yaaltan jaalala waaqayyoon isiin gaafanna. Fakkeenyaaf mata dure kadhannaa jedhuun isa isiin qilleensa irra oolchitaan argannee itti gammanerra.

6. Delightful news..Akkam jirtu fayyaa keessani? Ani galatni waaqayyo keenyaaf haa ta'u nagaa kooti. yeroo darbe biyya Gibxii keessa akkan jiru isinitti hime akkan achii ba'uuf naaf kadhadha jedhee isinitti beeksiseen ture. Waaqaqyyo kadhannaa keessan dhaga'e kunoo har'a biyya gaarii keessa na kaa'eera. Kanaaf waaqayyoon naaf galateegffadha! Waaqayyo dachaa isin haa eebbisu! hojii gaari jalqabdan kana ittuma fufa! waaqayyo isinii wajjin haa ta'u! Ameen!
Diriba

7. .Ergaan  isin karaa kanaan nuuf dabarsitan baay'ee nugare. Baay'ee itti eebbifamneerras. Waaqayyo Gooftaan isin yaa eebbisu jabaadhaa. Barruulee hafuuraa yoo qabaattan nuu ergaa.
Darajjee

8. Weebsaayitii keessan yeroo yerootti hordofuudhaan baay'ee waan natti tolee waa'ee Waaqayyoo waan hedduu na barsiise. Anis jireenya koo of madaaluun gara Waaqayyootti deebi'eetan dhiyeenya kana Gooftaa Yesusiin akka fayyisaa lubbuuu kootti fudhadheera. Maaloo adaraa hojii keessan itti fufaa...

FAANTAA


9. Waaqayyoo guddaa guddisee isiin haa eebbisu Taajajila keessaniin baayyee taajajilamaan jira biyya waldaan keessatti hin dagaagne biyya India keessatti mana koo keessatti taahen tajaajila keessaniin guddaa eebifamaan jira, adaraa kadhannaa keessaniin na yaadadhaa.
Gooftaan isiin haa Eebbisu.

Addisuu

Home
About Us
Media
Prayer
Articles
Favorite Links
Comments