Home

About Us

Media

Prayer

Articles

Favorite Links

Comments
KKM - Jesus Is Lord! Yesus Gooftaa Dha!
Jesus Christ is the same yesterday and today and forever. Heb 13:8
Unanswered Prayers
Got Jesus?
Jesus Will Return
Side With Truth
Watch Out
Disobedience Leads to Failure
Unanswered Prayers
God's Plan Can't Be Stopped
Why Did Jesus Come?

 Kadhata Hin Debi'in Hafu/Unanswered Prayers

Kadhannaa hundumaatu deebii qaba jechuus miti. Waaqayyo kadhannaa fedha Isaa irraa fagoo ta'e hin deebisu. Sababii Waaqayyo kadhannaa tokko tokko hin deebifneef mee haa ilaallu.

1. Gooftaa wajjin tokkumaa qabaachuu dhabuu
Kan amane hundumti Waaqayyoo wajjin tokkummaa akka qabatu waamame."Waaqayyo, Inni gara tokkummaa ilma Isaa Yesus Kiristoos gooftaa keenyaatti isin waame amanamaa dha." (1Qor 1:9) Yoo tokkummaa sana keessa hin jirru ta'e, wanti nuti gaafatnu deebii dhabuu in mala.

2. Maqaa Yesusiin abbaa gaafachuu dhiisuu
Maqaa Yesusiin yoo gafatne ykn kadhanne, nuuf in kennama. Maqaa Isaatiin kadhachuuf aboo nuuf kennameera. Yesus, ergamoota Isaatti yeroo dubbatu, "...maqaa Kootiin abbaa waan kadhattanis akka Inni isiniif kennuuf, Ani isin kaaseera." jedha. (Yoh 15:16) Maqaa Isaa malee kadhachuun deebii gaaffii keenya hambisuu danda'a.

3. Gaafachuu dhiisuu yookiis waan hin taane irra dhaabbatanii (wrong motive) gaafachuu
Waan xiqqoo dha jennee gafachuu dhiisuun ykn immoo yaada hammeenyaa fi ofittumma, of tuulummaa, hinaaffaa, kajeellaa ykn jibba irra dhaabanne yoo kadhanne kadhannaan keenya nuuf hin dhaga'amu. "Waa kajeeltu malee, hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan. Nama qocoltu, nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan dhiiftanii, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan. Yoo kadhattan immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif hin fudhattan; isin kajeellaa keessan itti ba'uudhaaf yaaddanii in kadhattu." (Yaaq 4:2-3)

4. Akka fedha Waaqayyootti gafachuu dadhabuu
Fedhi Waaqayyoo dubbii (sagalee) Isaa dubbifachuu fi dhaggeeffachuun barama; akkasumas, Isaa wajjin yeroo qabaachuudhaan hubatama. Fedhii Isaa hin beeknu taanaan, wanti nuti kadhannu baay'een hin deebi'u, fedha Isaa bakkee ta'uu waan danda'uuf.

5. Dubbii Waaqayyoo of keessaa dhabuu
Dubbii Waaqayyoo of keessaa dhabuudhaan akka itti kadhannu wallaalla, gar malee gafachuus fiduu danda'a. Gar malee yemmuu gaafannu immoo deebii dhabuu dandeenya.

6. Shakkii fi amantii hir'ina
Shakkuu ykn mamuun gooftaa biraa wanta kadhanneef deebii nu dhabsiisa.  "Garuu utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka dha'aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi oofamee darbatamuu ti. Namni akkasii gooftaa biraa waa nan argadha jedhee hin eeggatin." (Yaaq 1:6-7)

7. Abdii kutachuu
Wangeela Luqaas boqonnaa 18 irratti utuu abdii hin kutatiniif utuu hin nuffin kadhachuun deebii akka argamsiisu in hubanna. Yoo eegnee daadhabnee nuffinee itti dhifne garuu kadhannan keenya utuu hin deebi'in hafa.

8. Dhiifama gochuu dadhabuu
Dhiifama gochuu dadhabuun quunnamti Waaqayyoo wajjin qabnu cabsa. Ofii dhiifama Waaqa biraa gaafachaa namaaf immoo dhiifama hin goonu yoo ta'e, kadhannaan keenya deebii hin argatu. Dubbiin Waaqayyoo akkana jedha, "Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftan, abbaan keessan Inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa. Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra-daddarbaa keessan isiniif hin dhiisu." (Maat 6:14)

Egaa walumaa galatti, waanta akkas akkasiif kadhannaan hin deebi'in hafa.

Home
About Us
Media
Prayer
Articles
Favorite Links
Comments