Home

About Us

Media

Prayer

Articles

Favorite Links

Comments

Watch Out
KKM - Jesus Is Lord! Yesus Gooftaa Dha!
Jesus Christ is the same yesterday and today and forever. Heb 13:8
Watch Out

Adda Ba'uu fi Adda baafachuu

I urge you, brothers, to watch out for those who cause divisions and put obstacles in your way that are contrary to the teaching you have learned. Keep away from them. For such people are not serving our Lord Christ, but their own appetites. By smooth talk and flattery they deceive the minds of naive people. Everyone has heard about your obedience, so I am full of joy over you; but I want you to be wise about what is good, and innocent about what is evil. The God of peace will soon crush Satan under your feet. (Rom 16:17-20 [NIV])

Yeroo isaa ilaalladhaa; bara isaa hubadhaa. SAGALEE WAAQAYYOO DUBBIFADHAA, HUBADHAA. Barri haaraan isin jalqabdan kun bara isin Kiristosii fi kan Kiristos ta’an itti adda baafattan isiniif haa ta’u.

Phaawulos ergaa olitti tuqame kana kan erge, akka macaafni jedhutti, qulqulloota Waaqayyoon jaalataman kan Roomaatti argamaniif ture. Roomaan yeroo sanatti addunyaa kana irraa kan baay’ee guddattee yeroo sanatti qaroomtee jirtu, waanuma fete gochuu kan dandeessu kan itti fakkaatu magaalaa ‘Roman Empire’ turte. Namootni Waaqayyo jaallate, isaanis Gooftaa jaallatan, sagalee misiraachoo dhaga’anii Kiristos Yesusitti kan amananii qulqulloota jedhaman haa xinnaatu iyyuu malee achi turaniiru. Isaan kanaaf akka jabaatanii dhaabataniif caafa ture.

Phaawulos kana kan jedhe waan tokko hubatee ti. Namootni waan hojii Kiristos hojjetan fakkeessanii bu’aa mataa isaaniif jecha obboloota gidduutti garaa garummaa uumaa turan. (Remember the principle of divide and conquer as in the world???) They put their interest above the welfare and interest of those brothers in Christ. Kanaaf dubbii isa dhugaa, dhugaa sagalee Waaqayyoo isa dhageessan ykn isa barattan sana hubadhaa jechuu isaa ti. Yoo dhugaa sana hubatan akka sagalee Waaqayyoo sanatti adeemu malee namoota bu’aa mataa isaaniif adeeman duukaa asii fi achi hin raafaman jechuu dha. Akkasumas immoo gufuu isaan akkana kun kaa’aniin hin gufatan jechuu dha. Kan nama baasu, kan jireenya namaaf ta’u aangoo fi qabeenya isa jal’inaan argamu utuu hin taane Kiristos qofa akka ta’e adda baafatanii in beeku jechuu dha. Qabeenya jal’inaan argame waliif hiruu akkasumas iddoo/barcuma Gooftaa biraa hin ta’in waliif kennuu/hiruun gargar baasuun obboloota dhiga Yesusiin bitamaniif gufachuu, namoota kana keessaa qooda qabaniif immoo badiisa fida.

Sagaleen kun har’as dhugaa dha. Kiristosiin obboloota kan ta’an gargar hiraa diinota Kiristosii wajjin immoo ‘nuti/isin tokko’ jechuun Kiristos Yesus biraa miti. Warra biyya lafaa hundumaa wajjin ‘nuti tokko’ jechuun waa of boodaa qaba. Isa keesaa inni tokko bakka hundumaatti jaalatamuuf (just for popularity) akka ta’e hubatamaa dha. Guess what? Xoofoo Gooftaa keessaa akksumas xoofoo hafuurota hamootaa keessaa dhuguun hin danda’amu. (1Cor 10:20-21) Yesus akka nuti isaaf adda taanuuf nuuf du’e malee akka nuti warra isa arrabsanii wajjin ‘nuti tokko’ jennuuf miti. “Yesus si fayyisuuf du’e, isatti amani” jennee sagalee misiraachoo Wangeela keessa jiru itti himnee erga inni/isheen itti amantee tokko taana. Hubadhaa, warri akkasii kun utuu dhuguma tokkummaa namootaa fedhu ta’ee maaliif tokkummaa qulqullootaa jibbu????

Ergamaan (Apostle) Waaqayyoo kun ergaa isaa kan biro keessatti adda ba’uun kan nu irra jiru maal irraa akka ta’e in mul’isa. Adda ba’un:
1. warra ‘ani amaneera’ ykn ‘obboloota’ jechaa wanta xuraa’aa hojjechuu jireenya isaanii godhataa, ulfina Waaqayyoo yeroo hundumaa salphisaa, Kiristosiin arrabsaa  arrabsiisa akkasumas tuffachiisaa jiraatan irraa ti. (1Qor 5:11) Wara akkasii kana deebisuun akkam cimaa akka ta’e Ibr 6:4-6 dubbifachuu dandeessu.
2. Warra hin amanne, warra dhiiga Kiristos Yesus isa isaaniif dhangala’e tuffatan irraa ti. (2Qor 6:14) Warri Yesusiin fudhanne xuraa’ummaa fi mudaan keenya hundumaa dhiiga Isaatiin waan nu irraa miica’meef qajeelota warra mudaa hin qabne jedhamnee waamamneerra. (Qol 1:22) Egaa qajeelinnii fi jal’inni maal walitti qabu ree? Ifnii fi dukkanni maal walitti qabu ree? Kiristosii fi Seexanni attamitti walii galu ree? Nuti warri mana qulqullummaa Waaqayyoo taane waaqayyoolii tolfamoo wajjin maal walittii qabna ree? (2Qor 6:14-16) Wanta Waaqayyo ciiga’u irraa fagaadhaa.

MAALOO … SAGALEE WAAQAYYOO DUBBIFADHAA, HUBADHAA, ITTI JIRAADHAA!!!!! Don’t get on board with those ‘drunk drivers’. Hallayyaa akka hin seennee ilaalladhaa. Hubannaa fi ogummaan Kiristos keessatti argama. Geggeessaan keessan Yesus haa ta’u. Namootni kallessa kan biraa har’a kan biraa ta’anii argina. Waanuma argachuuf fiigan irratti hundaa’a haalli isaanii. As long as they think they would be benefited, many would decide to turn around 180 degree in a moment whether or not it is godly. Take your eyes off of those who serve their own appetites. Fix your eyes on Jesus.

Yesus isa hin gegeddaramne irra kaa’adhaa ija keessan. Gooftaan inni jaalala bara baraan isin jaallate ayyaana isiniif haa baay’isu. Ayyaana Isaatiin kan hin danda’amne hin jiru. Kennaa hafuurota gargar baasuu (discerning of spirits) isiniif haa kennu.

Home
About Us
Media
Prayer
Articles
Favorite Links
Comments
Watch Out