...Hafuura kootin malee humnaan miti, aangoodhaanis miti. Zakaariyaas 4:6
Wanta yaada sitti ta'u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha. M. Faarfannaa 55:22
|
Witness
2006-2010. Kuku-Kumera Ministries. All rights reserved.
Ammas waa hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra
kaaniif dubbachuun, galata dhiheessuunis Waaqayyo duratti nama
hundumaaf akka godhamu nan gorsa.
1Xim 2:1
Isin Anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin Koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as. Yohannis 15:7
If you abide in Me, and My words abide in you, you will ask what you desire, and it shall be done for you. John 15:7
Dhuga-ba'umsa obboloota irraa nuuf ergaman keessaa muraasa asitti maxxansineerra. Maqaa namootaa garuu
wanna biraa wantan jedhun dhabbee Waaqayyo gooftaan koo isn haa eebbissu baay'een itti boqodhee tajjajjillaa
keessanitti, kun hojjii guddaa dha!
2. Duraan dursee nagaan Goofta keenya yeesus kristoos isini waajjin haa ta'u. Osoo gara ijoo dubbitti hin galin
wanin isinitti dubbadhutu jira. Inis ani kanan guddadhe maatii Waaqayyoon beeku keessatti guddadhee garuu
biyyaa ba'ee biyya amantiin kiristaanaa keessa hin baay'anne keessa dhufee waa'ee amantii dagadhee turee guyya
tokko oduu dhagefachuuf web site gadaa bane isan booda akka tasa web site kuku-kumera yeroon banu lubbuu ko
badee kan barbaadu argadhe, galanni waaqayyof haa ta'u. waan hundumtuu maaqaa gooftaa keenya Yesus
kiristoosiin naa haara'e abdiin koos. Maaqan isaa kan ulfaate haa ta'u. Anis akka barattoota goofta gaabbun hin
hafne.kana caalaa waaqayyoo na ha gargaaru .Ameen! Barsiisaa fi gorsa keessaniin karaa irratti deebi'era waaqayyo
dachaa dachaan isin ha eebbisu. Gorsaa fi barsiisa kana caalu akka isin na laattan maqaa waaqayyoon abdii
qaba. Nagaa waaqayyoon turaa.
3. Nagaan Waaqayyoo inni dhuma hin qabne isiniif haa baay'atu. Akkam jirtu Waaqayyo isin haa eebbisu. Waggaa
tokko dura na dhukkubaa ture, amma garuu Waaqayyo kadhannaa keessan dhaga'ee na fayyiseeraa Waaqayyoon
naaf galateeffadhaa. Amma immoo anis namootaaaf nan kadhadha... jabaadhaa, lola amantii lolaa.
4. Deebiin kee Yammuu nagaé akka ulfi garaa Elsabeet keessaa gara gale garaa koo keessaas gammachuun gauutee
natti dhaga'me. Waaqayyo tajaajila keessan kana haa eebbisu. Kadhannaan keessan kun itti naaf haa fufu.
5. Yesus Kiristos inni arfii du'aa cabsee du'aa ka'e inni Gooftaa dha! kanaan dura jireenya dhuunfaa koo tiif akka
anaaf kadhattan isiinif barresseen ture;isinis akka naaf kadhattan na beeksiftanii turtan, waaqayyo inni afuura
kadhataa isiin keessatti dhangalaasee haa eebbifamu.
Nuti barattootni "Bahir Dar University" jirru waaqayyo nu gargaaree amma kunoo erga afaan dhageenyuun
wangeela dhaga'uu,waaqayyoon waaqessuu jalqabnee guyyaa lakkoofsiifneerra.Kanaan duratti sagantaa
"fellowship" irratti afaan Amaariffan waan tureef sababa rakkoo afaanii irraa kan ka'e ijoollonni naannoo Oromiyaa
irraa dhufan saganticharra irratti hirmaanna isaan godhan hin jiruu yoo jeenne nuu hin leeyyaasisu.Sababa kana
irraa kan ka'e immoo ijoollonni biyyatti tajaajilaa turan utuu ayyana waaqayyoo baatanii afaan waan hin
dandeenyeef tajaajila dhaabanii turan, kunis guddina afuuraa isaanii irratti midhaa cimaa fidaa tureera.Warri kaan
immoo afaan waan hin dhageenyeef fellowshipiis ta'ee waldaa kirstaanaa magaala keessa jiru illee hin deeman, dinni
immoo kana sababa godhachuu dhaan ijjoollota baay'ee mana waaqayyoo keessaa baasaa ture.Amma garuu
waaqayyoon haa galatuu dubbiin isaa gara galeera.Ijoollonni mana
waaqayyoo keessaa ba'an deebi'aa jiru, warri keennaa tajaajilaa qabanis tajaajila isaanii itti fufanii jiru. Haa ta'u
malee karaa hundumaan waallaansoo cimaa keessa jirra. Kanaaf kadhannaa keessaniin nu bira akka dhaabattan
isiniin jenna.
Barreefama barsiisaaf ta'u illee nuuf eerguu akka yaaltan jaalala waaqayyoon isiin gaafanna. Fakkeenyaaf mata dure
kadhannaa jedhuun isa isiin qilleensa irra oolchitaan argannee itti gammanerra.
6. Delightful news..Akkam jirtu fayyaa keessani? Ani galatni waaqayyo keenyaaf haa ta'u nagaa kooti. yeroo darbe
biyya Gibxii keessa akkan jiru isinitti hime akkan achii ba'uuf naaf kadhadha jedhee isinitti beeksiseen ture.
Waaqaqyyo kadhannaa keessan dhaga'e kunoo har'a biyya gaarii keessa na kaa'eera. Kanaaf waaqayyoon naaf
galateegffadha! Waaqayyo dachaa isin haa eebbisu! hojii gaari jalqabdan kana ittuma fufa! waaqayyo isinii wajjin
haa ta'u! Ameen!
Diriba
7. .Ergaan isin karaa kanaan nuuf dabarsitan baay'ee nugare. Baay'ee itti eebbifamneerras. Waaqayyo Gooftaan
isin yaa eebbisu jabaadhaa. Barruulee hafuuraa yoo qabaattan nuu ergaa.
Darajjee
8. Weebsaayitii keessan yeroo yerootti hordofuudhaan baay'ee waan natti tolee waa'ee Waaqayyoo waan hedduu
na barsiise. Anis jireenya koo of madaaluun gara Waaqayyootti deebi'eetan dhiyeenya kana Gooftaa Yesusiin akka
fayyisaa lubbuuu kootti fudhadheera. Maaloo adaraa hojii keessan itti fufaa...
FAANTAA
