Abjuu Kee Hin Dagatin, Waaqayyo Hin Dagatnee
Then he remembered his dreams…(Gen 42:9 [NIV])
Yoseef abjuu isaa isa, yoo xinnaate, waggota digdama dura argee ture irraanfatee ture. Atis abjuu fi mul’ata Waaqayyo siif kenne irraanfatteetta ta’a. Maali, maaliif dagatte? Waaqayyo garuu yeroo xiqqoof illee hin irraanfanne.
In order to view this video, you need Adobe Flash Player. If you don't have it, please install free from Adobe.
Inni yeroo abdii kennu, raawwachuu akka danda’u beekaaf siif kenne. Raawwachuufis yeroon itti hin darbu; Isaitti hin guyya’u. Abdii siif kenne dhugoomsuuf amanamaa dha. Namni waan si abdachiise sobuu, dagachuu, raawwachuufis dadhabuu danda’a. Gooftaan garuu akka namaa miti. Humni Isaas hin laafu; hirreen Isaas takkaa hin gabaabbatu. Wanta Gooftaan siif kakate eenyu illee karaatti hambisu hin danda’u. Feetu si duwwaatu hambisuu danda’a…innis, soda Waaqayyoo yoo deebitee dhabde hambisuu dandeessa. Hammeenyi nama biraa, jiibbi, hinnaaffaan, mareen jal’ootaa humna Waaqayyoo dhaabuu hin danda’u. Kara ati hin argine, kara ati hin hubanne haala hin fakkaanne keessatti hojjetee siif raawwata. Akkasumas, abdii jireenya barabaraa isa nuuf kennef Inni amanamaa dha!
Back |